Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Yaada Waaqayyoo kan Qabate Dhaa?

Kitaabni Qulqulluun Yaada Waaqayyoo kan Qabate Dhaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu hedduun wanti isaan barreessan Waaqayyo biraa akka dhufe dubbataniiru. Fakkeenyota armaan gadii ilaali:

  •  Daawit Mooticha: “Hafuurri Waaqayyoo ana keessaan in dubbate, dubbiin isaa afaan koo keessa jira.”—2 Saamuʼel 23:1, 2.

  •  Isaayaas raajicha: “Wanti Waaqayyo gooftaan maccaa dubbate kanatti fufe jira.”—Isaayaas 22:15.

  •  Yohaannis ergamaa: “Mulʼata Waaqayyo Yesuus Kiristoositti kennee fi karaa isaa mulʼise.”—Mulʼata 1:1.