Dhimma ijoo ta'etti seeni

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Dandeettii Simbirri Halkanii Qabdu

Dandeettii Simbirri Halkanii Qabdu

 Simbirri halkanii arguu kan dandeessu taʼus, gosti simbira halkanii hedduun yeroo halkanaaʼu haala naannoo isaanii, jechuunis wanti tokko fageenya hangamii irra akka jiru beekuuf sagaleetti fayyadamu. Fakkeenyaaf, gosti simbira halkanii tokko tokko saffisa bookeen busaa ykn boombiin baallee isaanii itti afarsan irratti hundaaʼuudhaan eenyummaa isaanii beekuu dandaʼu.

 Mee yaadi: Gosti simbira halkanii hedduun saanduqa sagalee ykn laagaa keessatti dambalii sagalee uumuudhaan sagalee sana karaa afaan isaanii fi funyaan isaanii baasu. Fageenya sagalee wanta tokkotti rukutamee deebiʼu beekuuf gurra isaanii isa guddaatti fayyadamu. Sagaleen kunis simbirri halkanii tokko fakkii siriidii (3D) wanta naannoo ishii jiru tokkoo sammuu ishii keessatti uumuuf ishii gargaara. Simbirri halkan tokko wacni simbirroota halkanii kaanii utuma jiruu illee bakka wanti tokko itti argamu, akkasumas dheerinaa fi fageenya wanti sun irratti argamu adda baafachuu dandeessi.

 Sagaleen simbirri halkanii sun dhageessu guutummaatti sirrii taʼuu qaba; sababiin isaas dogoggorri miilii sekoondii tokkoo illee (sekoondii 0.001) dheerina seenti meetira 17 (iinchii 6.7) taʼu akka dogoggortu ishii taasisuu dandaʼa. Qorattoonni tokko tokko simbirri halkanii dandeettii akkasii qabaachuu hin dandeessu jedhanii yaadu. Taʼus, qorannoon akka argisiisutti simbirri halkanii wanta fageenya miilii meetira tokko ykn isaa gaditti argamu sirriitti tilmaamuuf garaa garummaa saffisa naanoo sekoondii 10 (sekoondii 0.00000001) taʼu illee adda baafachuu dandaʼu!

 Qorattoonni ulee elektiroonikii sagalee fayyadamuu fi namoonni qaro dhabeeyyii taʼan wantoota naannoo isaanii jiranii fi isaan gufachiisan dabalatee, wantoota mataadhaan itti buʼuu dandaʼan kan akka damee mukaa irraa of eeguuf isaan fayyadu hojjetaniiru. Namoota ulee Baatken (Batcane) jedhamu kalaqanii fi Biraayan Hooyalii fi Diin Waatersi jedhaman, “Wanti meeshaa kana kalaquuf nu kakaase inni guddaan, dandeettii dinqisiisaa simbirri halkanii sagaleetti fayyadamuudhaan fageenya wanta tokkoo beekuuf qabdu beekuu keenya dha” jechuudhaan dubbataniiru.

 Maal sitti fakkaata? Dandeettii dinqisiisaan simbirri halkanii sagaleetti fayyadamuudhaan fageenya wanta tokkoo beekuuf qabdu jijjiirama tirannaatiin kan argame dhaa? Moo qaamni kana tolche jira?