Dhimma ijoo ta'etti seeni

Laga Maaroonii Irra Ol Deemuu

Laga Maaroonii Irra Ol Deemuu

 Namoonni qomoo gara garaa qaban, afaan gara garaa dubbatanii fi saba gara garaa keessaa dhufan, jireenya magaalaa isa fiigichaa fi sagaleedhaan guutame irraa fagaatanii bosona Amaazoon isa Kibba Ameerikaatti argamu keessa jiraatu. Kanaafuu Adoolessa 2017, gareen Dhugaa Baatota Yihowaa namoota 13 of keessatti qabate tokko Laga Maaroonii fi lageen kallattii bahaatiin Fireenchi Giyaanaa keessatti isatti dabalaman qabatanii deemuu jalqaban. Galmi isaanii maal ture? Ergaa Kitaaba Qulqulluu isa abdii namaaf kennu namoota qarqara lagichaa jiraataniif hiruu ture.

Imalichaaf Qophaaʼuu

 Deemsa guyyaa 12f godhamu sana ji’a tokko dura, warri imalicha irratti hirmaatan hundi walga’ii karoora baafachuuf godhamu irratti argaman. Wiinisliin, “Waa’ee naannoo sanaa fi seenaa isaa baranne, akkasumas imalichaaf akkamitti akka qophoofnu mari’anne” jechuudhaan wanta yaadatu dubbateera. Imaltoonni hundi mi’a wanta rarraasanii irra rafanii fi saaphana bookee busaa keessa kaawwatan qopheeffatan. Imalichi si’a lama xiyyaaraan deemuu fi sana booda immoo bidiruu xixinnoodhaan saʼaatii hedduu deemuu gaafata ture.

Kiloodii fi Liiseet

 Obboloonni filataman affeeramuu isaaniitti maaltu isaanitti dhagaʼame? Kiloodii fi Liiseet umurii soorama baʼan irratti waan argamaniif, affeerrii kana dafanii fudhataniiru. Kilood, “Baay’ee kanan gammade taʼus, xinnoo sodaadheen ture. Lagichi bakka tokko tokkotti akka nama sodaachisu dhaga’een ture” jedheera. Liiseetis wanta ishii yaaddesse ilaalchisee, “Afaan Ameerindiyaa akkamitti akkan dubbadhu na yaaddessee ture” jetteetti.

 Imaltoota sana keessaa tokko kan taʼe Mikaaʼelis akkasuma itti dhagaʼamee ture. Akkana jedheera: “Waa’ee gosa Wayaanaa waan hedduu hin beeknu. Kanaafuu, namoota afaan isaaniitiin nagaa gaafachuuf jechoota na gargaaran muraasa argachuuf intarneetii irraa hamma tokko qorannaan godhe.”

 Shiirliin ishiin abbaa mana ishii Jo’aanii wajjin imalte, afaanota naannoo lagichaatti dubbataman galmeeffattee turte. “Afaanota kana keessaa hedduu isaaniitiin viidiyoowwan argaman jw.org irraa buufanne, akkasumas kitaaba jechoota buʼuuraa afaan Wayaanaa barachuuf gargaaru arganne” jetteetti.

Biyya Ameerindiyaan Gaʼuu

 Kibxata Adoolessa 4, gareen sun Seeyint Loorent duu Maaroonitti xiyyaara yaabbatee, gara Maaripaasoolaa magaalaa xinnoo Fireenchi Giyaanaa keessatti fagaattee argamtutti deemsa jalqabe.

 Guyyoota arfan itti aananitti, gareen kun bidiruuwwan motaraa pirooguus jedhamaniin deemuudhaan, warra mandaroota lageen karaa oliitiin Maaroonitti dabalaman qarqara jiraataniif lallaban. Roolaandi inni miseensa garichaa taʼe, “Namoonni Ameerindiyaan ergaawwan Kitaaba Qulqulluutiif fedhii guddaa akka qaban hubanneerra. Gaaffiiwwan hedduu qabu, tokko tokko immoo Kitaaba Qulqulluu akka isaan qoʼachiisnu barbaadu” jedheera.

 Jo’aanii fi Shiirliin mandara tokko keessatti hiriyoota gaaʼelaa dargaggoota taʼanii fi firri isaanii dhiheenyatti of ajjeestee wajjin wal arganii turan. Jo’aan akkana jedheera: “Viidiyoo, Lammiin Ameerikaa Tokko Uumaa Isaa Argate a jedhu itti argisiisne. Hiriyoonni gaaʼelaa kunis viidiyoo kanaan baayʼee tuqaman. Nu wajjin wal qunnamuu isaanii itti fufuu waan barbaadaniif, iimeelii isaanii nuu kennan.”

 Lagicha irraa gara oliitiin bakki fagoon dhaqne Antekuumee Paataa ture. Iddoo kanatti hogganaan mandarichaa Dhugaa Baatonni dadhaban kun, wanta rarraasanii irra rafan bakka namoonni baayʼinaan argaman irratti akka afatan isaaniif heyyame. Kana malees, akkuma uummata naannichaa isaanis qaama isaanii lagichatti dhiqatan.

 Gareen kun bakka kanaa kaʼee, gara mandara Tiwiinkee kan deeme yeroo taʼu, jiraattonni naannichaa namni jaallatan tokko waan isaan jalaa duʼeef gadda irra turan. Eriik inni qindeessitoota imalichaa keessaa tokko taʼe, “Hogganaan gosichaa inni ‘Nama Guddaa’ jedhamu, mandaricha keessa bilisaan deemnee warra gaddan akka jajjabeessinu nuuf heyyame” jedheera. “Hogganichii fi maatiin isaa caqasoota nuti Kitaaba Qulqulluu Wayaanaa irraa dubbisne dinqisiifataniiru. Viidiyoowwan waa’ee abdii duʼaa kaʼuu ibsanis isaanitti argisiisneerra.”

Gara Magaalaa Giraandi Saantii fi Apaatuu Deemuu

 Imalli inni itti aanu, Maaripaasoolaatii kaʼee hamma magaalaa xinnoo Giraandi Saantitti irraan gadee lagichaa irra xiyyaaraan saʼaatii walakkaa deemuu ture. Miseensonni imalichaa Kibxataa fi Roobii ergaa Kitaaba Qulqulluu namoota naannichaatiif hiran. Kamisa immoo Dhugaa Baatonni kun Laga Maaroonii irra asii gad gara mandara Apaatuutti deemsa kan jalqaban yeroo taʼu, innis saʼaatii shanii fi walakkaa fudhata ture.

Laga Maaroonii fi bosona Amaazoon Maaripaasoolaa fi Giraandi Saantii gidduutti argamu

 Guyyaa dhumaa imalichaatti garichi mandara Maaroon isa bosona keessa jiru kan daawwatan yommuu taʼu, namoonni kun sanyii garboota Afrikaa yeroo Suurinaam ishiin biyya ollaa taate kolonii jala turtetti gara Ameerikaa Kibbaa dhufanii ti. Dhugaa Baatonni namoonni hundi gara dunkaana guddaa walga’ii kanaaf dhaabanii akka dhufan affeeran. Kilood, “Namoonni hedduun yommuu dhufan garaan keenya gammachuudhaan guutame. Kan isaan affeerre ganamuma sana ture!” jedheera. Kaaristan inni yeroo jalqabaatiif gara naannichaatti imale, Afaan Ookaaniin haasaa sabaa mata dureen isaa, “Jireenyi Isuma Amma Jiraannu Qofadhaa?” jedhu kenne. Namoonni mandaroota hedduu keessaa dhufan sagaltamii tokko walga’ii kana irratti hirmaataniiru.

“Ammas Deebiʼuuf Qophaaʼoo Dha!”

 Dhuma irratti miseensonni imaltoota sanaa Seeyint Loorent duu Maaroonitti deebiʼan. Hundi isaanii iyyuu jiraattonni sun barreeffamoota hedduu fudhachuu fi viidiyoo Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe hedduu ilaaluudhaan simannaa gaarii gochuu isaaniitti gammadanii turan.

 Liiseet, “Imala kana irratti hirmaachuu kootti gammachuu natti dhagaʼame jechaan ibsuu hin danda’u” jetteetti. Siindiinis kana irratti kan walii galtu si’a taʼu, akkana jetteetti: “Lammata deebiʼuun kan dandaʼamu utuu taʼee, carraa isaa argachuuf nan kadhadha. Kun hangam akka nama gammachiisu beekuu kan dandeessan yoo irratti hirmaattan qofa dha!”

 Imalli kun warra irratti hirmaatan keessaa tokko tokko deebiʼuuf fedhii akka qabaatan godheera. Mikaaʼel, “Ammas deebiʼuuf qophaaʼoo dha” jedheera. Wiinisliin Seeyint Loorent duu Maaroonitti galeera. Kiloodii fi Liiseet, lamaan isaanii iyyuu umurii waggoota 60mmanii keessatti kan argaman si’a taʼu, Apaatuutti galuuf murteessaniiru.

a JW Biroodkaastingii irratti argama.