Dhimma ijoo ta'etti seeni

Jireenya Salphaa Jiraachuuf Murteessine

Jireenya Salphaa Jiraachuuf Murteessine

 Maadiyaanii fi Maarseelaan Medeelin Kolombiyaa keessatti jireenya gaarii jiraatu turan. Maadiyaan hojii mindaa gaarii argamsiisu waan qabuuf mana bareedaa keessa jireenya qananii jiraatu turan. Haa taʼu malee, Dhugaa Baatota Yihowaa waan taʼaniif wanti jireenya isaanii keessatti dursa kennaniif maal akka taʼe irra deebiʼanii akka gamaaggaman isaan godhu tokko isaan mudate. Akkana jedhaniiru: “Bara 2006⁠tti walgaʼii addaa mata duree ‘Ija Fayyaa Qabaadhaa’ jedhu irratti argamne. Haasaa hedduun caalaatti Waaqayyoon tajaajiluuf jireenya salphaa jiraachuun barbaachisaa akka taʼe kan addeessu ture. Bakka walgaʼii sanaa yommuu deebinu nuti wanta kana irraa faallaa taʼe gochaa akka jirru hubanne. Namoota bituun araada itti taʼe taanee turre; liqiin kaffaluu qabnu hedduunis nu irra jira ture.”

 Karaa hafuuraa wanta isaan dammaqsu kana erga argatanii booda, Maadiyaanii fi Maarseelaan jireenya salphaa jiraachuu jalqaban. Akkana jedhaniiru: “Baasii keenya hirʼisuu jalqabne. Mana xinnoo tokkotti galle, akkasumas konkolaataa keenya gurgurree doqdoqqee tokko bitanne.” Kana malees, utuu itti hin yaadin bituu irraa of qusachuuf gara gabaa dhaquu isaanii ni dhiisan. Achiis waaʼee Kitaaba Qulqulluu namootatti himuu irratti saʼaatii dheeraa dabarsuu jalqaban. Sana booda warra tajaajiltoota addaa taʼanii hinaaffaadhaan Yihowaa tajaajilanii wajjin michummaa uuman. a

 Dhiheenyatti Maadiyaanii fi Maarseelaan gara gumii baadiyyaatti argamuu fi gargaarsi isa barbaachisu tokko dhaqanii tajaajila isaanii balʼifachuuf murteessaniiru. Bakka kana dhaquufis Maadiyaan hojii isaa dhiise. Hoggantuun isaa hojii kana dhiisuu isaatti akka maraate gootee yaadde. Kanaafuu, Maadiyaan akkana jedhee gaafachuudhaan sababa ishiidhaaf kenne, “Qarshii hedduu argatta, garuu gammachuu qabdaa?” Ishiinis rakkoowwan hedduu furuu hin dandeenye waan qabduuf gammachuu akka hin qabne dubbatte. Achiis akkana ishiidhaan jedhe: “Kanaafuu, dhimmi isaa qarshii meeqa argatta kan jedhu miti. Kanaa mannaa, ‘Wanti dhugumaan gammachuu siif argamsiisu isa kami?’ kan jedhu dha. Namoota waaʼee Waaqayyoo barsiisuun keenya anaa fi haadha manaa kootiif gammachuu argamsiiseera; kanaafuu, hojii kana irratti saʼaatii dabalataa dabarsuudhaan caalaatti gammadoo taʼuu barbaanna.”

 Maadiyaanii fi Maarseelaan galmawwan hafuuraa hordofuu isaaniitti gammachuu dhugaa argataniiru. Waggaa 13f gumiiwwan kaaba lixaa Kolombiyaatti bakka tajaajiltoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajilaniiru. Yeroo ammaatti immoo tajaajiltoota addaa taʼanii gammachuudhaan tajaajilaa jiru.

a Qajeelchitoonni addaa iddoo taʼe tokkotti yeroo isaanii guutuu misiraachicha akka lallabaniif waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan muudamani dha. Baasiin xiqqaan isaan baasan bakka isaaniif buufama.