Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhibee Fayyaa Qabaattus Warra Kaan Jajjabeessuu Dandeessetti

Dhibee Fayyaa Qabaattus Warra Kaan Jajjabeessuu Dandeessetti

 Kiloodiyan ishiin Dhugaa Baatuu Yihowaa taatee fi Afriikaa Kibbaa jiraattu, yaalii baqaqsanii hodhuu cimaan akka ishiif taasifamuuf hospitaala galte. Dhibee fayyaa hedduu fi baayʼee wal xaxaa taʼe waan qabduuf, yaaliin fayyaa inni kam akka ishiif godhamu filachuu qabdi turte. Yaalii baqaqsanii hodhuu duras taʼe booda dadhabbii, dhukkubbii fi dhiphinatu ishiitti dhagaʼama ture. Mana erga galtee gara jiʼa lamaa ol booda illee, amma iyyuu taaʼuun ishiitti ulfaata ture. Kana malees, sababa weerara dhibee KOOVIID-19n kan kaʼe, namoonni dhaqanii ishii gaafachuu hin dandaʼan turan.

 Kiloodiyan dhibee ishii sababa utuu hin godhatin, warra kaan jajjabeessuuf Waaqayyo cimina akka ishiif kennu kadhatte. Akkuma jabaattee taaʼuu jalqabdeen, obboleettii dubartii ollaa ishii jiraattuu fi kanaan dura Dhugaa Baatotaa Yihowaa wajjin qoʼachaa turte tokko qunnamte. Kiloodiyan yaada nama jajjabeessu Dubbii Waaqayyoo irraa kan ishiitti himte yommuu taʼu, qoʼachuu ishii akka itti fuftu jajjabeessite. Faayidaa walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamuun qabus itti himte; kana malees, barattuun ishii kun gumii naannoo ishiitti argamu irratti viidiyoo konfiransiidhaan hirmaachuu akka dandeessuuf haala ishiidhaaf mijeessite. Dubartiin kun walgaʼii irratti kan hirmaatte yommuu taʼu, sagantaa walgaʼichaa keessaa kutaa gaaffii fi deebiidhaan dhihaatu irratti yaada illee kenniteetti.

 Kiloodiyan itti aansuudhaan obboleettii dubartii ishii wajjin qoʼachaa jirtuu fi Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf fedhii qabdu haasofsiiste. Dubartiin kunis namoonni qoʼachuuf fedhii qaban kan biroonis akka jiran Kiloodiyanitti himte. Maarree buʼaa akkamiitu argame? Kiloodiyan dubartoota kan biroo afur qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu dandeessetti. Buʼaan Kiloodiyan argatte garuu kana qofa miti.

Kiloodiyan

 Kiloodiyan garaadhaa kan namaaf yaadduu taʼuu ishiitiin kan kaʼe, yeroo weerara dhibee kanatti dubartoota kan biroo kudhan walumatti qabaatti dubartoota 16 qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu dandeesseetti. Kanneen keessaa tokko tokko viidiyoo konfiransiidhaan yeroo hunda walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamaa jiru. Kiloodiyan namoonni kaan waaʼee Yihowaa akka beekan gargaaruuf hojiidhaan qabamuun ishii haala keessa jirtu irratti akka hin xiyyeeffanne ishii gargaareera. Kiloodiyan Yihowaa inni “Waaqa jajjabina hundaa taʼe” qorumsawwan keessatti waan ishii jajjabeesseef, ishiinis warra kaan jajjabeessuu akka dandeesse itti dhagaʼama.—2 Qorontos 1:3, 4.

 Barattoonni Kiloodiyan wanta baratan ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama? Isaan keessaa ishiin tokko akkana jetteetti: “Karaa hedduutiin faayidaa argadheera. Wanti hunda caalu garuu maqaa Waaqayyoo beekuu dandaʼuu koo ti. Kun caalaatti Yihowaatti akkan dhihaadhu na gargaareera.” Dubartii Kiloodiyan jalqabaa irratti haasofsiiste yeroo dhihootti cuuphamtuuf qophii gochaa jirti. Muuxannoowwan kunneen Kiloodiyan gammachuu guddaa akka argattu godhaniiru. Yaalii baqassanii hodhuu godhameef irraas akka gaariitti bayyaannachaa jirti.