Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dheerinni isaa seenti meetira 85

Maakaawota Qalbii Namaa Hawwatan

Maakaawota Qalbii Namaa Hawwatan

SIMBIRROONNI kun tuutaan yeroo balaliʼan halluu baayʼee miidhagutu mulʼata! Wanti ija namaa hawwatu kun qorattoota Awurooppaa, dhuma jaarraa 15⁠ffaadhaa kaasee Ameerikaa Gidduu Galeessaa fi Ameerikaa Kibbaa dhaqaa turan dinqisiiseera. Wanti isaan argan kun maakaawota, jechuunis gosa simbirroo paarotota jedhamanii fi eegee dheeraa qaban siʼa taʼan, Ameerikaa keessatti naannoo hoʼaatti argamu. Utuu baayʼee hin turin, suuraan uumamawwan dinqisiisoo taʼan kanaa kaartaa naannoo sanaa irratti, mallattoo jannata haaraa argame argisiisu taʼee hojii irra ooluu jalqabe.

Maakaawonni kormaa fi dhaltuun halluu, simbirroota halluu qaban kaan irraa adda taʼe qabu. Maakaawonni simbiroota madaqfamuu dandaʼu; sagalee cimaa fi gurra namaa duuchu qabu. Simbirroonni gara 30 taʼan tuutaan ija midhaanii, ija mukaa fi nyaata kaan funaannachuudhaaf ganamaan manʼee isaanii gadhiisanii deemu. Akkuma paarotota biroo maakaawonnis, yeroo baayʼee nyaata isaanii qeensa isaaniitiin qabatanii huuruu isaanii guddaa fi dachaʼaa taʼeen nyaatu. Qola ija mukaa cimaa taʼe illee cabsanii banuu ni dandaʼu! Erga nyaatanii booda yeroo baayʼee biyyoo suphee siphachuudhaaf gara gaara kattaa ykn qarqara bishaanii kan deeman siʼa taʼu, kunis summiin nyaata isaanii keessa yoo jiraate busheesuu fi keemikaala isaan barbaachisu argachuuf isaan gargaara.

“Waaqayyo wanta hundumaa yeroo isaatti miidhagsee uumeera.”—Lallaba 3:11

Maakaawonni kormaa fi dhaltuun umurii isaanii guutuu kan waliin jiraatan siʼa taʼu, cuucolii isaanii wal gargaaranii guddisu. Sanyiiwwan maakaawotaa garaa garaa holqa mukaa, boolla qarqara bishaanii jiru, koobii rirmaa ykn baqaqaa gaara kattaa keessa jiraatu; yeroo baayʼee naannoowwan kanatti maakaawonni kormaa fi dhaltuun yommuu wal qulqulleessan arguun baramaa dha. Umurii jiʼa jaʼaatti guutummaatti kan guddatan taʼus, cuucoliin hanga naannoo waggaa sadiitti warra isaanii wajjin jiraatu. Maakaawonni bosonaa waggaa 30 hanga 40 kan jiraatan siʼa taʼu, warri madaqfaman tokko tokko garuu waggaa 60 ol jiraataniiru. Sanyii maakaawotaa gara 18tiitu jira; suuraan muraasa isaanii fuula kana irra jira.

Maakaawoo baallee magariisaa, Maakaawoo diimaa fi magariisa jedhamees ni waamama. Dheerinni isaa hanga seenti meetira 95

Maakaawoo diimaa. Dheerinni isaa seenti meetira 85

Maakaawoo yaakintii. Dheerinni isaa hanga seenti meetira 100. Guddinaan paarotota hunda kan caaluu fi kiiloo giraama 1.3 kan ulfaatu