Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Addunyaa Mararraa

Addunyaa Mararraa

YUUNAAYITID ISTEETIS

Odeeffannoon Ministeera Qonnaa biyyichaarraa argame akka ibsutti, bara 2012⁠tti maatiiwwan Yuunaayitid Isteetis jiraatan keessaa parsantii 14.5, jechuunis miliyoona 49 kan taʼan “nyaata maatiisaanii hunda gaʼu argachuu dandaʼuusaanii mirkanaaʼoo yeroo itti hin taane ykn waan nyaatan dhiheessuu yeroo itti dadhaban” jira ture.

ISPEEN

Qorannoon barattoota yunivarsiitiirratti godhame tokko akka ibsutti, dubartoonni parsantii 56, dhiironni parsantii 41 taʼan dhugaatii garmalee dhugu. Akka qorannoo kanaatti garmalee dhuguu jechuun yeroo tokkotti yoo xinnaate (dhiirri) birciqqoo saddeet (dubartiin) birciqqoo jaʼa dhuguu jechuudha.

GARBA PAASIFIIK

Saayintiistonni naannoo Maariyaanaa Tireench jedhamutti gad fageenya gara meetira 11,000 irratti baakteeriyaafi lubbu qabeeyyii ijaan hin argamne kaan argataniiru; iddoon kun dukkana, dhiibbaa qilleensaa cimaafi qilleensa diilallaaʼaa kan qabudha. Kanaan dura lubbu qabeeyyiin gad fageenya akkasiirratti akka hin argamne yaadama ture.

YUUNAAYITID ARAB IIMIREETIS

Abbootiin taayitaa Dubaay, garmalee furdachuu jiraattotaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiru hambisuuf nama kiilogiraamii 1 hirʼiseef warqee giraama tokko (yeroo sanatti doolaara Ameerikaa 45 baasa) badhaasuuf waadaa galaniiru. Namni warqee kana badhaafamuu barbaade ulfaatinasaa madaalchisuufi jiʼa Ramadaanaatti yoo xinnaate kiilogiraamii 2 hirʼisuu qaba.