Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Dhukkuba Koo Irratti Xiyyeeffachuu Hin Barbaadu’

‘Dhukkuba Koo Irratti Xiyyeeffachuu Hin Barbaadu’

“Sireetti ol baʼuufis taʼe siree irraa buʼuuf gargaarsi na barbaachisa ture. Miilaan yeroon deemu baayʼee na dhukkuba ture. Qoonqoon koo cufamee waan tureef qoricha koo liqimsuu hin dandaʼun ture. Madaawwan hin fayyine natti baʼanii turan; madaawwan kana keessaa tokko tokko yeroo booda gara gaangiriiniitti jijjiiraman. Madaa garaachaa fi singiggoo cimaan qaba ture. Wanti taʼaa jiru naaf hin galu ture. Yeroo kanatti umuriin koo waggaa kudhan qofa ture.”—Iliisaa.

ISKILIIROODARMAA jechuun “gogaa jabaataa” jechuu siʼa taʼu, jechi kun maqaa dhukkuboota addunyaa maratti tilmaamaan namoota gara miliyoona 2.5 miidhaniif kenname dha. Gosni dhukkuba kanaa, yeroo baayʼee ijoollee irratti mulʼatu iskiliiroodarmaa hin babalʼannee fi ribuu gogaa jabeessu dha.

Haa taʼu malee, Iliisaan umurii ishee waggaa kudhanitti iskiliiroodarmaa babalʼatuun akka qabamte beekame. Dhukkubni kun gogaa irratti qofa utuu hin taʼin akkaataa kutaaleen qaamaa akka kalee, onnee, sombaa, akkasumas garaachaa fi marʼumaanii itti hojjetan irratti miidhaa ni geessisa. Doktooronni yaaliin fayyaa umurii Iliisaa kan dheeressu waggaa shaniif qofa akka taʼe yaadanii turan. Iliisaan garuu hamma yoonaatti waggaa 14f jiraatteetti. Dhukkuba ishee irraa fayyuu baattus, jireenyaaf ilaalcha gaarii qabdi. Dammaqaan! dhukkuba ishee fi jabina dhukkubicha dandamachuuf ishee gargaare ilaalchisee Iliisaa haasofsiiseera.

Dhibee fayyaa akka qabdu yeroo jalqabaatiif kan beekte yoomi?

Yeroo umuriin koo waggaa sagal ture, ciqilee koo irra waa kan na mure siʼa taʼu, yeroo sanatti gar malee na dhukkube. Madichi guddachaa kan deeme taʼuu isaa irra iyyuu fayyuu dide. Qorannaan dhiigaa naaf godhame iskiliiroodarmaa babalʼatu akkan qabu mirkaneesse. Dhibeen koo saffisaan hammaachaa waan deemeef, doktoora iskiliiroodarmaa yaaluudhaan muuxannoo qabu argachuun na barbaachisee ture.

Argattee ree?

Ogeettii rumatoolojii tokko arganne. Ogeettiin kun, yaaliin fayyaa keemikaalatti fayyadamuudhaan godhamu (keemooteeraappii) dhibee koo naa fooyyessuu fi umurii koo irratti waggaa shan dabaluu akka dandaʼu, tarii immoo dhukkubichi toʼatamuu akka dandaʼu warra kootti himte. Yaaliin fayyaa kun garuu, dandeettii qaamni koo dhukkuba of irraa ittisuuf qabu kan hubu ture. Utaalloon illee duʼaaf na saaxiluu dandaʼa ture.

Garuu wanti hamaan akka si hin mudanne hubachuun ni dandaʼama.

Na hin mudanne, kunoo hamma ammaatti lubbuudhaan jira! Umuriin koo gara waggaa 12 yeroo turetti garuu, laphee koo irra waraansi cimaan naannoo daqiiqaa 30tiif turu yeroo tokko tokko guyyaatti siʼa lama na mudata ture. Waraansi kun baayʼee cimaa waan taʼeef na iyyisiisa ture.

Sababiin isaa maali dha?

Doktooronni hemogiloobiniin koo garmalee waan hirʼateef dhiigni sammuu koo bira akka gaʼuuf onneen koo garmalee rukutaa akka jiru hubatan. Yaaliin naa godhame torban muraasa keessatti rakkina koo naa fure. Haa taʼu malee, yeroo sanatti yeroo kamitti iyyuu wanti haaraan tokko uumamuu akka dandaʼu yaaduu koo nan yaadadha. Yeroo kam iyyuu caalaa dadhabduu akkan taʼee fi wanta taʼaa jiru toʼachuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼamee ture.

Dhukkubni kee erga beekamee waggaa 14 taʼeera. Amma fayyaan kee akkami?

Amma iyyuu dhukkubbiin natti dhagaʼama; kana malees dhibeewwan iskiliiroodarmaa wajjin wal qabatan hedduun qaba. Isaan keessaa tokko tokko madaa, dhibee ribuu sombaa fi singiggoo cimaa dha. Taʼu iyyuu, dhukkuba koo irratti xiyyeeffachuu ykn gadduudhaan yeroo koo balleessuu hin barbaadu. Wantootan hojjedhu kan biraa qaba.

Maalfaa hojjetta?

Fakkii kaasuu, uffata dhaʼuu fi faaya tolchuu nan jaalladha. Hunda caalaa garuu, Dhugaa Baatuu Yihowaa waanan taʼeef Macaafa Qulqulluu barsiisuu irratti nan hirmaadha. Yeroon mana namootaa dhaquu hin dandeenye illee, Dhugaa Baatonni kaan namoota naannoo koo jiran yeroo qayyabsiisan isaanii wajjin Macaafa Qulqulluu nan barsiisa. Anis ofii kootii namootan barsiisu qaba. Tajaajilli, jireenyi koo kaayyoo akka qabaatu godheera.

Rakkoowwan walʼaansoo wajjin gootu utuu qabduu hojii kana kan hojjettu maaliifi?

Wantin namootatti himu baayʼee barbaachisaa fi faayida qabeessa taʼuu isaa beeka. Kana malees, karaa kanaan namoota gargaaruudhaan yeroon qabamu gammachuun argadha. Dhukkubni koos natti fooyyaʼa! Yeroo gabaabaa sanaaf dhukkubsattuu taʼuu koo iyyuu nan irraanfadha.

Macaafni Qulqulluun ilaalcha gaarii akka qabaattu kan si gargaare akkamitti?

Rakkinni koos taʼe kan namoota kaanii kan turu yeroo gabaabaadhaaf qofa akka taʼe na yaadachiisa. Mulʼanni 21:4, Waaqayyo yeroo ofii murteessetti ‘imimmaan hundumaa ija namootaa irraa akka haqu, duuni deebiʼee akka hin argamne, gadduun, iyyuun, waraansis akka hin jiraanne’ dubbata. Caqasoota akkanaa irratti yaaduun koo, abdii gammachiisaa Waaqayyo namoota dhibee hin fayyine qabaniif qofa utuu hin taʼin namoota hundaaf kenne irratti amantiin qabu naa cimsa.