Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

Waggaa Tokkoof Qofa Nagaa fi Gammachuu Naaf Kenni

Waggaa Tokkoof Qofa Nagaa fi Gammachuu Naaf Kenni
  • BARA DHALOOTAA: 1971

  • BIYYA DHALOOTAA: FARANSAAY

  • SEENAA: YAKKAA FI EJJA RAAWWACHAA, QORICHA SAMMUU NAMA HADOOCHU FUDHACHAA FI DALDALAA TURE

JIREENYA KOO DURAA: Maatiin keenya mandara Teelaankor ishee kibba dhiha Faransaayitti argamtu keessa jiraata ture.

Abbaan koo nama biyya Faransaay yeroo taʼu, haati koo immoo nama biyya Xaaliyaanii ti. Umuriin koo waggaa saddeet yeroo taʼu, gara mandara hojjettoonni galii xinnoodhaan jiraatan keessatti argamanii fi Roomaa, Xaaliyaanii keessatti argamtu tokkoo deemne. Iddoo kanatti jireenyi maatii keenyaa gaarii hin turre. Warri koo rakkina qarshiitiin kan kaʼe baayʼee wal lolu turan.

Yeroo umuriin koo waggaa 15 taʼu, haati koo manaa gadi baʼee hiriyoota tokko tokko akkan baafadhu na jajjabeessite. Kanaaf, alatti yeroo dheeraa dabarsuun jalqabe. Utuu baayʼee hin turin hiriyoota gadhee wajjin ooluun jalqabe. Guyyaa tokko namichi nama gaarii fakkaatu tokko na argate. Achiis qoricha sammuu nama hadoochu kan naa kenne siʼa taʼu, anis nama guddaa fakkaachuu waanan barbaadeef nan fudhadhe. Utuun baayʼee hin turin qoricha sammuu nama hadoochuuf garba kanan taʼe siʼa taʼu, ejjuus nan jalqabe. Namoonni yeroo baayʼee fedhii saalaa isaaniitiif natti fayyadamaniiru. Jireenyi na jibbisiisuu jalqabe; yoon jiraadhes yoon duʼes dhimma hin qabun ture. Kophummaan garmalee natti dhagaʼama ture. Yeroo umuriin koo waggaa 16 taʼu, wuskii xaarmusii guutuu dhugee haroo keessatti utaaluudhaan of ajjeesuuf yaaleen ture. Sababa kanaan kan kaʼe guyyaa sadiif of wallaaleen ture.

Jireenya dinqisiifachuu kanan jalqabe taʼus, yakka raawwachuun jalqabe, akkasumas hamaan taʼe. Namoonni saalqunnamtii akka naa wajjin raawwatan nan afeeran ture; akkasumas mana isaaniitti qorichaan isaan hadoochuudhaan wanta gati jabeessa isaan qaban hunda nan hatan ture. Yakkamtoonni akka gaariitti gurmaaʼan, Xaaliyaanii keessatti qoricha sammuu nama hadoochu na gurgursiisu turan. Yeroo hundumaa poolisootaa wajjin walan lolan ture. Jireenyi koo kaayyoo kan hin qabnee fi toʼachuun kan hin dandaʼamne fakkaata ture. Taʼus, sababiin itti uumame jiraachuu qaba jedheen amanan ture. Achiis, waggaa tokkoof qofa nagaa fi gammachuu naaf kenni jedheen Waaqayyoon kadhadhe.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

Yeroo umuriin koo waggaa 24 taʼu gara Ingilaandi deemee achi jiraachuufan murteesse. Namoota qoricha sammuu nama hadoochu gurguranii wajjin walitti dhufeenyan qabuun kan kaʼe jireenyi koo balaa irra buʼee ture. Gara Ingilaandi deemuu koo dura haadha koo gaafachuu yeroon deemu, namichi Aanuunsiyaatoo Lugaaraa jedhamu waaʼee Kitaaba Qulqulluu yeroo ishii haasofsiisu yommuun argu baayʼee na ajaaʼibe. * Akka inni yakka irratti hirmaachaa ture waanan beekuuf, kanan sodaadhe siʼa taʼu, maal gochuu akka dhufen isa gaafadhe. Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuuf jijjiirama guguddaa akkamii akka godhe kan natti hime siʼa taʼu, gara Ingilaandi yeroon deemu Dhugaa Baatota akkan haasofsiisu natti hime. Anis irrattin walii gale. Haa taʼu malee, akkuman achi gaʼeen jireenya koo duriittan deebiʼe.

Gaaf tokko, Dhugaa Baatuu Landan keessatti karaa namoonni itti baayʼatan irratti barruulee Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! raabsu tokkon arge. Waadaan Aanuunsiyaatoodhaaf gale waanan yaadadheef, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kanan dandaʼu taʼuu isaan Dhugaa Baatuu sana gaafadhe.

Wantin Kitaaba Qulqulluu irraa baradhe baayʼee na dinqisiise. Fakkeenyaaf, caqasni 1 Yohannis 1:9 irratti argamuu fi “Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan taʼeef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, . . . nu qulleessa” jechuudhaan waaʼee Waaqayyoo dubbatu baayʼee na tuqe. Akkaataa jireenyaa kootiin kan kaʼe baayʼee akkan xuraaʼe waan natti dhagaʼamuuf caqasni kun dhiibbaa guddaa na irratti geessiseera. Yeruma sana walgaʼiiwwan Galma Mootummaa Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti geggeeffaman irratti argamuun jalqabe. Dhugaa Baatonni miira hoʼaadhaan na simatan. Michummaa isaan gidduu jiru yeroon argu, miseensa gumii akka maatiitti wal ilaalu kanaa taʼuun barbaade; wantin hawwaa tures kana dha.

Qoricha sammuu nama hadoochu irraa fi ejja irraa fagaachuun baayʼee kan natti hin ulfaanne taʼus, amala koo sirreessuun baayʼee na rakkisee ture. Namoota kabajaan qabuu, akkasumas isaaniif yaaduu akkan qabun hubadhe. Amma iyyuu amalawwan gadhee tokko tokkoo wajjin walʼaansoo gochaan jira. Taʼus gargaarsa Yihowaatiin jijjiirama gochuu dandaʼeera. Jiʼa jaʼaaf Kitaaba Qulqulluu ergan qoʼadhee booda bara 1997⁠tti Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼeen cuuphame.

FAAYIDAAN ARGADHE:

Ergan cuuphamee booda obboleettii Baarbaaraa jedhamtuu fi akkuma koo dhiheenyatti Dhugaa Baatuu Yihowaa taaten fuudhe. Hiriyoota koo duraanii keessaa inni tokko hammam akkan jijjiirame yeroo argu Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe.Yeroo booda, innii fi obboleettiin isaa Dhugaa Baatota taʼan. Achiis, obboleettiin akkoo kootii ishiin umuriin ishii waggaa 80 ol ture qoʼachuu kan jalqabde siʼa taʼu, duʼuu ishii dura cuuphamteetti.

Amma jaarsa gumii taʼee tajaajilaa kanan jiru taʼuu isaa irra iyyuu, anii fi haati manaa koo yeroo keenya guutuu tajaajiluudhaan, namoota Landan keessatti Afaan Xaaliyaanii dubbatan Kitaaba Qulqulluu barsiisaa jirra. Yeroo tokko tokko akkaataan jireenyaa koo duraanii na dhiphisa; taʼus, Baarbaaraan baayʼee na gargaarti. Xumura irratti, wantan hawwaa ture, jechuunis maatii tasgabbii qabuu fi abbaa jaalala qabeessa taʼen argadhe. Waaqayyoon kanan kadhadhe waggaa tokkoof qofa nagaa fi gammachuu akka naaf kennu ture; inni garuu isan jedhe caalaa naaf kenne!

Xumura irratti, wantan hawwaa ture, jechuunis maatii tasgabbii qabuu fi abbaa jaalala qabeessa taʼen argadhe

^ KEY. 10 Mata duree “Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira—Qawwee Koo Malee Hin Sochoʼun Ture” jedhuu fi seenaa Aanuunsiyaatoo Lugaaraa dubbatu Masaraa Eegumsaa Adoolessa 1, 2014 (Amaariffa) fuula 8-9 irraa ilaali.