Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hogganaan tokko akkuma barreessaa isaatti fayyadamee barreessifatu, Waaqayyos namoota amanamoo muraasatti fayyadamee Kitaaba Qulqulluu akka barreessan godheera

Uumaan Keenya Abdiiwwan Isaa Jaalala Irratti Hundaaʼan kan Ibse Akkamitti?

Uumaan Keenya Abdiiwwan Isaa Jaalala Irratti Hundaaʼan kan Ibse Akkamitti?

Ilmaan namootaa erga uumamanii jalqabee, Uumaan keenya karaa maleekotaa fi karaa raajotaa namootaa wajjin dubbachaa tureera. Dabalataanis, ergaawwan isaa fi eebbawwan abdachiise barreeffamaan akka kaaʼamu filateera. Abdiiwwan Waaqayyoo kenne kun jireenya kee gara fuulduraa irratti jijjiirama fidu. Maarree, yeroo harʼaatti abdiiwwan Waaqayyo kenne kunneen eessaa argachuu dandeessa?

Ergaan Waaqayyo nuuf erge kun Kitaaba Qulqulluu keessatti argama. (2 Ximotewos 3:16) Waaqayyo ergaa isaa akka barreessaniif raajotatti kan fayyadame akkamitti? (2 Pheexiros 1:21) Waaqayyo yaada isaa sammuu namoota barreessanii keessa kan kaaʼe siʼa taʼu, isaanis yaada kana barreessaniiru. Yeroo harʼaas haaluma wal fakkaatuun, hogganaan tokko barreessaa isaatti fayyadamee xalayaa akka isaaf barreessu yoo godhe iyyuu, ergaan kun kan hogganichaa akka taʼetti akka ilaallu beekamaa dha. Haaluma wal fakkaatuun, Waaqayyo ergaa isaa barreessuuf namoota kan fayyadame taʼus, Abbaan Barroo Kitaaba Qulqulluu kanaa isa dha.

DUBBIIN WAAQAYYOO BALʼINAAN ARGAMA

Ergaan Waaqayyoo baayʼee barbaachisaa waan taʼeef, namoonni hundinuu akka dubbisanii fi akka hubatan barbaada. Yeroo harʼaa ‘saboonni, gosoonnii fi qooqawwan hundi’ “misiraachoo bara baraa” inni dhiheesse salphaatti argachuu dandaʼu. (Mulʼata 14:6) Eebba Waaqayyootiin Kitaabni Qulqulluun kitaabota addunyaa kan biroo kam iyyuu caalaa guutummaattis taʼe gar tokkoon isaa afaan 3,000 oliin argama.