Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gocha Gaarummaa Kiristiyaana Tokkoo

Gocha Gaarummaa Kiristiyaana Tokkoo

ABBAAN Joon cuuphamee Dhugaa Baatuu Yihowaa kan taʼe dhuma bara 1950mmanii magaalaa xinnoo Gujaraatii Hindi keessatti ture. Joon, obboloonni isaa shananii fi haati isaanii amantii Kaatolikii Roomaa cimsanii hordofu turan. Kanaafuu amantii abbaa Joon ni mormu turan.

Gaaf tokko abbaan isaa michuu isaa miseensa gumii taʼe tokkoof poostaa akka isaaf geessu Jooniin gaafate. Haa taʼu malee, gaafas ganama Joon barmeela qorqorroo guddaa tokko utuu banuu quba isaa mure. Taʼus abbaa isaatiif ajajamuu waan barbaadeef, quba isaa isa diigaa jiru erbeedhaan hidhatee poostaa sana geessuuf miilla isaatiin deeme.

Joon yommuu achi gaʼu, haati manaa obboleessa poostaan ergameef sanaa ishiin Dhugaa Baatuu Yihowaa turte poostaa sana isa harkaa fuute. Ishiinis qubni Joon muramuu isaa argitee isa gargaaruuf gaafatte. Achiis miʼa ittiin gargaarsa gootu fudhattee, madaa isa qorichaan qulqulleessitee quba isaa hiiteef. Sana booda shaahii isaaf danfistee, achumaanis waaʼee Kitaaba Qulqulluu gaarummaadhaan itti himte.

Yeroo kanatti jibbi Joon Dhugaa Baatotaaf qabu baduu waan jalqabeef, karaa amantiin isaa fi amantiin abbaa isaa garaa gara itti taʼan lama, jechuunis Yesuus Waaqayyo taʼuu fi dhiisuu isaa, akkasumas Kiristiyaanonni Maariyaamitti kadhannaa dhiheessuu qabu moo hin qaban jedhu gaafate. Obboleettiin sun Afaan Gujaraatii isa qooqa Joon taʼe barattee waan turteef, gaaffii isaatiif Kitaaba Qulqulluu irraa deebii isaaf kennite, akkasumas buukleetii “This Good News of the Kingdom” jedhamu isaaf kennite.

Booda Joon buukleetii sana yommuu dubbisu, dhugaa Kitaaba Qulqulluu yeroo jalqabaatiif akka dhagaʼe isatti dhagaʼame. Achiis gara qeesii isaa dhaqee gaaffiidhuma sana lamaan isa gaafate. Qeesiin sunis garmalee aaree Kitaaba Qulqulluu isatti darbachuudhaan akkana isaan jedhe: “Ati Seexana taateetta! Kitaabni Qulqulluun, Yesuus Waaqayyo miti kan jedhu eessatti akka taʼe natti argisiisi. Maariyaamiin waaqeffachuu hin qabdan kan jedhu eessatti akka taʼe natti argisiisi. Natti argisiisi ka!” Joon amalli qeesiin sun argisiise baayʼee waan isa naasiseef, “Lammata miilli koo waldaa Kaatolikii keessa hin ejjetu” isaan jedhe. Akkuma jedhes matumaa lammata achitti hin deebine!

Joon Dhugaa Baatotaa wajjin qoʼachuu jalqabee waaqeffannaa dhugaa deggeruudhaan Yihowaa tajaajiluu eegale. Yeroo booda miseensonni maatii sanaa hedduun akkuma Joon godhaniiru. Yeroo harʼaa Joon quba harka mirga isaa irra godaannisni gara waggaa 60 dura of mure jira. Joon gocha gaarummaa Kiristiyaana tokkoo isa gara waaqeffannaa dhugaatti isa harkise yommuu yaadatu gammachuun isatti dhagaʼama.—2 Qor. 6:4, 6.