Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Furmaata Gaarii Qindoomina Gaafatu

Furmaata Gaarii Qindoomina Gaafatu

Furmaata Gaarii Qindoomina Gaafatu

DARGAGGOONNI Giddugala Afriikaatti argaman sadii, walga’ii koonyaa bakka kiilomeetira 90 isaanirraa fagaatutti godhamurratti argamuu barbaadan. Iddoo kana ga’uu kan danda’an akkamitti? Karaan kiilomeetira 90 fagaatu kun, bu’aa ba’ii kan ta’eefi awwaara kan qabu yommuu ta’u, geejjiba ittiin adeemanis hin qaban turan. Biskileetota sadii ergifachuuf kan murteessan ta’uyyuu, karaa kanaaf kan mijaa’an argachuu hin dandeenye.

Jaarsi gumiisaanii tokko rakkinasaanii kana hubachuudhaan, biskileetii dulloomaa akka gaariitti hojjetu tokko isaanii kenne. Jaarsi kun, kanaan dura inniifi warri kaan walga’ii koonyaarratti argamuuf, qindoomina akkamii gochaa akka turan isaanitti hime. Sadanuu biskileetii tokkoon akka fayyadaman yaada isaanii dhiheesse. Furmaata salphaa qindoomina gaarii gaafatu ture. Namoonni sadii biskileetii tokkoon akkamitti deemuu danda’u?

Dargaggoonni kun, aduu cimaa jalaa ba’uuf jecha, barii barraaqaa walga’anii mi’asaanii biskileetiirratti fe’atan. Obboleessi dura biskileetii oofu dursee adeema; warri hafan lamaanimmoo dafanii dafanii miillaan duukaa bu’u. Inni biskileetii oofu akka meetira 500 erga deemee booda, biskileeticha akkuma fe’ametti mukatti hirkisee dhaaba. Haata’u malee, biskileetiin kun akka hin hatamneef, ofeeggannoodhaan bakka obboloonni lamaan arguu danda’an dhaaba. Achiis obboleessi kun miillaan deemuusaa itti fufa.

Warri lamaan yommuu biskileeticha bira ga’an, inni tokko kan yaabbatu ennaa ta’u, inni kaanimmoo hanga dabareensaa ga’utti naannoo meetira 500 miillaan adeemuusaa itti fufa. Karooraafi murtoo gaarii gochuudhaan, namoonni sadan kun, karaa kiilomeetira 90 miillaan deemuu qaban gara kiilomeetira 60⁠tti hir’isuu danda’aniiru. Walga’ii kanaaf hamma kana dhama’uunsaanii sirrii ture. Kiristiyaanota obbolootasaanii ta’anii wajjin bakka walga’iitti kan argaman ta’uusaaniirrayyuu, nyaata hafuuraa soorataniiru. (Kes. 31:12) Walga’ii koonyaa waggaa kana naannookeetti godhamurratti argamuuf, wanta sii danda’ame hunda ni gootaa?