Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wanti Isaanirraa Hafe Qaawwa Dhaba Warra Kaanii Duucha

Wanti Isaanirraa Hafe Qaawwa Dhaba Warra Kaanii Duucha

YEROONSAA Dh.K.B. bara 49 ture. Phexros, Yaaqoobiifi Yohannis, warri “akka utubootaatti ilaalaman,” Phaawulos ergamaafi Barnaabaas isa hidhatasaa taʼeef hojii tokko kennan. Namoota saba Waaqayyoo hin taaneef yommuu lallabanitti Kiristiyaanota hiyyeessota taʼaniif yaaduu qabu turan. (Gal. 2:9, 10) Itti gaafatamummaa kana raawwachuu kan dandaʼan akkamitti?

Phaawulos dhimma kanaaf xiyyeeffannaa akkamii akka kenne ergaasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanota Qorontos jiraniif akkas jedhee barreesseera: “Waaʼee horii gargaarsa warra amananii Waaqayyoof qulqullaaʼan sanaaf buʼu immoo, isinis akkuma ani waldoota kristiyaanaa kutaa biyya Galaatiyaa abboome godhaa! Erga ani dhufee horii walitti buusuu akka hin barbaachifnetti, Sanbata guddaa, torbeedhuma tokkon tokkon keessan hamma wal qixxaateef buusee walitti haa qabu. Yeroon dhufus, namoota isin nuuf haa dhaqan jettaniif caaffata ittiin beekaman kenneefii, buusii keessan gara Yerusaalemitti akka geessaniif isaanan erga.”—1 Qor. 16:1-3.

Phaawulos ergaasaa isa lammataa warra Qorontosiif barreesserratti kaayyoo qarshii walitti qabuu kana irra deebiʼee ibseera. Kaayyoo kanaas, ‘wanti amma isinirraa hafu qaawwa dhabasaanii duuchuuf gargaara! Akkasitti gara lachuufiyyuu wal in qixxaata’ jechuudhaan ibseera.—2 Qor. 8:12-15.

Phaawulos Dh.K.B. bara 56⁠tti yommuu Kiristiyaanota Roomaatiif barreessetti hojiin qarshii walitti qabuu kun xumuramee ture. Phaawulos, “Warra Waaqayyoof qulqullaaʼaniif gargaarsa fuudhee Yerusaalem dhaquu koo ti. Warri Maqedooniyaa fi warri Akaayyaa, hiyyeessota Yerusaalemitti warra Waaqayyoof qulqullaaʼan gidduutti argamaniif, waan tokkummaa isaanii ittiin mulʼisan buusuudhaaf jaallataniiru” jedheera. (Rom. 15:25, 26) Phaawulos gara Yerusaalemitti erga deebiʼee booda qabamee yeroo hidhametti Feeliks isa Bulchaa warra Roomaa taʼeen, ‘gargaarsa sabasaatiif geessuuf, aarsaas Waaqayyoof dhiʼeessuuf’ akka achi dhaqe waan dubbateef, yeroo kanatti hojii isaaf kenname xumuree ture.—HoE. 24:17.

Fedhii Kiristiyaanonni jaarraa tokkoffaa qaban, wanta Phaawulos warra Maqedooniyaa ilaalchisee barreesserraa ifatti hubachuun ni dandaʼama. ‘Warra Waaqayyoof qulqullaaʼan gargaaruuf, cimsanii kadhatanii’ akka turan ibseera. Phaawulos, obboloonni Qorontos fakkeenya kana akka hordofan isaan gorseera. “Namni adduma addaan garaa duuba yookiis giddiidhaan utuu hin taʼin, akka garaa isaatti murtoo godhetti kennuutu isaaf taʼa; Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu in jaallata” jedheera. Gumiiwwan arjummaa akkasii akka argisiisan kan isaan kakaase maalidha? Fedhiinsaanii “galanni Waaqayyoof dhiʼeeffamu caalaatti akka baayʼatu gochuu dha malee, warra Waaqayyoof qulqullaaʼaniif qaawwa dhaba isaanii duuchuu duwwaa” hin turre. (2 Qor. 8:4; 9:7, 12) Kaayyoon nuyi arjummaa itti argisiisnus kanaa wajjin wal fakkaata. Yihowaan miira gaariifi ofittummaarraa walaba taʼe akkasii ni eebbisa; eebbi kunimmoo nama sana badhaadhaa godha.—Fak. 10:22.

KARAAWWAM MAMOONNI TOKKO TOKKO BUUSII ITTI GODHAN

Akkuma bara Phaawulos ergamaatti godhamaa ture, yeroo harʼaattis obboloonni hedduun saanduqa mallattoon “Hojii Addunyaa Maraatiif” jedhu irratti maxxanfame keessa buusuuf qarshii murtaaʼe ‘walitti in qabu’ ykn in ramadu. (1 Qor. 16:2) Gumiiwwanis jiʼa jiʼaan qarshii achi keessaa argame waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyyasaaniitti argamutti ergu. Kennaa fedhiidhaan kennamu kallattiidhaan waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyyakeetti argamutti erguus ni dandeessa. Maqaa seeraan beekamaa taʼeefi Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyakee keessatti itti fayyadaman beekuuf, waajjira damee biyyichatti argamu gaafachuu dandeessa. Teessoo waajjira damee, www.ps8318.com irraa argachuun ni dandaʼama. Kennaawwan kallattiidhaan erguu dandeessu kanneen armaan gaditti ibsamanidha:

KENNAA KALLATTIIDHAAN KENNAMU

  • Qarshii, faaya ykn miʼa gati jabeessa.

  • Xalayaan qarshiin ykn miʼichi kennaa taʼuusaa ibsu duukaa ergamuu qaba.

QOPHII QARSHIIN DEEBIʼU ITTI KENNAMU

  • Qarshii yommuu barbaadanitti deebisanii fudhachuun dandaʼamus kennuun ni dandaʼama.

  • Xalayaan qarshiin kun kan deebiʼu taʼuusaa ibsu duukaa ergamuu qaba.

KENNAA KAROORAAN GODHAMU

Qarshiifi miʼa gati jabeessa akka kennaatti gumaachuu malees, karaan hojii Mootummichaa addunyaa maratti geggeeffamu deggeruun itti dandaʼamu kan biraanis jira. Isaanis armaan gaditti ibsamaniiru. Malli itti fayyadamuu barbaadde kamiyyuu yoo taʼe, biyyichatti kan itti hojjetamaa jiru kam akka taʼe odeeffannoo argachuuf waajjira damee biyyakeetti argamu gaafachuu dandeessa. Seerriifi seerri qaraxaa biyyaa gara biyyaatti garaagara waan taʼeef, mala itti fayyadamuu barbaaddu filachuukee dura namoota karaa qaraxaafi seeraa gorsa kennan gaafachuunkee barbaachisaadha.

Inshuraansii: Namni tokko inshuraansii lubbuudhaaf gale ykn qarshii yeroo soorama baʼu isaaf kennamu, jaarmiyaa amantii Yeyihowa Misikiroch jedhamuuf akka kaffalamu maqaa jaarmiyaa kanaatti jijjiirsisuu dandaʼa.

Herrega Baankii: Seerri baankii biyyichaa kan heyyamu taanaan, qarshii baankiidhaa qaban, ragaa baankiidhaa qarshii akka qaban mirkaneessu ykn herrega soorama itti baʼan adaraadhaan ykn gaafa duʼan jaarmiyaa amantii Yeyihowa Misikiroch jedhamuuf akka kennamu gochuun ni dandaʼama.

Aksiyooniifi Boondota: Aksiyooniifi boondota kallattiidhaan ykn yeroo duʼaatti jaarmiyaa amantii Yeyihowa Misikiroch jedhamuuf kennuun ni dandaʼama.

Qabeenya Hin Sochoone: Qabeenya hin sochooneefi gurguramuu dandaʼu kennuu ykn mana jireenyaa yoo taʼemmoo abbaan qabeenyichaa hamma lubbuudhaan jirutti itti fayyadamee yeroo duʼu dhaalchisuun ni dandaʼama.

Durgoo Kennaarraa Argamu: Durgoon kennaa kennamerraa argamu namni tokko qarshii ykn sanadii abbaa qabeenyummaa argisiisu, maqaa jaarmiyaa amantii Yeyihowa Misikiroch jedhamutti jijjiirsisuuf qophii inni godhu argisiisa. Haala kanaan namichi kennaa kenne ykn namni inni bakka buuse hamma lubbuudhaan jirutti qarshii murtaaʼe waggaa waggaadhaan akka durgootti fudhata. Namni kennaa kana kenne waggaa durgoo kennuuf itti walii galetti galiisaarraa gibirri hin kutamu.

Dhaamsa Dhaalaafi Adaraa: Qabeenya ykn qarshii karaa seera duratti fudhatama qabuun dhaalaan kennuun ykn adaraadhaan maqaa jaarmiyaa amantii Yeyihowa Misikiroch jedhamutti jijjiirsisuun ni dandaʼama. Qophiin kun gama qaraxaatiin faayidaa tokko tokko qaba.

Jechi “kennaa karooraan godhamu” jedhu, namni kennaa akkasii kennu dursee karoora baafachuu akka qabu kan argisiisudha. Namoota hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti geggeessan kennaa karooraan godhamuun deggeruu barbaadaniif ifa gochuuf, birooshurri Tajaajila Mootummaa Addunyaa Maratti Geggeeffamu Deggeruuf Kennaa Karooraan Godhamu jedhamu Ingiliffaafi afaan Ispaanishiitiin qophaaʼeera. Birooshurri kun, namoonni kennaa kennuuf ykn yeroo duʼaatti dhaamsa dhaalaa karaa addaddaatiin gochuuf isaan dandeessisan ilaalchisee ragaa kennuuf yaadamee kan qophaaʼedha. Seera qaraxaa ykn seera biyyakee keessa jiruun kan kaʼe, odeeffannoon birooshura kana keessa jiru guutummaatti siif hojjechuu dhiisuu dandaʼa. Kanaaf birooshura kana erga dubbistee booda, gorsitoota seeraa ykn qaraxaa mariisisuu qabda. Namoonni hedduun malawwan kennaa itti kennan kanatti fayyadamuudhaan, hojii amantiifi gargaarsa namummaa jaarmiyaan amantii keenya addunyaa maratti raawwachaa jiru deggeruudhaan qaraxaa wajjin haala wal qabateen faayidaa guddaa argataniiru. Birooshurri kun biyyakee keessa kan jiru taanaan barreessaa gumii keerraa argachuu dandeessa.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Biiroo Kennaa Karooraan Godhamu jedhamutti barreessuu ykn bilbilaan gaafachuu ykn teessoo armaan gadiitiin waajjira damee gaafachuu dandeessa.