Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Xalayaa Dominikaan Riippuubliikiirraa Ergame “Jaalala Akkasii Argee Hin Beeku”

Xalayaa Dominikaan Riippuubliikiirraa Ergame “Jaalala Akkasii Argee Hin Beeku”

Xalayaa Dominikaan Riippuubliikiirraa Ergame “Jaalala Akkasii Argee Hin Beeku”

NIWURKAAN torban kanatti yeroo jalqabaatiif gumii keenyatti barumsa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e dhiheessite. Duraan dursitee wanta dubbattu Bireeliirratti erga barreessitee booda, yaadasheetti qabatte. Animmoo nama dhugaa Macaafa Qulqulluu barachuuf fedhii qabu bakka bu’uudhaan ishee wajjin waltajjiirran ture. Gurrishee akka gaariitti waan hin dhageenyeef, ani yommuun maayikroofooniidhaan dubbadhu isheenimmoo meeshaa dhaga’uuf nama gargaaruun na dhaggeeffatti turte. Yommuu barumsa keenya xumurru, dhaggeeffattoonni hanga isheen dhaga’uu dandeessutti harka rukuchuudhaan dinqisiifannaasaanii ibsaniiru. Akkaataan itti seeqxe gammachuu guddaan akka isheetti dhaga’ame kan ibsu ture. Anis baay’ee gammadeen ture. Tajaajila misiyoonummaarratti hirmaachuun baay’ee kan nama kiisudha!

Yeroon Niwurkaa wajjin jalqaba itti wal arge nan yaadadha. Waggaa lama dura ture. Daandii baadiyyaa awwaara uffaterra konkolaataadhaan sa’aatii walakkaadhaaf erga adeemnee booda, dura kanan arge ishee ture. Barandaa mana baadiyyaa bilookkeettiifi mukarraa tolfame akkasumas qorqorroonsaa ligidaa’erra teessi turte. Sagaleen re’ootaa, illeettiifi sarootaa kan dhaga’amu yommuu ta’u, fooliinsaaniis ni ciinca’a ture. Niwurkaan akka nama ko’oomeefi dhiphina keessa jiruutti boquu buuftee teessi turte. Umriinshee waggaa 34 ta’uyyuu nama guddoo fakkaatti.

Yommuun suuta jedhee gatiittiishee rurrukutu, ol jettee ijashee isa waggaa 11 dura badeen nu ilaalte. Gurrasheetti siqee sagaleekoo ol kaasuudhaan maqaakoofi maqaa obboleettii naa wajjin jirtu ittin hime. Boodas Niwukaan dhukkuba Maarfaan Sindiram jedhamuufi dhalootaan namatti darbuun akka dhibamte hubanne. Kana malees, Niwurkaan dhukkuba shukkaaraa kan qabdu yommuu ta’u, shukkaara dhiigashee keessa isa yeroo yeroodhaan jijjiiramu to’achuu gaafata.

Yommuun Macaafa Qulqulluu harkasheerra kaa’u, maal akka ta’e kan hubatte ta’uusaarrayyuu, utuu ijishee hin jaamin dura Caaffata Qulqullaa’oo dubbisuu akka jaallattu natti himte. Dubartii ko’oomte, nama gaddisiistuufi miirrishee miidhame kana dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamuufi nama jajjabeessu akkamittan barsiisuu danda’a? Qubeewwan waan beektuuf, qubeewwan laastikiirraa hojjetaman harkasheerra kaa’uudhaan ishee barsiisuun jalqabe. Utuu baay’ee hin turin qubeewwan kana addaan baafachuu jalqabde. Achiis mallattoon itti argisiisu harkaan tuqxee beekuudhaan, qubeewwan Afaan Mallattoo Ameerikaa adda baastee hubachuu jalqabde. Suutuma suuta, mallattoowwan warra kaanis ni baratte. Anumtiyyuu afaan Mallattoo kana reefuu barachuu waanan jalqabeef, ishee qayyabsiisuuf sa’aatii dheeraa qophaa’uun qaba ture. Haata’u malee, Niwurkaanis taate ani fedhii cimaa waan qabnuuf dandeettiin afaan mallattootiin qabnu yeroo gabaabaa gidduutti guddachaa adeeme.

Yommuu dhaabbanni gargaarsaa tokko meeshaa dhaga’uuf nama gargaaru Niwurkaadhaaf kenne haala nama dinqisiisuun guddina argisiisuu jalqabde. Meeshaan kun kan ammayyaa ta’uu baatus baay’ee ishee gargaareera. Waggoota kudhanii oliif agartuufi dhageettii malee waan jiraatteef warra kaanirraa adda of baastee turte. Haata’u malee hafuurri Yihowaa yaadasheefi garaashee beekumsaan, abdiifi jaalalaan guuteera. Yeroo dhihootti, Niwurkaan uleedhaan fayyadamtee gara ollaawwanshee deemuudhaan dhugaa Macaafa Qulqulluu isaanitti himuu jalqabdeetti.

Niwurkaan adaadaashee intala adadaasheefi haadha manaa durbiishee tokko Macaafa Qulqulluu qayyabsiisti. Barumsa qayyabsiisturratti dursitee yaaduudhaan akka gaariitti qophoofti. Barattoonnishee keeyyata sana yommuu dubbisan isheenimmoo kitaaba Bireeliirraa dubbistee gaaffiiwwansaanii gaafatti. Namni ishee wajjin qayyabsiisummoo gurrasheetti siqee sagalee guddaadhaan ykn harkashee tuttuqee mallattoodhaan deebii isaan kennan isheetti hima.

Namoonni gumii keessatti argaman hundi Niwurkaa ni gargaaru akkasumas ni jajjabeessu. Kiristiyaanonni hedduun gara walga’ii gumiifi walga’ii gurguddaatti ishee geessu. Warri kaanimmoo ishee wajjin tajaajilu. Niwurkaan dhihoo kana, “Jaalala akkasii argee hin beeku” naan jetteetti. Walga’ii koonyaa dhufurratti cuuphamuuf yaaddeetti.

Gara mana Niwurkaatti yommuu achi ilaallu barandaarra teessee aduu qaqqaammachaa boquunshee ol qabdee yeroo seeqxu ishee argina. Maaliif akka seeqxu yommuun ishee gaafadhu isheenis deebistee: “Wanta gara fuulduraatti yommuu lafti jannata taatu ta’u yaadaan ture. Waanuman achi keessa jiru natti fakkaata.”

[Fakkii fuula 31rra jiru]

Niwurkaafi miseensota gumii keenyaa tokko tokko

Galma Mootummaa fulduratti

[Fakkii fuula 31rra jiru]

Niwurkaan wanta baratte warra kaanitti himti