Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yesus Waaqayyodhaa?

Yesus Waaqayyodhaa?

Yesus Waaqayyodhaa?

NAMOONNI baay’een, barumsi Sillaasee “amantii Kiristiyaanummaatiif bu’uura” akka ta’e itti dhaga’ama. Akka barumsa kanaatti, Abbaan, Ilmiifi hafuurri qulqulluun sadanuu Waaqa tokkodha. Kaardiinaal Joon Ookoonar Sillaaseen, “Iccitii guddaa hanga ammaatti hubachuu hin dandeenye akka ta’e beekna” jedhaniiru. Barumsa Sillaasee hubachuun hammana rakkisaa kan ta’e maaliifi?

Za Illaastreetid Baayibil Diikshinariin sababii tokko dhiheessa. Barreeffamni kun Sillaasee ilaalchisee akkas jedha: “Caqasni Macaafa Qulqulluu waa’ee Sillaasee ibsu waan hin jirreef, barumsi kun Macaafa Qulqulluurratti kan hundaa’edha jechuun hin danda’amu.” Sillaaseen ‘barumsa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e waan hin taaneef,’ namoonni Sillaaseetti amanan, yaada caqasawwan Macaafa Qulqulluu jal’isaniillee, barumsa kana kan deggeru fakkeessuuf yaalu.

Caqasni Waa’ee Sillaasee Barsiisu Jiraa?

Caqasni Macaafa Qulqulluu yeroo baay’ee karaa sirrii hin taaneen caqasamu, Yohannis 1:1dha. Akka hiika Kiing Jamsi Varshiniitti caqasni kun akkas jedha: “Jalqabarratti Sagalichi in ture, Sagalichi Waaqayyoo [afaan Giriikiitiin, ton te’oon] wajjin ture Sagalichis Waaqayyoo [tee’os] ture.” Caqasni kun afaan Giriikiitiin akkaataa maqaan tee’os (waaqa) jedhu itti hojjetamu lama qabateera. Maqaa isa jalqabaa dura jechi ton (-icha) jedhu kan gale si’a ta’u, kunis addeessaa murtaa’e (definite article) afaan Giriikii itti fayyadamudha. Akka kanaan, jechi tee’oon jedhu, Waaqa Hundumaa Danda’u argisiisa. Tee’os inni lammataa garuu, addeessaa murtaa’e hin qabu. Asirratti addeessaan murtaa’e dogoggoraan utuu hin galin hafee?

Wangeelli Yohannis, Koyineedhaan ykn afaan Giriikii baramaa ta’eefi addeessaa murtaa’e ilaalchisee seera ifa ta’e qabuun barreeffame. Hayyuun Macaafa Qulqulluu Arkiibaaldi Toomaas Roobartisan jedhaman, hima tokko keessatti matimnis yaanni kaanis addeessaa murtaa’e yoo qabaate, “lamaanuu akka wal fakkaatan, garaa garummaa akka hin qabneefi tokko akka ta’an, akkasumas inni tokko isa kaan bakka bu’uu akka danda’u” hubataniiru. Roobartisan, akka fakkeenyaatti Maatewos 13:38 caqasaniiru. Caqasichi akkas jedha: “Qotiisichi [afaan Giriikiitiin, ho’ aagros] biyya lafaa [afaan Giriikiitin, ho koo smoos] ti.” Ijaarsi hima kanaa, biyyi lafaas qotiisicha akka ta’e hubachuuf nu gargaara.

Haata’u malee, akkuma Yohannis 1:1⁠rratti arginu matimni hima tokkoo addeessaa murtaa’e qabaatee, yaanni kaan yoo qabaachuu baatehoo? Hayyuun Jamsi Aalan Hewot jedhaman, caqasa kana akka fakkeenyaatti fudhachuudhaan akkas jedhaniiru: “Ijaarsa himaa akkasiirratti, matimniifi yaanni kaan kan wal fakkaatan garaa garummaa kan hin qabneefi tokko miti.”

Hewot yaada kana fakkeenyaan ibsuuf 1 Yohannis 1:5 isa, “Waaqayyo ifa” jedhu caqasaniiru. Afaan Giriikiitiin “Waaqayyo” ho tee’os waan jedhamuuf, addeessaa murtaa’e qaba. Jechi foos ykn “ifa” jedhu garuu addeessaa akkamiiyyuu hin qabu. Hewot yaada akkas jedhu kennaniiru: “Namni tokko yeroo hunda . . . Waaqayyo ifa jechuu danda’a; haata’u malee, ifni yeroo hunda Waaqayyodha jechuu hin danda’u.” Yohannis 4:24 isa, “Waaqayyo hafuura” jedhuufi 1 Yohannis 4:16 isa “Waaqayyo jaalala” jedhurrattis fakkeenya wal fakkaatu arganna. Afaan Giriikiitiin caqasa lamaanirrattiyyuu matimnisaa addeessaa murtaa’e kan qabu yommuu ta’u, jechi “hafuura” akkasumas “jaalala” jedhu garuu addeessaa murtaa’e hin qabu. Kanaafuu, matimniifi jechoonni kaan, inni tokko bakka isa kaanii bu’uu hin danda’u. Caqasoonni kun, “hafuurri Waaqayyodha” ykn “jaalalli Waaqayyodha” yaada jedhu hin dabarsan.

Sagalichi” Eenyu?

Hayyoonni afaan Giriikii isa duriifi hiiktonni Macaafa Qulqulluu hedduun, Yohannis 1:1 eenyummaa ‘Sagalichaa’ utuu hin ta’in amalasaa akka ibsu amanu. Macaafa Qulqulluu kan hiikan Wiiliyaam Baarikleey, ‘Yohannis ergamaan jecha tee’os jedhu dura addeessaa murtaa’e waan hin fayyadamneef, . . . asirratti Sagalichi Waaqayyoo wajjin tokkodha jechaa akka hin jirre beekamaadha. Kana salphaatti kaa’uuf, Yesus Waaqayyodha jechuusaa miti’ jedheera. Haaluma wal fakkaatuun piroofeesara amantii kan ta’an Jeesan Deeviid Beeduun akkas jedhaniiru: “Akkuma dhuma Yohannis 1:1⁠rratti arginu, afaan Giriikiitiin hima tokko keessatti maqaa tee’os jedhutti addeessaa yoo dabaluu baattan, namni dubbisu tokko, ‘waaqa’ isa kamiyyuu jechuu keessan akka ta’e hubata. . . . Jechi kun addeessaa kan hin qabne ta’uunsaa, akkuma afaan Oromootiin ‘waaqa’ jechuufi ‘Waaqayyo’ jechuun garaa garummaa qabu, maqaa tee’os jedhu isa ho tee’os jedhuufi murtaa’aa ta’erraa adda godha. Beeduun itti dabaluudhaan, “Yohannis 1:1⁠rratti, Sagalichi Waaqa isa tokkicha utuu hin ta’in qaama hafuuraa Waaqayyoon fakkaatudha” jedhaniiru. Piroofeesarri hiika Ameerikaan Istaandaardi Varshin keessatti hojjetanii turan, Jooseef Heenrii Teeyarimmoo, “Loogos [ykn Sagalichi] amala Waaqayyoo kan qabu malee, Waaqayyo miti” jedhaniiru.

Eenyummaan Waaqayyoo “hamma kana iccitii guddaa ta’uu qabaa”? Wanti kun Yesusiif iccitii hin turre. Yesus kadhannaa Abbaasaatiif dhiheesserratti, inniifi Abbaansaa tokko akka hin taane ifa godheera. “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti” jedhee ture. (Yohannis 17:3) Yesusiin kan amannuufi barumsa Macaafa Qulqulluu isa ifa ta’e kan hubannu yoo ta’e, Ilma Waaqayyoo ta’uusaatiin isa kabajna. Yihowaanimmoo “Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa” waan ta’eef isa waaqeffanna.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 21rra jiru]

Barumsi Sillaasee, hubachuuf rakkisaa kan ta’ee maaliifi?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 21rra jiru]

Yesus, garaa garummaa isaafi Abbaasaa gidduu jiru ifa godheera

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 21rra jiru]

Mana sagadaa Taagnoon Faransaayitti argamu