Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu

Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu

Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu kan kadhannu maaliifi?

Mootummaa Waaqayyoofi wanta inni gara fuulduraatti raawwatu ilaalchisee caalaatti beekuu barbaaddaa?

Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa samiirra jirudha. Mootummaan kun, lafti qajeelinaafi nagaadhaan akka guutamtu waan godhuuf Yesus duuka buutonnisaa Mootummichi akka dhufu akka kadhatan barsiiseera. Bulchiinsi ilmaan namootaa kamiiyyuu hammina, jalʼinas taʼe dhukkuba guutummaatti hambisuu dandaʼu hin jiru; Mootummaan Waaqayyoo garuu kana gochuu ni dandaʼa, ni godhas. Waaqayyo, Mootii Mootummaa kanaa akka taʼu Ilmisaa Yesusiin filateera. Kana malees, namoota Mootummicha keessatti Yesusii wajjin bulchan duuka buutota Kiristos keessaa filateera.—Luqaas 11:2; 22:28-30 dubbisi.

Dhiheenyatti, Mootummaan Waaqayyoo qaamota bulchiinsa Waaqayyoo morman hunda ni balleessa. Kanaafuu, Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu yommuu kadhannu Mootummaan kun bulchiinsa ilmaan namootaa hunda, Mootummaa Waaqayyootiin akka bakka buusu gaafachuu keenyadha.—Daaniʼel 7:13, 14; Mulʼata 11:15, 18 dubbisi.

Mootummaan Waaqayyoo namootaaf faayidaa akkamii argamsiisa?

Yesus gara laafessa waan taʼeef Mootii adda taʼedha. Ilma Waaqayyoo waan taʼeef, namoota gargaarsaaf gara Waaqayyootti iyyan hunda gargaaruu ni dandaʼa.—Faarfannaa 72:8, 12-14 dubbisi.

Mootummaan Waaqayyoo namoota akka inni dhufu kadhataniifi karaa Waaqayyoon gammachiisuun jiraatan hundaaf faayidaa kan argamsiisudha. Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu barachuunkee sin gaabbisiisu.—Luqaas 18:16, 17; Yohannis 4:23 dubbisi.