Qorontos Tokkoffaa 15:1-58

  • Duʼaa kaʼuu Kiristoos (1-11)

  • Abdiin duʼaa kaʼuu amantiidhaaf buʼuura dha (12-19)

  • Kiristoos duʼaa kaʼuun isaa wabii dha (20-34)

  • Qaama foonii fi qaama hafuuraa (35-49)

  • Jireenya hin duunee fi hin tortorre (50-57)

  • Hojiin Gooftaa isiniif haa baayʼatu (58)

15  Yaa obbolootaa, misiraachoo ani isiniif lallabe,+ isa isin fudhattanii fi itti cimtanii dhaabbattan sana isin yaadachiisuu nan barbaada.  Isin misiraachoo ani isiniif lallabe kana cimsitanii yoo qabattan karaa isaa fayyina ni argattu; taʼuu baannaan garuu, amantoota taʼuun keessan faayidaa hin qabu.  Ani wantoota iddoo guddaa qaban, warra ani fudhadhe sana isinitti dabarseera; akkuma Kitaabonni Qulqulluun jedhan, Kiristoos cubbuu keenyaaf ni duʼe;+  akkasumas, ni awwaalame;+ eeyyee, akkuma Kitaabonni Qulqulluun jedhan+ guyyaa sadaffaatti+ duʼaa ni kaafame;+  achiis Keefaasitti,*+ sana boodas warra Kudha Lamaanitti mulʼate.+  Achiis al tokkotti obboloota 500 caalanitti mulʼate;+ isaan keessaa tokko tokko duʼaniiru;* hedduun isaanii garuu amma iyyuu nuu wajjin jiru.  Sana booda Yaaqoobitti,+ achiis ergamoota hundatti mulʼate.+  Hundumaa booda garuu, ana isa akka daaʼima utuu yeroon isaa hin gaʼin dhalatee taʼetti mulʼate.+  Ani gumii Waaqayyoo ariʼachaa waanan tureef,+ ergamoota hundumaatii gad kanan taʼee fi ergamaa jedhamee waamamuun kan naaf hin malle dha. 10  Haa taʼu malee, gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatiin wantan amma taʼe kana taʼeera. Gaarummaa guddaan inni natti argisiise faayidaa kan hin qabne hin turre; ani hunduma isaanii caalaa jabaadhee hojjedheera; kana kan hojjete garuu gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa anaa wajjin jiru sana malee ana miti. 11  Egaa, anis taʼe isaan karaa kanaan lallabna; isinis karuma kanaan amantan. 12  Kiristoos warra duʼan keessaa akka kaafame ni lallabama erga taʼee,+ isin keessaa namoonni tokko tokko akkamitti duʼaa kaʼuun warra duʼanii hin jiru jedhu? 13  Duʼaa kaʼuun warra duʼanii hin jiru taanaan, Kiristoos duʼaa hin kaafamne jechuu dha. 14  Kiristoos duʼaa hin kaafamne yoo taʼe immoo, lallabni keenya gatii hin qabu; amantiin keessanis gatii hin qabu jechuu dha. 15  Kana malees, warri duʼan duʼaa hin kaafaman yoo taʼe, isa Waaqayyo dhuguma duʼaa hin kaasne duʼaa kaaseera jennee Waaqayyo irratti ragaa baʼaa waan jirruuf,+ nutis namoota Waaqayyoof sobaan ragaa baʼan taaneerra.+ 16  Sababiin isaas, warri duʼan duʼaa hin kaafaman yoo taʼe, Kiristoosis duʼaa hin kaafamne jechuu dha. 17  Kana malees, Kiristoos duʼaa hin kaafamne yoo taʼe, amantiin keessan gatii hin qabu, isinis cubbuu keessan irraa bilisa hin baane jechuu dha.+ 18  Warri Kiristoosii wajjin utuma tokkummaa qabanii duʼanis* badaniiru jechuu dha.+ 19  Nuti Kiristoosiin kan abdanne jireenyuma ammaa kanaaf qofa yoo taʼe, nama kam iyyuu caalaa kan gaddamuuf taana. 20  Amma garuu Kiristoos warra duʼan* keessaa isa* jalqabaa taʼee duʼaa kaafameera.+ 21  Sababiin isaas, akkuma duuti karaa nama tokkoo dhufe,+ duʼaa kaʼuun warra duʼaniis karaa nama tokkoo dhufa.+ 22  Akkuma hundi isaanii karaa Addaam duʼan,+ hundi isaanii karaa Kiristoos ni jiraachifamu.+ 23  Haa taʼu malee, hundi isaanii dabaree isaaniitiin duʼaa kaafamu: Inni jalqabaa* Kiristoosi;+ achiis yeroo inni argamutti warra kan Kiristoos taʼantu kaafama.+ 24  Sana booda bulchiinsa hunda, akkasumas aangoo fi humna hundumaa erga balleessee booda, Mootummicha Waaqaa fi Abbaa isaatti dabarsee yommuu kennu xumurri ni taʼa.+ 25  Sababiin isaas, inni hanga Waaqayyo diinota isaa hunda miila isaa jala godhutti mootii taʼee bulchuu qaba.+ 26  Diina isa dhumaa kan taʼe duuti ni balleeffama.+ 27  Sababiin isaas, Waaqayyo “wantoonni hundi miila isaa jalatti akka isaaf bitaman godheera.”+ Taʼus, ‘wantoonni hundi isaaf bitamaniiru’+ yommuu jedhu, isa wantoonni hundi akka isaaf bitaman godhe sana akka hin dabalanne beekamaa dha.+ 28  Haa taʼu malee, yommuu wantoonni hundi isaaf bitaman, Waaqayyo hundumaaf waan hundumaa akka taʼuuf,+ yeroo sanatti Ilmi mataan isaa isa wantoonni hundi akka isaaf bitaman godhe sanaaf ni bitama.+ 29  Taʼuu baannaan, warri duʼuuf jedhanii cuuphaman faayidaa maalii argatu?+ Warri duʼan matumaa hin kaʼan yoo taʼe, isaanis cuuphaa akkasii kan cuuphaman maaliifi? 30  Nuti hoo yeroo* hunda balaadhaaf kan saaxilamnu maaliifi?+ 31  Ani guyyaa guyyaadhaan duʼaaf nan saaxilama. Yaa obboloota koo, kun Gooftaa keenya Kiristoos Yesuusii wajjin haala wal qabateen akkuma gammachuu ani isin irraa argadhu sanaa mirkanaaʼaa dha. 32  Akkuma namoota kaanii* Efesoonitti bineensotaa wajjin waldhaansoo wal qabuun+ koo faayidaa maalii naaf qaba ree? Warri duʼan hin kaʼan yoo taʼe, “boru waan duunuuf, haa nyaannu, haa dhugnus.”+ 33  Hin dogoggorinaa. Hiriyummaa gadheen amala* gaarii mancaasa.+ 34  Karaa qajeelaa taʼeen gara qalbii keessaniitti deebiʼaa, cubbuu hojjechuu hin amaleeffatinaa; isin keessaa tokko tokko waaʼee Waaqayyoo hin beekan. Ani kana kanan dubbadhu isin qaanessuufi. 35  Haa taʼu malee, namni tokko, “Warri duʼan kan kaafaman akkamitti? Yommuu duʼaa kaʼan qaama akkamii qabaatu?”+ jedha taʼa. 36  Yaa gowwaa nana! Wanti ati facaastu jalqaba yoo duʼe malee jiraataa hin taʼu. 37  Kana malees, qamadiis taʼe sanyii akaakuu kan biraa, wanti ati facaastu firii tokkittii qofa malee qaama isa biqilee guddachuuf jiru sana miti; 38  Waaqayyo garuu akkuma barbaadetti qaama isaaf ni kenna; tokkoon tokkoon sanyiiwwan sanaaf qaama ofii isaanii isaaniif kenna. 39  Foon hundi tokko miti; foon namaa jira, foon loonii jira, foon simbirrootaa jira, akkasumas foon qurxummii jira. 40  Qaamawwan samii irraa jiru,+ qaamawwan lafa irraas jiru;+ haa taʼu malee, ulfinni qaamawwan samii irraa akaakuu tokko dha, ulfinni qaamawwan lafa irraa immoo akaakuu kan biraa dha. 41  Ulfinni aduu akaakuu tokko dha, ulfinni addeessaa kan biraa dha,+ ulfinni urjiilees kan biraa dha; ulfinni urjii tokkoo isa kan biraa irraa adda dha. 42  Duʼaa kaʼuun warra duʼaniis akkuma kana. Qaama tortorutu facaafama, qaama hin tortorretu kaafama.+ 43  Salphinaan facaafama, ulfinaan kaafama.+ Dadhabinaan facaafama, humnaan kaafama.+ 44  Qaama fooniitu facaafama, qaama hafuuraatu kaafama. Qaamni foonii yoo jiraate, qaamni hafuuraas jira. 45  Kanaafuu, “Addaam namni jalqabaa, nama* jiraataa taʼe”+ jedhamee barreeffameera. Addaam inni boodaa hafuura jireenya kennu taʼe.+ 46  Haa taʼu malee, qaamni inni jalqabaa isa hafuuraa sana miti. Inni jalqabaa isa foonii ti, qaamni hafuuraa sana booda dhufe. 47  Namni inni jalqabaa lafa irraa ti, akkasumas biyyoo irraa tolfame;+ namni inni lammaffaan samii irraa ti.+ 48  Warri biyyoo irraa tolfaman akkuma isa biyyoo irraa tolfame sanaa ti; warri samii irraa taʼanis akkuma isa samii irraa taʼe sanaa ti.+ 49  Akkuma bifa isa biyyoo irraa tolfame sanaa uffanne,+ bifa isa samii irraa taʼe sanaas ni uffanna.+ 50  Haa taʼu malee yaa obbolootaa, ani isinitti nan hima, foonii fi dhiigni Mootummaa Waaqayyoo dhaaluu hin dandaʼu; inni tortorus isa hin tortorre dhaaluu hin dandaʼu. 51  Ilaa, ani iccitii qulqulluu tokko isinitti nan hima: Duʼaan kan boqonnu hunda keenya miti; garuu hundi keenya ni jijjiiramna;+ 52  malakanni inni dhumaa yeroo afuufamu, yeruma sana, liphsuu ijaatiin ni jijjiiramna. Sababiin isaas, malakanni ni afuufama,+ warri duʼan kan hin tortorre taʼanii kaafamu, nutis ni jijjiiramna. 53  Inni tortoru kun isa hin tortorre uffachuu qaba,+ inni duʼu kunis isa hin duune uffachuu qaba.+ 54  Haa taʼu malee, yommuu inni tortoru kun isa hin tortorre uffatuu fi inni duʼu kun isa hin duune uffatu, yeroo sanatti, “Duuti bara baraaf ni liqimfame”+ jedhamee inni barreeffame ni raawwatama. 55  “Yaa duʼaa, injifannoon kee meerre? Yaa duʼaa, ilkeen kee meerre?”+ 56  Ilkeen duʼa geessisu cubbuu dha,+ humni cubbuus Seericha dha.*+ 57  Haa taʼu malee, Waaqayyo karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos injifannoo waan nuu kenneef+ galanni isaaf haa taʼu! 58  Kanaafuu, yaa obboloota jaallatamo, Gooftaa wajjin haala wal qabateen, dadhabbiin keessan gatii kan hin qabne akka hin taane beekuudhaan+ jabaadhaa dhaabbadhaa,+ hin sochoʼinaa, yeroo hunda hojiin Gooftaa kan isiniif baayʼate taʼaa.+

Miiljaleewwan

Pheexiros jedhamees ni waamama.
Kal., “rafaniiru.”
Kal., “rafanis.”
Kal., “rafan.”
Kal., “firii.”
Kal., “Firiin jalqabaa.”
Kal., “saʼaatii.”
Ykn tarii, “Akka ilaalcha namaatti.”
Ykn., “naamusa.”
Ykn., “lubbuu.”
Ykn., “Seerichi cubbuudhaaf humna kenna.”