Seenaa Baraa Isa Tokkoffaa 22:1-19

  • Daawit ijaarsa mana qulqullummaatiif qophii godhe (1-5)

  • Daawit Solomooniif qajeelfama kenne (6-16)

  • Bulchitoonni Solomooniin akka gargaaran ajajaman (17-19)

22  Achiis Daawit, “Kun mana Yihowaa Waaqa dhugaa ti; kun iddoo aarsaa isa Israaʼel aarsaa gubamu irratti dhiheessu dha” jedhe.+  Sana booda Daawit namoonni biyya ormaa+ warri biyya Israaʼel keessa turan akka walitti qabaman ajaje; achiis ijaarsa mana Waaqa dhugaatiif dhagaa akka muranii fi akka bifa itti baasaniif warra dhagaa bocan godhee isaan ramade.+  Kana malees Daawit sibiila hedduu mismaara balbaloota karraatiif barbaachisanii fi maaxafaawwan tolchuuf oolan ni qopheesse; sibiila diimaa baayʼina isaatiin kan kaʼe madaalamuu hin dandeenyes ni qopheesse;+  akkasumas saanqaawwan muka gaattiraa+ lakkaaʼamuu hin dandeenye ni qopheesse; sababiin isaas Siidoononnii+ fi warri Xiiros+ saanqaawwan muka gaattiraa hedduu Daawitiif fidanii turan.  Daawitis, “Ilmi koo Solomoon ijoollee fi muuxannoo kan hin qabne dha;*+ manni Yihowaadhaaf ijaaramu immoo akka malee miidhagaa+ taʼuu isaatiin kan kaʼe waaʼeen isaa fi bareedinni+ isaa biyyoota hundumaatti ni beekama.+ Kanaafuu, ani isaaf qophii nan godha” jedhe. Kanaan kan kaʼes Daawit duʼuu isaa dura miʼawwan hedduu ni qopheesse.  Kana malees, inni ilma isaa Solomooniin waamee Yihowaa Waaqa Israaʼeliif mana akka ijaaru isa ni ajaje.  Daawit ilma isaa Solomooniin akkana jedhe: “Ani gama kootiin, maqaa Waaqa koo Yihowaatiif mana ijaaruun hawwii garaa kootii ture.+  Haa taʼu malee, dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: ‘Ati dhiiga hedduu dhangalaasteetta; waraanawwan guguddaa irrattis hirmaatteetta. Ati na duratti lafa irratti dhiiga hedduu waan dhangalaasteef, maqaa kootiif mana hin ijaartu.+  Kunoo, ati ilma+ tokko ni dhalchita; inni nama nagaa* ni taʼa; anis diinota isaa warra isatti marsanii jiran hunda irraa boqonnaa isaaf nan kenna;+ maqaan isaa Solomoon*+ ni jedhama; anis bara isaatti Israaʼeliif nagaa fi tasgabbii nan kenna.+ 10  Mana maqaa kootiif taʼu kan ijaaru isa dha.+ Inni ilma koo ni taʼa, anis abbaa isaa nan taʼa.+ Ani teessoo mootummaa isaa Israaʼel irratti bara baraaf jabeessee nan dhaaba.’+ 11  “Ammas yaa ilma koo, Yihowaan sii wajjin haa taʼu; akkuma inni waaʼee kee dubbatetti mana Waaqa kee Yihowaa ijaaruu irratti milkaaʼina kan argattu taʼi.+ 12  Inni Israaʼel irratti yommuu si muudu, seera Waaqa kee Yihowaa akka eegduuf,+ Yihowaan dandeettii waa madaaluu fi hubannaa siif haa kennu.+ 13  Ati dambiiwwanii+ fi murtiiwwan Yihowaan Israaʼelotaaf akka kennuuf Musee ajaje of eeggannoodhaan yoo eegde milkaaʼina ni argatta.+ Onnadhu, cimis. Hin sodaatin yookiin hin jeeqamin.+ 14  Kunoo, ani mana Yihowaatiif warqii taalaantii* 100,000 fi meetii taalaantii 1,000,000, sibiila diimaa fi sibiila+ hedduu madaalamuu hin dandeenye, akkasumas saanqaawwanii fi dhagoota qopheessuuf baayʼee dhamaʼeera;+ atis kana irratti ni dabalta. 15  Hojjettoonni hedduun, jechuunis, warri dhagaa bocan, warri dhagaadhaan ijaaran,+ anaaxonnii fi hojjettoonni dandeettii hojii gosa hundumaa qaban sii wajjin jiru.+ 16  Warqichi, meetichi, sibiilli diimaanii fi sibiilichi madaalamuu kan hin dandeenye dha.+ Kaʼiitii hojicha jalqabi; Yihowaan sii wajjin haa taʼu.”+ 17  Achiis Daawit ilma isaa Solomooniin akka gargaaraniif akkana jechuudhaan bulchitoota Israaʼel hunda ajaje: 18  “Waaqni keessan Yihowaan isinii wajjin jira mitii? Inni kallattii hundumaatiin boqonnaa isiniif hin kenninee? Inni jiraattota biyyattii dabarsee waan natti kenneef, biyyattiin toʼannaa Yihowaa fi saba isaa jala oolteetti. 19  Ammas Waaqa keessan Yihowaa barbaaddachuuf garaa fi lubbuu* keessan guutuudhaan murtii godhaa;+ taabota kakuu Yihowaa fi miʼawwan qulqulluu Waaqa dhugaa+ gara mana maqaa Yihowaatiif ijaaramu+ sanaatti fiduuf mana qulqullummaa Yihowaa waaqa dhugaa ijaaruu jalqabaa.”+

Miiljaleewwan

Ykn., “kan hin bilchaanne dha.”
Kal., “boqonnaa.”
Jecha Afaan Ibrootaa hiika, “Nagaa” jedhu qabu irraa kan argame dha.
Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.