Yohaannis Tokkoffaa 5:1-21

  • Yesuusitti kan amanu addunyaa ni moʼa (1-12)

    • Waaqayyoon jaallachuu jechuun ajajawwan isaa eeguu dha (3)

  • Humna kadhannaan qabutti amanamuu (13-17)

  • Addunyaa hamaa keessatti eegumsa argachuu (18-21)

    • Guutummaan addunyaa humna isa hamaa sana jala jira (19)

5  Namni Yesuus dhuguma Kiristoos taʼuu isaa amanu hundi Waaqayyo irraa kan dhalate dha;+ namni abbaa jaallatu hundis isa isa irraa dhalate sana ni jaallata.  Waaqayyoon yommuu jaallannuu fi ajajawwan isaa yommuu raawwannu, ijoollee Waaqayyoo+ akka jaallannu kanaan ni beekna.  Waaqayyoon jaallachuu jechuun ajajawwan isaa eeguu dha;+ ajajawwan isaa immoo baʼaa ulfaatoo miti;+  sababiin isaas, namni* Waaqayyo irraa dhalate hundi addunyaa ni moʼa.+ Addunyaa akka moonu kan nu dandeessise immoo amantii keenya dha.+  Addunyaa moʼuu kan dandaʼu eenyu?+ Isa Yesuus Ilma Waaqayyoo taʼuu isaa amanu mitii?+  Yesuus Kiristoos bishaanii fi dhiigaan dhufe; inni bishaanichaa wajjin qofa utuu hin taʼin,+ bishaanichaa fi dhiigichaa+ wajjin dhufe. Hafuurichi kana ragaa ni baʼa;+ sababiin isaas, hafuurichi dhugaa dha.  Ragaa baatonni sadii jiru;  isaanis hafuuricha,+ bishaanichaa+ fi dhiigicha;+ sadan isaanii walii galu.  Isa namoonni ragaa baʼan kan fudhannu yoo taʼe, wanti Waaqayyo ragaa baʼu immoo kana irra ni caala. Sababiin isaas, wanti Waaqayyo ragaa baʼe isa kana, kunis isa inni waaʼee Ilma isaa ragaa baʼe dha. 10  Namni Ilma Waaqayyootti amanu, wanta ragaa isaaf baʼame garaa isaa keessaa qaba. Namni Waaqayyotti hin amanne, wanta Waaqayyo Ilma isaa ilaalchisee ragaa baʼetti waan hin amanneef, sobduu isa godheera.+ 11  Wanti inni ragaa baʼe isa kana, Waaqayyo jireenya bara baraa nuu kenneera;+ jireenyi kunis Ilma isaa keessa jira.+ 12  Namni Ilma Waaqayyoo qabu jireenya kana qaba; namni Ilma Waaqayyoo hin qabne jireenya kana hin qabu.+ 13  Ani wantoota kana kanan isiniif barreessu, isin warri maqaa Ilma Waaqayyootti amantan+ jireenya bara baraa+ qabaachuu keessan akka beektaniifi. 14  Amanannaan* nuti isa irratti qabnu+ kana dha, wanti kadhannu maal iyyuu yoo taʼe, akka fedhii isaatti yoo kadhanne inni nu dhagaʼa.+ 15  Akkasumas wanta isa kadhannu hunda akka nu dhagaʼu yoo beekne, wanta sana waan isa kadhanneef, wanta kadhanne akka argannu beekna.+ 16  Namni kam iyyuu obboleessi isaa cubbuu duʼa hin geessisne utuu hojjetuu yoo arge isaaf haa kadhatu, Waaqayyos jireenya isaaf ni kenna;+ eeyyee, Waaqayyo warra cubbuu duʼa hin geessisne hojjetaniif jireenya ni kenna. Cubbuun duʼa geessisu jira.+ Nama cubbuu akkasii hojjeteef haa kadhatu hin jedhu. 17  Jalʼinni hundi cubbuu dha,+ taʼus cubbuun duʼa hin geessisne jira. 18  Namni Waaqayyo irraa dhalate kam iyyuu cubbuu hojjechuu akka hin amaleeffanne beekna; inni Waaqayyo irraa dhalate sun* isa eega, inni hamaan sun homaa isa gochuu hin dandaʼu.*+ 19  Nuti kan Waaqayyoo akka taane beekna, guutummaan addunyaa garuu humna isa hamaa sanaa* jala jira.+ 20  Haa taʼu malee, Ilmi Waaqayyoo akka dhufe beekna;+ inni waaʼee isa dhugaa taʼe sanaa beekumsa akka argannuuf hubannaa* nuuf kenneera. Nutis karaa Ilma isaa Yesuus Kiristoos, isa dhugaa taʼe sanaa wajjin tokkummaa qabna.+ Inni Waaqa dhugaa fi jireenya bara baraa ti.+ 21  Yaa ijoolle, waaqolii tolfamoo irraa of eegaa.+

Miiljaleewwan

Kal., “wanti.”
Ykn., “Bilisummaan dubbachuu.”
Ykn., “jabeessee isa qabuu hin dandaʼu.”
Jechuunis, Yesuus Kiristoos Ilma Waaqayyoo.
Jechuunis, Seexana.
Kal., “dandeettii yaaduu.”