Ximotewos Lammaffaa 4:1-22

  • “Tajaajila kee guutummaatti raawwadhu” (1-5)

    • Hinaaffaadhaan dubbicha lallabi (2)

  • “Lola isa gaarii loleera” (6-8)

  • Wanta Phaawulos haala keessa jiru ilaalchisee dubbate (9-18)

  • Nagaa xumuraa (19-22)

4  Waaqayyo durattii fi Kiristoos Yesuus isa karaa mulʼachuu isaa+ fi Mootummaa isaatiin+ warra jiranii fi warra duʼan+ irratti murteessuuf jedhu+ duratti cimseen kana si ajaja:  Dubbicha lallabi;+ yeroo mijaaʼaa taʼettis taʼe yeroo rakkisaa taʼetti hinaaffaadhaan lallabi; obsa hundumaa fi ogummaa barsiisuutiin balleessaa hubachiisi,+ cimsii akeekkachiisi, akkasumas cimsii gorsi.+  Sababiin isaas, yeroon namoonni barumsa gaarii*+ taʼe itti hin obsine ni dhufa; kanaa mannaa, akka fedhii isaaniitti barsiisota gurra isaanii isaaniif qirqirsan* walitti qabatu.+  Isaan dhugaa dhaggeeffachuu irraa garagaluudhaan, seenaa sobaatiif xiyyeeffannaa kennu.  Ati garuu wantoota hundumaa keessatti dandeettii hubannaa kee eeggadhu, rakkina keessatti jabaadhuu dhaabbadhu,+ hojii lallabaan wangeelaa hojjetu hojjedhu,* tajaajila kee guutummaatti raawwadhu.+  Ani amma iyyuu akka aarsaa dhugaatiitti dhangalaafamaan jira;+ yeroon itti gadhiifamus+ baayʼee dhihoo dha.  Lola isa gaarii loleera,+ dorgommicha irratti hamma dhumaatti fiigeera,+ amantiis eegeera.  Ammaa jalqabee gonfoon qajeelinaa,+ Gooftaan inni abbaa murtii+ qajeelaa taʼe guyyaa sana akka badhaasaatti kennu naaf qophaaʼeera;+ taʼus warra mulʼachuu isaa hawwiidhaan eeggatan hundumaatiif malee anaaf qofa miti.  Ariitiidhaan gara koo dhufuuf wanta sii dandaʼame hunda godhi. 10  Sababiin isaas, Deemaas+ sirna* ammaa kana jaallatee na dhiisee gara Tasalonqee deemeera; Qeerqis gara Galaatiyaa, Tiitoon immoo gara Dalmaaxiyaa deemaniiru. 11  Luqaas qofatu na bira jira. Maarqos tajaajilaaf waan na fayyaduuf isa fidii kottu. 12  Tikiqoosiin+ immoo gara Efesoonitti ergeera. 13  Yeroo dhuftu waaroo isan Xiroʼaasitti Kaarphos biratti dhiisee fi maraawwan kitaabaa, keessumaa immoo biraannaawwan* sana fidii kottu. 14  Iskindir inni sibiila diimaa tumu miidhaa guddaa na irra geessise. Yihowaan* akka hojii isaatti isaaf deebisa.+ 15  Inni ergaa keenya garmalee waan mormuuf atis isa irraa of eegi. 16  Yeroo falmii koo isa jalqabaatti namni tokko illee na cinaa hin dhaabbanne; kanaa mannaa, hundi isaanii na dhiisanii deeman; Waaqayyo kana isaanitti hin lakkaaʼin. 17  Taʼus, hojiin lallabaa karaa koo guutummaatti akka raawwatamuu fi saboonni hundi akka dhagaʼaniif, Gooftaan na bira dhaabbatee humna naaf kenne;+ anis afaan leencaa keessaa ooleera.+ 18  Gooftaan hojii hamaa hundumaa irraa na oolcha, Mootummaa isaa isa samiittis na galcha.+ Baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu. Ameen. 19  Phirisqaa fi Aqiilaatti,+ akkasumas maatii Oneesiforositti+ nagaa koo naaf himi. 20  Eraasxos+ Qorontositti hafe, Xirofimoos+ garuu waan dhukkubsateef Milexosittan isa dhiise. 21  Utuu ganni hin seenin dhufuuf waan sii dandaʼame hunda godhi. Yubuloos nagaa siif dhaameera, Phudenis, Liinos, Qilaawudiyaanii fi obboloonni hundi nagaa siif dhaamaniiru. 22  Gooftaan hafuura ati argisiistuu wajjin haa taʼu. Gaarummaan isaa inni guddaan isinii wajjin haa taʼu.

Miiljaleewwan

Ykn., “fayya qabeessa; faayida qabeessa.”
Ykn., “wanta isaan dhagaʼuu barbaadan isaanitti himan.”
Ykn., “misiraachicha lallabuu kee itti fufi.”
Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Maraawwan kitaabaa gogaa irraa qopheeffaman argisiisa.