Baʼuu 28:1-43

  • Uffata lubummaa (1-5)

  • Efuudii (6-14)

  • Kiisii qomaa (15-30)

    • Uuriimii fi Tuumiimii (30)

  • Qoloo (31-35)

  • Marata mataa fi warqii diriiraa (36-39)

  • Uffatawwan lubummaa kaan (40-43)

28  “Obboleessi kee Aaronii+ fi ilmaan isaa+ Naadaab, Abihuun,+ Eleʼazaarii fi Itaamaar+ luboota akka naa taʼaniif+ Israaʼelota keessaa waami.  Ulfinaa fi miidhagina akka isaa kennuuf obboleessa kee Aaroniif uffata qulqulluu ni tolchita.+  Namoota dandeettii* qaban, warra ani hafuura ogummaatiin guute+ hundumaatti ni dubbatta; isaanis Aaron qulqulluu akka taʼuu fi luba taʼee akka na tajaajiluuf isaaf uffata ni tolchu.  “Uffanni isaan tolchan kanneen kana dha: kiisii qomaa,+ efuudii,+ qoloo,+ uffata dheeraa bifa roga afuriin dhaʼame, marata mataa+ fi sabbata;+ inni anaaf luba taʼee akka tajaajiluuf isaan obboleessa kee Aaronii fi ilmaan isaatiif uffatawwan qulqulluu kana ni tolchu.  Namoonni dandeettii qaban warqii, foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi foʼaa quncee talbaa baʼeessa taʼetti fayyadamu.  “Isaan efuudicha warqii, foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa ni tolchu; xilfiin kan irratti dhaʼames haa taʼu.+  Efuudiin sun kutaa gateettii irra oolu lamaa fi fiixee isaa lamaan irratti walitti qabsiifame haa qabaatu.  Sabbanni dhaʼame+ inni efuudiin sun iddoo isaatii akka hin sochoone gochuuf itti qabsiifamu wantootuma wal fakkaatan, jechuunis warqii, foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa haa tolfamu.  “Dhagoota oniiksii+ lama fudhadhuutii maqaa ilmaan Israaʼel+ isaan irratti boci; 10  akka duraa duuba dhaloota isaaniitti dhagaa isa tokko irratti maqaa jaʼa, dhagaa isa kan biraa irrattis maqaa jaʼa boci. 11  Namni dhagaa irratti bocu tokko akkuma chaappaa bocutti maqaa ilmaan Israaʼel dhagoota lamaan irratti ni boca.+ Atis dhagoota kana baattuuwwan warqii irraa tolfaman keessa ni keessa. 12  Ilmaan Israaʼeliif dhagoota yaadannoo akka taʼaniifis dhagoota lamaan kana kutaa efuudichaa isa gateettii irra oolu irra ni keessa;+ Aaronis yaadannoodhaaf akka taʼutti maqaa isaanii kana Yihowaa duratti gateettii isaa lamaan irratti ni baata. 13  Atis baattuuwwan warqii irraa tolfaman, 14  akkasumas funcaawwan warqii qulqulluu akka funyootti foʼaman lama ni tolchita;+ funcaawwan sanas baattuuwwan warqii irraa tolfamanii wajjin wal qabsiista.+ 15  “Namni xilfii dhaʼu kiisii qomaa murtii Waaqayyoo beekuuf gargaaru akka tolchu godhi.+ Kiisiin qomaa kun akkuma efuudichaa warqii, foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa haa tolfamu.+ 16  Yommuu dachaafamus dheerinni isaa taakkuu* tokko, dalgi isaas taakkuu tokko taʼee rogni isaa arfan wal qixa haa taʼu. 17  Achi irrattis tarree afuriin dhagoota* maxxansi. Tarreen inni jalqabaa ruubii, tophaaziyonii fi imeraaldi haa taʼu. 18  Tarreen inni lammaffaan tarkooyis, safiroosii fi yaasphis haa taʼu. 19  Tarreen inni sadaffaan lesheem, ageetii fi ametiisxos haa taʼu. 20  Tarreen inni arfaffaan immoo kirisoliixos, oniiksii fi jeed haa taʼu. Isaan baattuuwwan warqii irraa tolfaman irra haa kaaʼaman. 21  Dhagoonni kun maqaa ilmaan Israaʼel 12n bakka buʼu. Tokkoon tokkoon isaanii akkuma chaaphaatti haa bocaman; maqaan tokko gosoota 12n keessaa isa tokko kan bakka buʼu haa taʼu. 22  “Kiisii qomaatti marsitee funcaa funyoo warqii qulqulluu irraa foʼame fakkaatu ni tolchita.+ 23  Kiisii qomaa sanaaf warqii irraa amartiiwwan lama tolchitee, amartiiwwan lamaan sana fiixee kiisii qomaa lamaanitti qabsiista. 24  Funyoowwan warqii irraa tolfaman lamaan sana amartiiwwan lamaan warra fiixee kiisii qomaa irra jiran keessa galchita. 25  Fiixeewwan lamaan funyoowwan lamaan sanaa baattuuwwan lamaan keessa galchitee, karaa fuulduraatiin kutaa efuudichaa isa gateettii irra oolu irratti qabsiista. 26  Amartiiwwan warqii lama tolchitee gara efuudichaatti gargalchitee, qarqara kiisii qomaa lamaan warra gara gadii irratti qabsiista.+ 27  Efuudicha fuulduraan kutaa efuudichaa isa gateettii irra oolu lamaanii gaditti, bakka efuudichii fi sabbanni itti wal qabatu biratti, sabbata efuudii isa dhaʼamee olitti amartiiwwan warqii dabalataa lama tolchi.+ 28  Kiisiin qomaa sun iddoo isaatii akka hin sochooneef, amartiiwwan isaa amartiiwwan efuudichaatti funyoo bifa cuquliisaatiin haa hidhaman. Kunis kiisiin qomaa sun sabbata dhaʼamee olitti efuudichatti maxxanee iddoo isaatii akka hin sochoone godha. 29  “Aaron yommuu gara Kutaa Qulqulluutti seenu Yihowaa duratti yaadannoo dhaabbataa akka taʼuuf kiisii qomaa murtii Waaqayyoo beekuuf gargaaru isa qoma isaa irra jiru sana irratti maqaa ilmaan Israaʼel haa baatu. 30  Atis kiisii qomaa isa murtii Waaqayyoo beekuuf gargaaru sana keessa Uuriimii fi Tuumiimii*+ ni keessa; isaanis yeroo inni seenee Yihowaa duratti dhihaatutti qoma Aaron irra ni taʼu; Aaron wantoota Israaʼelotaaf murtoo kennuuf gargaaran kana Yihowaa duratti yeroo hundumaa qoma isaa irratti ni baata. 31  “Qoloo efuudicha jalatti uffatamu guutummaatti foʼaa bifa cuquliisaa irraa ni tolchita. + 32  Karaa oliitiin* gidduu isaatti baqaqaa ni qabaata. Baqaqaan sunis qarqarri isaa nama wayyaa dhaʼuun haa goodamu.* Inni akka hin tarsaaneef, baqaqaan isaa akkuma baqaqaa kootii sibiilaa haa taʼu. 33  Atis foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee fi foʼaa diimaa irraa qarqara isaatti naannessitee romaanota ni tolchita; isaan gidduuttis bilbila warqii ni tolchita. 34  Qarqara qoloo* sanaatti naannessitees bilbila warqii tokko achiis romaanii tokko gochaa wal keessa ni tolchita. 35  Aaronis yeroo tajaajilu isa uffachuu qaba; yommuu Yihowaa duratti dhihaachuuf gara iddoo qulqulluutti seenuu fi achi keessaa baʼutti, akka hin duuneef sagaleen bilbila sanaa dhagaʼamuu qaba.+ 36  “Warqii qulqulluu irraa wanta diriiraa calaqqisu tolchiitii akkuma namni tokko chaappaa bocutti, ‘Qulqullummaan kan Yihowaa ti’+ jedhiitii achi irratti boci. 37  Isas funyoo bifa cuquliisaatiin marata mataatti ni hiita;+ innis marata mataa sana fuuldura taʼuu qaba. 38  Inni adda Aaron irra ni taʼa; yommuu namni tokko wantoota qulqulluu, jechuunis wantoota Israaʼelonni akka kennaawwan qulqulluutti yeroo fidanitti qulqulleessan sana irratti cubbuu raawwatu, Aaron itti gaafatamummaa isaa ni fudhata.+ Isaan Yihowaa duratti fudhatama akka argataniif, inni yeroo hunda adda isaa irra taaʼuu qaba. 39  “Foʼaa quncee talbaa baʼeessa taʼe irraa uffata dheeraa bifa roga afuriin dhaʼame tolchi; marata mataas quncee talbaa baʼeessa taʼe irraa tolchi; akkasumas sabbata dhaʼame tolchi.+ 40  “Kana malees, ulfinaa fi miidhagina akka isaaniif kennuuf,+ ilmaan Aaroniif uffatawwan, sabbatawwanii fi marata mataa ni tolchita.+ 41  Obboleessa kee Aaronii fi ilmaan isaa warra isaa wajjin jiranitti uwwista; isaan ni dibda,+ isaan muudda,*+ akkasumas isaan qulqulleessita; isaanis anaaf luboota taʼanii tajaajilu. 42  Qullaa isaanii akka dhokfataniifis qumxaawwan* quncee talbaa isaaniif ni tolchita.+ Qumxaawwan kun mudhii irraa jalqabee hamma jilbaatti kan dheeratan taʼu. 43  Cubbuu akka isaanitti hin taanee fi akka hin duuneef, Aaronii fi ilmaan isaa yeroo dunkaana walgaʼiitti seenanitti yookiin yeroo iddoo qulqulluu keessatti tajaajiluuf iddoo aarsaatti dhihaatanitti wantoota kana uffachuu qabu. Kun isaa fi sanyii isaa warra isa booda dhufaniif dambii dhaabbataa haa taʼu.

Miiljaleewwan

Kal., “garaa ogeessa.”
Gara 22.2 cm. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “Mataadhaaf.”
Gooduun qarqara uffataa dachaasanii hodhuu argisiisa.
Qamisii dheeraa harka hin qabnee fi dhiironni uffatan.
Kal., “harka isaanii guuti.”
Ykn., “uffata jalatti uffatamu.”