Hisqiʼel 16:1-63

  • Jaalala Waaqni Yerusaalemiif qabu (1-63)

    • Akka daaʼima gatamee argamee taate (1-7)

    • Waaqni ishii miidhagsee ishii wajjin kakuu gaaʼelaa gale (8-14)

    • Ishiin amanamtuu utuu hin taʼin hafte (15-34)

    • Sagaagaltuu taʼuu ishiitiin ni adabamte (35-43)

    • Samaariyaa fi Sodoomitti fakkeeffamte (44-58)

    • Waaqni kakuu isaa yaadate (59-63)

16  Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe:  “Yaa ilma namaa, gochawwan ishii warra jibbisiisoo taʼan Yerusaalemitti himi.+  Akkana ishiidhaan jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan Yerusaalemiin akkana jedha: “Maddi kee fi dhaloonni kee biyya Kanaʼaanotaa keessaa ture. Abbaan kee nama biyya Amoor+ ture; haati tee immoo nama biyya Heet+ turte.  Ati guyyaa dhalattetti hin handhuuramne, qulqulluu akka taatuuf bishaaniin hin dhiqamne, soogiddaan hin sukkuumamne, huccuudhaanis hin maramne.  Namni siif gaddee wantoota kana keessaa isa tokko illee siif godhe hin jiru. Namni gara laafina sitti argisiises hin jiru. Kanaa mannaa, ati* guyyaa dhalattetti jibbamtee waan turteef dirree irratti gatamtee turte.  “‘“Anis yommuun achiin darbu dhiiga kee keessatti utuu dhidhiittattuu sin arge; dhiiga kee keessa ciistee utuu jirtuus, ‘Lubbuudhaan jiraadhu!’ nan jedhe. Eeyyee, yeroo ati dhiiga kee keessa ciistee turtetti, ‘Lubbuudhaan jiraadhu!’ siin nan jedhe.  Akkuma biqiltoota dirree keessatti biqilaniitti akka malee akka baayʼattu nan godhe; atis guddattee intala geessuu taate; faaya hunda caalaa baʼeessa taʼes ni godhatte. Guntuta ni baaste, rifeensi kees ni guddate; haa taʼu malee, ati yeroo kanatti iyyuu guutummaatti qullaa turte.”’  “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Utuun achiin darbaa jiruu yeroon si argetti, ati jaalalaaf gaʼuu kee nan hubadhe. Kanaafuu, ani uffata* koo si irra buusee+ qullaa kee nan dhokse; siif nan kakadhe, kakuus sii wajjin nan gale, atis kan koo taate.  Kana malees, bishaaniin si dhiqee dhiiga kee irraa sin qulqulleesse, zayitiis sin dibe.+ 10  Achiis uffata xilfiin irratti dhaʼame sitti nan uwwise; kophee gogaa* irraa tolfame siif nan kenne; uffata quncee talbaa baʼeessa taʼe irraa tolfameen sin mare; uffata gatii guddaa qabus sitti nan uwwise. 11  Faayawwaniin sin miidhagse, harka keetti bitawoo, morma keettis amartii mormaa nan kaaʼe. 12  Kana malees, funyaan keetti amartii funyaanii, gurra keetti lootii, mataa kee irras gonfoo bareedaa nan kaaʼe. 13  Atis warqii fi meetiidhaan of miidhagsite; uffanni kee quncee talbaa baʼeessa taʼe irraa kan tolfame, gatiin isaa guddaa kan taʼee fi xilfiin kan irratti dhaʼame ture. Ati daakuu bullaaʼaa, dammaa fi zayitii nyaatta turte; baayʼees bareedduu taate;+ mootuu taʼuufis* gaʼumsa kan qabdu taate.’” 14  “‘Ani simboo koo si irra waanan kaaʼeef, bareedinni kee mudaa kan hin qabne taʼe;+ bareedina keetiin kan kaʼes beekamummaan* kee saboota gidduutti ni babalʼate’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.” 15  “‘Haa taʼu malee, ati bareedina keetti amanamuu jalqabde;+ beekamtuu taʼuu keetiin kan kaʼes sagaagaltuu taate.+ Nama achiin darbu hundumaa wajjin sagaagalummaa kee ni baayʼiste;+ isaanittis of kennite. 16  Uffata kee keessaa muraasa isaa fudhattee iddoowwan ol kaʼoo bakka sagaagalummaa itti raawwattu sana halluu garaa garaatiin miidhagsite;+ wantoonni akkasii raawwatamuu hin qaban; matumaas taʼuu hin qaban. 17  Kana malees, faayawwan kee warra mimmiidhagoo warqii fi meetii irraa tolfaman warra ani siif kenne sana fuutee fakkiiwwan dhiiraa ittiin tolfatte; isaanii wajjinis sagaagalummaa raawwatte.+ 18  Uffata kee warra xilfiin irratti dhaʼames fuutee isaanitti* uwwiste; zayitii koo fi ixaana koos isaaniif dhiheessite.+ 19  Daabboo isa daakuu bullaaʼaa, zayitii fi damma irraa tolfame isa ani akka nyaattuuf siif kenne sanas wanta urgaan isaa nama gammachiisu* gootee isaaniif ni dhiheessite.+ Wanti raawwatames kana dha’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.” 20  “‘Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa kee warra anaaf deesse+ sana fuutee waaqolii tolfamoodhaaf aarsaa gootee kan dhiheessite+ sagaagalummaan kee kun sitti hanqateetii? 21  Ati ilmaan koo gorraateetta, ibiddaan isaan gubuudhaanis aarsaa gootee dhiheessiteetta.+ 22  Ati yeroo gochawwan jibbisiisoo fi sagaagalummaa hundumaa raawwattetti, bara ijoollummaa kee isa guutummaatti qullaa kee utuu jirtuu dhiiga kee keessa itti dhidhiittachaa turte sana hin yaadanne. 23  Wayyoo, wantoota hamoo kana hundumaa waan raawwatteef, siif wayyoo’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan. 24  ‘Ati addabaabayii hundumaa keessatti ofii keetiif tabbaa fi iddoo ol kaʼaa tolfatteetta. 25  Daandii hundumaa irratti iddoo hundumaa caalaa beekamaa taʼetti iddoowwan ol kaʼoo kee ijaarratteetta; nama achiin darbu hundumaatiif of dhiheessuudhaan*+ bareedina kee gara wanta jibbisiisaa taʼetti jijjiirteetta; sagaagalummaa kees baayʼisteetta.+ 26  Ilmaan Gibxii warra olloota kee taʼanii fi kajeellaa* guddaa qabanii wajjin sagaagalummaa raawwatteetta;+ sagaagalummaa kee isa hedduu taʼeenis na dheekkamsiisteetta. 27  Ammas harka koo si irratti nan kaasa; nyaanni kees akka hirʼatu nan godha;+ fedhii* dubartoota si jibbaniitti, jechuunis fedhii ijoollee durbaa Filisxeemotaa warra gocha kee isa qaanessaa taʼeen kan kaʼe rifatanii turan+ sanaatti dabarsee sin kenna.+ 28  “‘Ati quufuu waan hin dandeenyeef, ilmaan Asoorii wajjinis sagaagalummaa ni raawwatte;+ haa taʼu malee, isaanii wajjin sagaagalummaa erga raawwattee booda illee hin quufne. 29  Kanaafuu, biyya daldaltootaa* fi biyya Kaladootaa keessatti sagaagalummaa kee ni baayʼiste;+ taʼus, amma illee hin quufne. 30  Ati akka dubartii sagaagaltuu saalfii hin beekneetti+ wantoota kana hundumaa kan raawwatte, garaan kee hammam dhukkubsannaani!’* jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan. 31  ‘Ati yommuu daandii hundumaa irratti iddoo hundumaa caalaa beekamaa taʼetti tabbaa fi iddoo ol kaʼa ijaarrattetti akka dubartii sagaagaltuu hin turre; sababiin isaas, ati kaffaltii akkamii iyyuu hin fudhattu turte. 32  Ati haadha manaa ejjituu taatee fi abbaa manaa ishii dhiistee namoota ormaa filattu dha!+ 33  Namoonni sagaagaltoota hundumaatiif kennaa ni kennu;+ warra kajeellaa isaaniitiin si duukaa buʼan hundumaatiif kennaa kan kenne garuu siʼi;+ sagaagalummaa raawwachuuf naannoo hundumaa irraa gara kee akka dhufaniif ati mattaʼaa isaaniif ni kennita.+ 34  Ati dubartoota sagaagalummaa raawwatan kaan irraa adda dha. Namni akka keetti sagaagalummaa raawwatu hin jiru! Situ warra kaaniif kaffala malee, isaan siif hin kaffalan. Gochi kee faallaa dha.’ 35  “Kanaafuu, yaa sagaagaltuu nana,+ dubbii Yihowaa dhagaʼi. 36  Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kajeellaan kee akka malee guddaa waan taʼeef, akkasumas yommuu michoota kee fi waaqolii tolfamoo kee warra jibbamoo fi balfamoo*+ ati dhiiga ilmaan keetii illee aarsaa gootee isaaniif dhiheessite+ sana hundumaa wajjin sagaagalummaa raawwattetti qullaan kee waan mulʼateef, 37  ani michoota kee warra ati gammachiiste hundumaa, warra ati jaallatte hundumaas taʼe warra jibbite hundumaa walitti nan qaba. Bakka hundumaa irraa walitti qabee sitti isaan nan fida; qullaa kees isaanitti nan mulʼisa, isaanis guutummaatti qullaa taatee si argu.+ 38  “‘Murtii sagaagaltootaa fi dubartoota dhiiga dhangalaasaniif+ maluun sin adaba;+ dhiigni kees dheekkamsaa fi hinaaffaadhaan ni dhangalaʼa.+ 39  Harka isaaniitti dabarsee sin kenna; isaanis tabbawwan kee ni diigu; iddoowwan kee warri ol kaʼoon ni jigu;+ isaan uffata kee si irraa ni baasu,+ faayawwan kee warra mimmiidhagoos ni fudhatu;+ guutummaattis qullaa kee akka taatu ni godhu. 40  Namoota hedduu si irratti ni fidu,+ dhagaadhaan si tumu,+ goraadee isaaniitiinis si gorraʼu.+ 41  Isaan manneen kee ibiddaan ni gubu;+ dubartoota hedduu duratti si irratti murtii ni dabarsu; ani sagaagalummaan kee akka dhaabbatu nan godha;+ atis gatii kaffaluu ni dhiista. 42  Aarii koo nan qabbaneessa,+ dheekkamsi koos si irraa ni deebiʼa;+ anis nan callisa, deebiʼees hin aaru.’ 43  “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Ati bara ijoollummaa keetii waan hin yaadanneef,+ wantoota kana hundumaa raawwachuudhaanis waan na dheekkamsiisteef, miidhaa daandiiwwan keetiin kan kaʼe dhufu mataa kee irratti nan fida; atis gocha kee isa qaanessaa taʼee fi gochawwan kee warra jibbisiisoo taʼan hundumaa kana booda hin raawwattu. 44  “‘Kunoo, namni mammaaksatti fayyadamu hundi mammaaksa, “Intala haadhatti baate!”+ jedhu kana sitti mammaaka. 45  Ati intala haadha tee ishii abbaa manaa ishii fi ijoollee ishii tuffatte sanaa ti. Akkasumas obboleettii obboleettota kee warra abbootii manaa isaanii fi ijoollee isaanii tuffatan sanaa ti. Haati tee nama biyya Heet turte; abbaan kee immoo nama biyya Amoor ture.’”+ 46  “‘Obboleettiin tee ishiin angafaa Samaariyaa+ ishii ijoollee durbaa ishii* wajjin si irraa gara kaabaa* jiraattu dha;+ obboleettiin tee ishiin quxisuun immoo Sodoom+ ishii ijoollee durbaa ishii wajjin si irraa gara kibbaa* jiraattu dha.+ 47  Ati daandiiwwan isaanii irra deddeebiʼuu fi gochawwan isaanii warra jibbisiisoo taʼan hordofuu qofa utuu hin taʼin, yeroo gabaabaa keessatti gochawwan kee hundumaatiin isaan caalaa kan mancaate taateetta.+ 48  Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, obboleettiin tee Sodoomii fi ijoolleen durbaa ishii wanta atii fi ijoolleen durbaa kee raawwattan hin raawwanne’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan. 49  ‘Kunoo, balleessaan obboleettii tee Sodoom kana ture: Ishiinii fi ijoolleen durbaa ishii+ kan boonan+ yeroo taʼu, nyaata hedduu qabu,+ tasgabbiidhaanis ni jiraatu turan;+ haa taʼu malee, isaan isa cunqurfamee fi hiyyeessa hin gargaarre.+ 50  Isaan of tuuluu+ isaanii fi gochawwan isaanii warra jibbisiisoo taʼan na duratti raawwachuu isaanii itti fufan;+ kanaafuu, isaan balleessuun barbaachisaa taʼee natti mulʼate.+ 51  “‘Samaariyaan+ cubbuu hedduu ati raawwatte keessaa walakkaa isaa illee hin raawwanne. Gochawwan kee warra jibbisiisoo taʼan hundumaatiin kan kaʼe obboleettonni kee qajeeloo fakkaatanii hamma mulʼatanitti, ati isaan caalaa gochawwan kee warra jibbisiisoo taʼan baayʼisuu kee itti fufte.+ 52  Ati obboleettonni kee qajeeloo fakkaatanii akka mulʼatan waan gooteef,* amma salphina kee baachuu qabda. Ati isaan caalaa cubbuu jibbisiisaa taʼe raawwachuu keetiin kan kaʼe isaan si irra qajeelota taʼaniiru. Kanaafuu, obboleettonni kee qajeelota fakkaatanii akka mulʼatan waan gooteef, amma qaanaʼi, salphina kees baadhu.’ 53  “‘Anis warra isaan keessaa boojiʼaman, jechuunis warra Sodoomii fi ijoollee durbaa ishii keessaa boojiʼaman, akkasumas warra Samaariyaa fi ijoollee durbaa ishii keessaa boojiʼaman walitti nan qaba; warra si keessaa boojiʼamanis isaanii wajjin walitti nan qaba;+ 54  kanas kanan godhu ati salphina kee akka baattuufi; isaan jajjabeessuudhaan wanta raawwatteen kan kaʼes ni salphatta. 55  Obboleettiin tee Sodoomii fi ijoolleen durbaa ishii gara haala isaanii isa duraaniitti ni deebiʼu; akkasumas obboleettiin tee Samaariyaanii fi ijoolleen durbaa ishii gara haala isaanii isa duraaniitti ni deebiʼu; atis ijoollee durbaa kee wajjin gara haala kee isa duraaniitti ni deebita.+ 56  Ati guyyaa itti of tuultetti maqaa obboleettii tee Sodoom iyyuu hin dhooftu turte; 57  kunis kan taʼe hamminni kee saaxilamuu isaa dura ture.+ Amma ijoolleen durbaa Sooriyaa fi olloonni ishii si arrabsu, ijoolleen durbaa Filisxeemotaa+ warri naannoo keetti argamanis sitti qoosu. 58  Atis miidhaa gocha kee isa qaanessaa taʼee fi gochawwan kee warra jibbisiisoo taʼaniin kan kaʼe dhufu ni baatta’ jedha Yihowaan.” 59  “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Ati kakuu koo cabsuudhaan kakaa sana waan tuffatteef,+ amma anis akkuma ati goote si irratti nan godha.+ 60  Haa taʼu malee, ani kakuu isan ijoollummaa keetti sii wajjin gale sana nan yaadadha; sii wajjinis kakuu dhaabbataa nan gala.+ 61  Obboleettota kee warra angafoota kee fi quxisuuwwan kee taʼan yommuu simattutti ati gocha kee yaadattee ni qaanofta;+ anis isaaniin akka ijoollee durbaatti siif nan kenna; kana kanan godhu garuu kakuu keetiin kan kaʼe miti.’ 62  “‘Ani sii wajjin kakuu nan gala; atis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatta. 63  Ati wantoota kana hundumaa kan raawwatte taʼus yommuun araara siif argamsiisutti+ wanta raawwatte ni yaadatta, salphina si irra gaʼeen kan kaʼes afaan kee banachuuf illee akka malee ni qaanofta’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

Miiljaleewwan

Ykn., “lubbuun kee.”
Ykn., “qamisii.”
Ykn., “gogaa tahaash.”
Ykn., “aangoo mootummaatiifis.”
Kal., “maqaan.”
Jechuunis, waaqolii tolfamoo dhiirota taʼanitti.
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Kal., “luka kee banuudhaan.”
Kal., “foon.”
Ykn., “lubbuu.”
Kal., “Kanaʼaanii.”
Ykn., “dadhabnaani.” Ykn tarii, “ani hammam sitti aarraani.”
Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.
Kal., “bitaa.”
Kal., “mirgaa.”
Magaalota ishii jalatti argaman kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Ykn., “deggertee waan falmiteef.”