Mulʼata Yohaannis 13:1-18

  • Bineensi mataa torba qabu galaana keessaa baʼe (1-10)

  • Bineensi gaanfa lama qabu lafa keessaa baʼe (11-13)

  • Bifa fakkeenyaa bineensa mataa torba qabuu (14, 15)

  • Mallattoo fi lakkoofsa bineensichaa (16-18)

13  Inni* cirracha galaanaa irra dhaabbatee ture. Anis bineensi+ gaanfa kudhanii fi mataa torba qabu tokko utuu galaanicha+ keessaa ol baʼuu nan arge, inni gaanfota isaa irratti gonfoo kudhan, mataawwan isaa irratti immoo maqaawwan Waaqa arrabsan qaba ture.  Bineensi ani arge qeerransa fakkaata ture; miilli isaa garuu miila amaaketaa fakkaata, afaan isaa immoo afaan leencaa fakkaata ture. Jawween+ sunis humna isaa fi teessoo isaa, akkasumas aangoo guddaa bineensichaaf ni kenne.+  Mataawwan isaa keessaa inni tokko akka malee kan madaaʼe fakkaatee nan arge; haa taʼu malee, madaan isaa inni duʼaaf isa saaxilu sun ni fayye,+ guutummaan lafaas dinqisiifannaadhaan bineensicha duukaa buʼe.  Namoonnis jawween sun bineensichaaf aangoo waan kenneef jawwicha waaqeffatan; akkasumas, “Bineensicha kan fakkaatu eenyu? Isa loluu kan dandaʼu hoo eenyu?” jedhanii bineensicha waaqeffatan.  Afaan of tuulummaadhaan dubbatuu fi Waaqa ittiin arrabsus bineensichaaf ni kenname; wanta barbaade akka hojjetuufis jiʼa 42f+ aangoon isaaf kenname.  Innis Waaqa arrabsuuf,+ jechuunis maqaa isaa, bakka jireenyaa isaa fi warra samii keessa jiraatan+ arrabsuuf afaan isaa bane.  Qulqulloota irratti waraana akka banuu fi akka isaan injifatuuf isaaf ni heyyamame;+ gosa, uummata, qooqaa fi saba hundumaa irrattis aangoon isaaf ni kenname.  Warri lafa irra jiraatan hundis isa ni waaqeffatu. Erga addunyaan hundeeffamee jalqabee, maqaa isaanii keessaa tokko illee maraa kitaaba jireenyaa+ isa kan Hoolicha qalame+ sanaa irratti hin barreeffamne.  Namni gurra qabu yoo jiraate haa dhagaʼu.+ 10  Namni boojiʼamuu qabu kam iyyuu ni boojiʼama. Namni goraadeedhaan ajjeesu* kam iyyuu, goraadeedhaan ajjeefamuu qaba.+ Egaa qulqulloonni+ jabaatanii dhaabbachuunii+ fi amantiin+ kan isaan barbaachisu kana irratti. 11  Achiis bineensi kan biraan lafa keessaa utuu ol baʼuu nan arge; inni akka hoolaa gaanfa lama qaba ture; haa taʼu malee, akka jawweetti+ dubbachuu jalqabe. 12  Inni bineensa+ isa jalqabaa duratti, aangoo bineensa isa jalqabaa guutummaatti itti fayyadama. Laftii fi jiraattonni ishii bineensa isa jalqabaa, isa madaan isaa inni duʼaaf isa saaxilu fayyeef+ sana akka waaqeffatan godha. 13  Hamma ibidda samii irraa gara lafaatti gad buusutti illee ilmaan namootaa duratti mallattoowwan guguddaa ni raawwata. 14  Inni namoonni lafa irra jiraatan bineensicha isa goraadeedhaan madaaʼee turee fi deebiʼee fayye+ sanaaf bifa fakkeenyaa+ akka hojjetan ajajuudhaan, mallattoowwan bineensicha duratti akka raawwatu isaaf heyyamameen warra lafa irra jiraatan ni dogoggorsa. 15  Bifa fakkeenyaa bineensichaatiif hafuura akka kennus isaaf ni heyyamame; kunis bifti fakkeenyaa bineensichaa akka dubbatuu fi namoota bifa fakkeenyaa bineensichaa waaqeffachuu didan hunda akka ajjeesisuufi. 16  Inni harka isaanii mirgaa yookiin adda isaanii irratti mallattoo akka godhatan namoota hunda, jechuunis xinnaa fi guddaa, sooressaa fi hiyyeessa, isa bilisa taʼee fi isa garba taʼe ni dirqisiisa;+ 17  kunis nama mallattoo sana, jechuunis maqaa+ bineensichaa yookiin lakkoofsa maqaa bineensichaa+ qabu malee, eenyu iyyuu bituu yookiin gurguruu akka hin dandeenyeefi. 18  Egaa ogummaan kan barbaachisu kana irratti: Namni hubannaa qabu lakkoofsa bineensichaa haa shallagu, lakkoofsichi lakkoofsa namaa ti, lakkoofsi isaa 666 dha.+

Miiljaleewwan

Jechuunis, jawwichi.
Ykn tarii, “ajjeefamu.”