Asteer 5:1-14

  • Asteer mooticha duratti dhihaatte (1-8)

  • Aarii fi of tuulummaa Haamaan (9-14)

5  Guyyaa sadaffaatti+ utuu mootichi mana mootii isa faallaa karrichaatiin argamu keessa teessoo isaa irra taaʼee jiruu Asteer uffata mootuu uffattee mooraa mana mootichaa isa keessaa isa fuullee mana mootichaatiin argamu keessa dhaabbatte.  Mootichi Asteer Mootittiin mooraa keessa dhaabbattee akkuma argeen, ishii arguu isaatti ni gammade; achiis mootichi ulee warqii isa harka isaa irra jiru Asteeritti hiixate.+ Asteeris itti siqxee fiixee ulee sanaa tuqxe.  Mootichis, “Yaa Asteer Mootitti, dhimmi kee maali dha? Gaaffiin kee hoo maali dha? Walakkaa mootummaa kootii yoo taʼe illee siif ni kennama!” ishiidhaan jedhe.  Asteeris deebistee, “Mooticha kan gammachiisu yoo taʼe, mootichi Haamaanii+ wajjin affeerraa ani harʼa isaaf qopheesse irratti haa argamu” jette.  Mootichis namoota isaatiin, “Akkuma Asteer gaafattetti, dafee akka dhufuuf Haamaanitti himaa” jedhe. Kanaafuu, mootichii fi Haamaan gara affeerraa Asteer qopheessite sanaa ni dhaqan.  Utuma affeerraa daadhii wayinii irra jiraniis mootichi Asteeriin, “Wanti kadhattu maali dha? Siif ni kennama! Gaaffiin kee hoo maali dha? Walakkaa mootummaa kootii yoo taʼe illee siif ni godhama!”+ jedhe.  Asteeris deebistee akkana jette: “Wanti ani kadhadhuu fi gaaffiin koo kana dha:  Mooticha duratti fudhatama argadheera yoon taʼe, mootichis wantan kadhadhe gochuu fi akkan gaafadhetti tarkaanfii fudhachuun kan isa gammachiisu yoo taʼe, mootichii fi Haamaan affeerraa ani boru isaaniif qopheessu irratti haa argaman; anis boru akkuma mootichi jedhe nan godha.”  Guyyaa sanatti Haamaan gammadee miirri gaariin isatti dhagaʼamee baʼee deeme. Haa taʼu malee, Haamaan Mordekaayiin karra mootichaa biratti yommuu ilaalu, akka inni isaaf hin kaanee fi isa duratti hin hollanne yommuu argu Mordekaayitti baayʼee aare.+ 10  Taʼus, of toʼatee gara mana isaatti deebiʼe. Achiis namoota ergee michoota isaa fi haadha manaa isaa Zeereeshiin+ waamsise. 11  Haamaan waaʼee guddina qabeenya isaa, waaʼee baayʼina ilmaan isaa,+ mootichi akkamitti iddoo guddaa akka isaaf kenne, akkasumas akkamitti bulchitootaa fi tajaajiltoota mootichaa caalaa aangoo guddaa akka isaaf kenne of jajee dubbate.+ 12  Haamaan itti dabaluudhaan akkana jedhe: “Kana malees, Asteer Mootittiin affeerraa qopheessite irratti mootichaa wajjin akka argamu ana malee nama kan biraa tokko illee hin affeerre.+ Borus ishii fi mootichaa wajjin akkan taʼuuf affeerameera.+ 13  Haa taʼu malee, Mordekaay Yihudichi karra mootichaa bira taaʼee kanan argu yoo taʼe kun hundi na hin gammachiisu.” 14  Kanaafuu, haati manaa isaa Zeereeshii fi michoonni isaa hundi, “Jirma dhundhuma 50* dheeratu dhaabsisi. Achiis Mordekaay achi irratti akka fannifamu ganama mootichatti himi.+ Sana booda, affeerraa sana irratti gammaduudhaaf mootichaa wajjin dhaqi” isaan jedhan. Haamaanis yaanni kun gaarii fakkaatee waan isatti mulʼateef, jirma sana ni dhaabsise.

Miiljaleewwan

Gara 22.3 m. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.