Fakkeenya 24:1-34
24 Hamootatti hin hinaafin,Michuu isaanii taʼuufis hin hawwin;+
2 Sababiin isaas, garaan isaanii fincila irratti xiinxala,Afaan isaaniis waaʼee hamminaa dubbata.
3 Manni* ogummaadhaan ijaarama,+Hubannaadhaanis jabaatee dhaabbata.
4 Qabeenya akaakuu hundumaa gatii guddaa qabuu fi miidhagaa taʼeenBeekumsaan kutaawwan isaa guutamaniiru.+
5 Namni ogeessi humna qabeessa dha,+Namni tokko beekumsaan humna isaa ni guddifata.
6 Qajeelfama ogummaa irratti hundaaʼeen waraana kee ni geggeessita,+Gorsitoota hedduudhaanis injifannoon* ni argama.+
7 Namni gowwaan ogummaa dhugaa argachuu hin dandaʼu;+Inni karra magaalaa keessatti wanta dubbatu hin qabu.
8 Namni wanta hamaa yaadu kam iyyuuNama daba qopheessuu irratti dandeettii qabu jedhama.+
9 Karoorri namni gowwaan qopheessu cubbuutti nama geessa,Namoonnis nama qoostuu taʼe ni jibbu.+
10 Guyyaa dhiphinaatti* yoo abdii kutatte,Humni kee ni xiqqaata.
11 Warra gara duʼaatti fudhatamaa jiran baraari,Warra gorraʼamuuf* gatantaraa jiranis oolchi.+
12 Ati, “Garuu nuti waaʼee kanaa hin beeknu” yoo jette,Inni garaa* namootaa qoru kana hin hubatuu?+
Eeyyee, inni si* argu ni beeka,Tokkoon tokkoon namaatiifis akka hojii isaatti ni deebisa.+
13 Yaa ilma koo, gaarii waan taʼeef damma nyaadhu;Dammi dhaaba dammaa irraa argamu arrabatti ni miʼaawa.
14 Ogummaanis akkasuma siif gaarii* taʼuu isaa beeki.+
Isa yoo argatte, egereen kee gaarii taʼa,Abdiin kees hin badu.+
15 Mana nama qajeelaa biratti hamminaan riphxee hin eeggatin;Bakka boqonnaa isaa hin balleessin.
16 Sababiin isaas, namni qajeelaan siʼa torba kufuu dandaʼa; deebiʼees ni kaʼa,+Namni hamaan garuu rakkina isa irra gaʼuun ni gufata.+
17 Diinni kee yommuu kufu hin gammadin,Yommuu inni gufatus garaan kee hin gammadin;+
18 Taʼuu baannaan, Yihowaan kana argee ni gadda,Dheekkamsa isaas isa* irraa ni deebisa.+
19 Namoota hamoodhaan kan kaʼe hin aarin;*Hamootatti hin hinaafin,
20 Sababiin isaas, namni hamaan hundi egereen isaa gaarii hin taʼu;+Ibsaan hamootaas ni dhaama.+
21 Yaa ilma koo, Yihowaa fi mootii sodaadhu.+
Michuu mormitootaas* hin taʼin,+
22 Sababiin isaas, badiisni isaanii akkuma tasaa ni dhufa.+
Lamaan isaanii* badiisa akkamii akka isaanitti fidan eenyutu beeka?+
23 Jechoonni armaan gadiis dubbii ogeeyyii ti:
Yeroo murtiitti loogii raawwachuun gaarii miti.+
24 Nama hamaadhaan, “Ati qajeelaa dha” kan jedhu kam iyyuu,+Namoonni ni abaaru, saboonnis ni balaaleffatu.
25 Warra isa akeekkachiisaniif garuu gaarii ni taʼa;+Eebbawwan gaggaariis ni argatu.+
26 Namoonni afaan nama haqaan deebii kennuu ni dhungatu.*+
27 Hojii kee isa alaa qopheeffadhu, maasii keessattis wanta hunda qixeeffadhu;Sana booda mana* kee ijaarradhu.
28 Sababa gaʼaa utuu hin qabaatin nama irratti ragaa hin baʼin.+
Arraba kee warra kaan gowwoomsuuf itti hin fayyadamin.+
29 “Wantuma inni ana irratti raawwate isa irratti nan raawwadha;Wanta inni godheef gatii isaa isaaf nan deebisa”* hin jedhin.+
30 Ani maasii nama dhibaaʼaa,+Maasii wayinii nama hubannaa* hin qabnee bira nan darbe.
31 Maasiin isaa aramaadhaan liqimfamee nan arge;Lafti isaa doobbiidhaan uwwifamee ture,Dallaan dhagaa isaas jigee ture.+
32 Ani kana argee nan qalbeeffadhe;Isan arge irraas kana nan baradhe:*
33 Xinnuman ciisa, xinnuman muga,Boqochuufis xinnuman harka maradhee taaʼa yoo jette,
34 Hiyyummaan akkuma saamtuutti,Deegnis akkuma nama meeshaa waraanaa hidhatetti sitti dhufa.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Maatiin.”
^ Ykn., “milkaaʼinni; fayyinni.”
^ Ykn., “Yeroo rakkinaatti.”
^ Jechuunis, qalamuuf.
^ Ykn., “kakaʼumsa.”
^ Ykn., “lubbuu kee.”
^ Ykn., “lubbuu keetiif miʼaawaa.”
^ Jechuunis, diina.
^ Ykn., “kan finiintu taʼuu kee hin argisiisin.”
^ Ykn., “warra jijjiirama fiduu barbaadaniis.”
^ Jechuunis, Yihowaa fi mooticha.
^ Ykn tarii, “Ifatti deebii kennuun akkuma dhungachuu ti.”
^ Ykn., “maatii.”
^ Ykn., “Isa nan argadha.”
^ Kal., “qalbii.”
^ Kal., “Adaba nan argadhe.”