Warra Galaatiyaatiif 5:1-26

  • Bilisummaa Kiristiyaanotaa (1-15)

  • Hafuuraan deddeebiʼuu (16-26)

5  Kiristoos bilisa kan nu baase bilisummaa akkasii akka argannuufi. Kanaafuu, jabaadhaa dhaabbadhaa;+ deebitaniis waanjoo garbummaa jala of hin galchinaa.+  Egaa, ani Phaawulos isinitti nan hima, yoo dhaqna qabattan Kiristoos faayidaa isiniif hin argamsiisu.+  Namni dhaqna qabate hundi guutummaa Seerichaa eeguuf dirqamni akka isa irra jiru+ ammas nama hundumaaf ragaa nan baʼa.  Isin warri seeraan qajeelota jedhamtanii waamamuuf carraaqqii gootan Kiristoos irraa addaan baataniittu;+ gaarummaa isaa isa guddaa irraas fagaattaniittu.  Nuti gama keenyaan, qajeelummaa isa karaa amantii akka argamu abdannu hawwii guddaadhaan eegganna.  Sababiin isaas, warra Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaniif amantii isa karaa jaalalaa mulʼatu malee, dhaqna qabachuunis taʼe dhaqna qabachuu dhiisuun gatii hin qabu.+  Isin akka gaariitti fiigaa turtan.+ Maarree dhugaadhaaf ajajamuu keessan akka itti hin fufne kan isin dhowwe eenyu?  Sossobbiin akkasii isa isin waamu sana biraa kan dhufe miti.  Raacitii xinnoon guutummaa bukichaa bukeessa.+ 10  Isin warri Gooftaa wajjin tokkummaa qabdan+ yaada kana irraa adda taʼe akka hin qabne ani mirkanaaʼaa dha; haa taʼu malee, inni isin jeequ+ eenyu illee yoo taʼe, murtii isaaf malu ni argata. 11  Yaa obbolootaa, gama kootiin amma iyyuu dhaqna qabaa nan lallaba utuu taʼe, silaa hanga ammaatti maaliifan ariʼatama? Utuu akkana taʼee, mukti dhiphinaa* sun gufuu hin taʼu ture.+ 12  Namoonni isin jeequuf yaalii godhan guutummaatti utuu of irraa muratanii* iyyuu natti tola. 13  Yaa obbolootaa, isin bilisummaadhaaf waamamtan; kanaafuu, bilisummaa kana jaalalaan walii keessan tajaajiluuf itti fayyadamaa+ malee, fedhii foonii hordofuuf carraa akka isiniif argamsiisu gootanii itti hin fayyadaminaa.+ 14  Sababiin isaas, guutummaan Seerichaa ajaja tokko, jechuunis ajaja, “Nama* akka ofii keetti jaalladhu”+ jedhu keessatti walitti qabameera. 15  Wal ciniinuu fi wal nyaachuu+ keessan yoo itti fuftan garuu, wal balleessuun keessan akka hin oole beekaa.+ 16  Haa taʼu malee, ani isinitti nan hima, hafuuraan deddeebiʼuu keessan itti fufaa;+ yoo akkas gootan matumaa fedhii foonii hin raawwattan.+ 17  Sababiin isaas, fedhiin foonii fedhii hafuuraa morma, fedhiin hafuuraas fedhii foonii morma; isaan kun waan wal mormaniif, isin wanta gochuu barbaaddan hin raawwattan.+ 18  Kana malees, hafuuraan kan geggeeffamtan yoo taʼe, seera jala hin jirtan. 19  Hojiiwwan foonii ifatti mulʼatu: Isaanis halalummaa,*+ xuraaʼummaa, addaggummaa,*+ 20  waaqolii tolfamoo waaqeffachuu, gocha hafuurota hamoo raawwachuu,*+ diinummaa, lola, hinaaffaa, aariidhaan finiinuu, gargar baʼuu, wal qoqqooduu, garee amantii uumuu, 21  goomachuu, machii,+ gadhiisii* fi wantoota kana fakkaatani dha.+ Akkuman kanaan dura isin akeekkachiise waaʼee wantoota kanaa irra deebiʼeen isin akeekkachiisa; namoonni wantoota akkasii raawwachuu amaleeffatan Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan.+ 22  Karaa gara biraa immoo, firiin hafuuraa jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa,+ arjummaa,* amantii, 23  garraamummaa, of toʼachuu dha.+ Seerri wantoota akkasii dhowwu hin jiru. 24  Kana malees, namoonni kan Kiristoos Yesuus taʼan, foon kajeellaa fi fedhii isaa hundumaa wajjin mismaaraan muka irratti fannisaniiru.+ 25  Hafuuraan kan jiraannu yoo taʼe, qajeelfama hafuuraa hordofuu keenya itti haa fufnu.+ 26  Egaa wal morkii kakaasuu+ fi walitti hinaafuudhaan of tuuluu haa dhiisnu.+

Miiljaleewwan

Ykn., “of kolaasanii; xuʼaashii taʼanii,” kanaan kan kaʼes, seera isa jaallatan sana raawwachuuf gaʼumsa dhabu.
Kal., “Ollaa kee.”
Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Afaan Giriikiitiin asseelgiyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “falfala raawwachuu; qoricha sammuu hadoochu fayyadamuu.”
Akka malee nyaachuu, dhuguu fi iyyuu argisiisa.
Jechi Afaan Giriikii as irratti arjummaa jedhamee hiikame jecha “gaarii” jedhu irraa kan madde yeroo taʼu, akkuma gaarummaa, amala gocha warra kaan fayyadu raawwachuudhaan argisiifamu dha.