Isaayyaas 65:1-25

  • Murtii Yihowaan namoota waaqolii tolfamoo waaqeffatan irratti dabarse (1-16)

    • Waaqa Milkii Gaarii fi waaqa Hiree (11)

    • “Tajaajiltoonni koo ni nyaatu” (13)

  • Samiiwwan haaraa fi lafa haaraa (17-25)

    • Manneen ijaarrachuu; mukeetii wayinii dhaabbachuu (21)

    • Eenyu iyyuu akkanumaan hin dhamaʼu (23)

65  “Warri na hin gaafanne akka na barbaaddatan nan heyyame;Warri na hin barbaaddanne akka na argatan nan heyyame.+ Saba maqaa koo hin waammanneen, ‘Kunoo asan jira, kunoo asan jira!’ nan jedhe.+   Ani guyyaa guutuu gara saba didaa+ taʼetti,Gara warra yaada mataa isaanii duukaa buʼuudhaanDaandii sirrii hin taane irra deemanitti+ harka koo nan diriirse;   Isaan saba yeroo hundumaa fuula koo duratti,+Iddoo biqiltuu keessatti aarsaa dhiheessuudhaan,+ xuubii irrattis aarsaa aarfamu dhiheessudhaan na dheekkamsiisani dha.   Isaan iddoowwan awwaalchaa gidduu ni taaʼu,+Iddoowwan dhokatoo* keessas ni bulu,Foon booyyee ni nyaatu,+Maraqiin wantoota jibbisiisoo* taʼaniis distiiwwan isaanii keessa jira.+   Isaan, ‘Ani si caalaa qulqulluu waanan taʼeef,*Achuma turi; natti hin dhihaatin’ jedhu. Namoonni kun akkuma aara funyaan koo keessa jiruu, akkuma ibidda guyyaa guutuu bobaʼuu ti.   Kunoo, kun na duratti barreeffameera;Ani calluma jedhee hin dhaabbadhu,Kanaa mannaa, gatii isaanii isaaniif nan deebisa,+Gatii isaanii guutummaatti* isaaniif nan deebisa,   Balleessaa isaaniitiif, balleessaa abbootii isaaniitiifis gatii isaanii isaaniif nan deebisa.+ Isaan gaarota irratti aarsaa aarfamu waan dhiheessaniif,Tabbawwan irrattis waan na arrabsaniif,+Ani jalqaba irratti isaaniif gatii isaanii guutummaatti* nan deebisa” jedha Yihowaan.   Yihowaan akkana jedha: “Akkuma yeroo firii wayinii walitti tuutaʼe irratti wayinii haaraan argamuNamni tokko, ‘Wanti gaariin muraasni* isa irra waan jiruuf, isa hin balleessinaa’ jedhutti,Anis tajaajiltoota kootiif jedhee akkanuma nan godha,Hunduma isaaniis hin balleessu.+   Ani Yaaqoob keessaa sanyii tokko,Yihudaa keessaas isa gaarota koo dhaalu nan baasa;+Warri ani filadhe isa ni dhaalu,Tajaajiltoonni koos achi ni jiraatu.+ 10  Saba koo warra na barbaaddataniif,Shaaron+ iddoo hoolonni itti dheedan,Sululli* Akooris+ bakka loon itti boqotan ni taʼa. 11  Isin garuu warra Yihowaa dhiistan,+Warra gaara koo isa qulqulluu irraanfattan,+Warra waaqa Milkii Gaariitiif maaddii qopheessitan,Warra waaqa Hireetiif xoofoowwanitti daadhii wayinii walitti makame guuttani dha. 12  Kanaafuu, ani hiree keessan goraadeedhaan duʼuu nan godha,+Hundi keessanis gorraʼamuuf* ni gombifamtu,+Sababiin isaas, yeroon isin waametti deebii naaf hin kennine,Yeroon dubbadhettis na hin dhaggeeffanne;+Isin wanta na duratti hamaa taʼe gochuu keessan itti fuftaniittu,Wanta na hin gammachiisnes filattaniittu.”+ 13  Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Kunoo, tajaajiltoonni koo ni nyaatu, isin garuu ni beeloftu.+ Kunoo, tajaajiltoonni koo ni dhugu,+ isin garuu ni dheebottu. Kunoo, tajaajiltoonni koo ni gammadu,+ isin garuu ni qaanoftu.+ 14  Kunoo, tajaajiltoonni koo gammachuu garaa isaaniitiin kan kaʼe ni ililchu,Isin garuu garaan keessan waan gaddeef ni iyyitu,Hafuurri keessan waan cabeef* ni gadooddu. 15  Isin maqaa isa warri ani filadhe akka abaarsaatti itti fayyadaman sana ni dhiistu,Yihowaan Gooftaa Ol Aanaanis tokkoon tokkoon keessan ni ajjeesa,Tajaajiltoota isaa garuu maqaa kan biraatiin ni waama;+ 16  Kunis kan taʼe, nama lafa irratti eebba argachuu barbaadu kam iyyuuWaaqni dhugaa* akka isa eebbisuuf,Namni lafa irratti kakaa kakatu kam iyyuus,Waaqa dhugaatiin* akka kakatuufi.+ Sababiin isaas, dhiphinni* duraanii ni irraanfatama;Fuula koo duraas ni dhokata.+ 17  Kunoo, samiiwwan haaraa fi lafa haaraa uumaan jira;+Wantoonni duraanii hin yaadataman,Garaa keessas hin taaʼan.+ 18  Kanaafuu, wantan uumaa jirutti bara baraaf gammadaa, ililchaas. Sababiin isaas, kunoo, Yerusaalemiin ililchuudhaaf,Saba ishiis gammachuudhaaf uumaan jira.+ 19  Ani Yerusaalemitti nan gammada, saba koottis baayʼee nan gammada;+Kana booda sagaleen booʼichaa yookiin iyyi dhiphinaa ishii keessatti hin dhagaʼamu.”+ 20  “Kana booda daaʼimni guyyoota muraasa qofa jiraatus taʼeMaanguddoon umurii utuu hin quufin duʼu achitti hin argamu. Namni umuriin isaa waggaa dhibba taʼee duʼu kam iyyuu akkuma ijoollummaa isaatti duʼetti ilaalama,Namni cubbamaanis umuriin isaa waggaa dhibba yoo taʼe illee abaaramaa ni taʼa.* 21  Isaan manneen ni ijaaru, keessas ni jiraatu,+Mukeetii wayinii ni dhaabu, firii isaaniis ni nyaatu.+ 22  Mana isaan ijaaran keessa namni kan biraan hin jiraatu,Muka wayinii isaan dhaabanis namoonni kan biroon hin nyaatan. Sababiin isaas, umuriin saba kootii akkuma umurii mukaa ni taʼa,+Warri ani filadhes hojii harka isaaniitti guutummaatti ni gammadu. 23  Isaan akkanumaan hin dhamaʼan,*+Dhiphinaafis ijoollee hin godhatan,Sababiin isaas, isaanis taʼan ijoolleen isaanii,+Sanyii warra Yihowaan eebbise sanaa ti.+ 24  Utuu isaan na hin waamin ani nan owwaadha;Utuma isaan dubbachaa jiraniis isaan nan dhagaʼa. 25  Yeeyyiinii fi xobbaallaan hoolaa waliin ni sooratu,Leenci akkuma qotiyyoo galabaa ni nyaata,+Boftis biyyoo ni nyaata. Isaan guutummaa gaara koo isa qulqulluu irratti miidhaas taʼe badiisa akkamii iyyuu hin geessisan”+ jedha Yihowaan.

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “godoo eegumsaa.”
Ykn., “xuraaʼoo.”
Ykn., “Qulqullummaa koo siif waanan ibsuuf.”
Kal., “qoma isaaniitti.”
Kal., “qoma isaaniitti.”
Kal., “Eebbi tokko.”
Ykn., “Dirreen Gad Buʼaan.”
Jechuunis, qalamuuf.
Ykn., “Abdii waan kutattaniif.”
Ykn., “amanamummaa.” Kal., “Ameen.”
Ykn., “amanamummaatiin.” Kal., “Ameeniin.”
Ykn., “rakkinni.”
Ykn tarii, “Namni umuriin isaa waggaa dhibba utuu hin guutin duʼes akka abaaramaatti ilaalama.”
Ykn., “jabaatanii hin hojjetan.”