Lakkoofsa 14:1-45

  • Sabichi gara Gibxiitti deebiʼuu barbaade (1-10)

    • Iyyaasuu fi Kaaleb oduu gaarii fidan (6-9)

  • Yihowaan ni aare; Museen sabichaaf kadhate (11-19)

  • Waggaa 40f lafa onaa keessa akka jooran itti murteeffame (20-38)

  • Amaaleqonni Israaʼeliin ni injifatan (39-45)

14  Achiis guutummaan yaaʼichaa sagalee isaa ol kaasee iyye; sabichis halkan sana guutuu iyyaa fi booʼaa bule.+  Israaʼelonni hundis Musee fi Aaron irratti gungumuu jalqaban;+ guutummaan yaaʼichaas akkana jechuudhaan isaan mormee dubbate: “Maal taʼa, biyya Gibxii keessatti yookiin lafa onaa kana keessatti utuu duuneerra taʼee!  Goraadeedhaan akka dhumnuuf Yihowaan gara biyya kanaatti kan nu fide maaliifi?+ Haadhotiin manaa keenyaa fi ijoolleen keenya ni boojiʼamu.+ Gara biyya Gibxiitti utuu deebinee nuuf hin wayyuu?”+  Kana irra darbees isaan, “Kottaa geggeessaa tokko muudnee gara biyya Gibxiitti haa deebinu!” waliin jedhu turan.+  Yeroo kanatti Musee fi Aaron guutummaa gumii Israaʼel isa walitti qabame duratti adda isaaniitiin lafatti gombifaman.  Iyyaasuu+ ilmi Nuunii fi Kaaleb+ ilmi Yofunee warri namoota biyyattii basaasan keessa tokko turan uffata isaanii tarsaasanii,  guutummaa yaaʼii Israaʼeliin akkana jedhan: “Biyyattiin basaasuuf keessa darbine sun biyya baayʼee gaarii taate dha.+  Yihowaan nutti gammadeera yoo taʼe, dhugumaan biyya aannanii fi damma maddisiistu+ kanatti nu galcha; ishiis nuuf kenna.  Isin garuu Yihowaa irratti hin fincilinaa; namoota biyyattiis hin sodaatinaa;+ sababiin isaas, nuti akkuma buddeenaatti isaan ni nyaanna.* Eegduun isaanii isaan dhiiseera; Yihowaan nuu wajjin jira.+ Isaan hin sodaatinaa.” 10  Guutummaan yaaʼichaa garuu dhagaadhaan isaan tumuuf mariʼate.+ Taʼus ulfinni Yihowaa dunkaana walgaʼii irratti guutummaa saba Israaʼelitti ni mulʼate.+ 11  Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Sabni kun hamma yoomiitti na tuffata?+ Mallattoowwan kana hundumaa isaan gidduutti kanan raawwadhe taʼus isaan hamma yoomiitti natti hin amanan?+ 12  Golfaadhaan rukutee isaan nan balleessa; siin garuu saba isaan caalaa guddaa fi jabaa taʼe nan godha.”+ 13  Museen garuu Yihowaadhaan akkana jedhe: “Yeroo kanatti warri Gibxii warri ati humna keetiin saba kana isaan gidduudhaa baaste sun kana ni dhagaʼu;+ 14  achiis waaʼee kanaa jiraattota biyya kanaatti ni himu. Isaan ati Yihowaan saba kana gidduu akka jirtuu+ fi fuulaa fuulatti akka isaanitti mulʼattes dhagaʼaniiru.+ Ati Yihowaa dha; duumessi kees isaan gararraa buufateera; guyyaa utubaa duumessaatiin, halkan immoo utubaa ibiddaatiin isaan dura ni deemta.+ 15  Ati saba kana hundumaa takkaatti* yoo ajjeeste, saboonni maqaa gaarii ati qabdu dhagaʼanii turan akkana jedhu: 16  ‘Yihowaan saba kana gara biyya isaaniif kennuuf kakatetti galchuu waan hin dandeenyeef, lafa onaa keessatti isaan fixe.’+ 17  Ammas yaa Yihowaa, maaloo, akkana jechuudhaan akkuma waadaa galtetti humni kee guddaa haa taʼu: 18  ‘Yihowaa, aariidhaaf suuta kan jedhu, jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee kan taʼe,+ dogoggoraa fi balleessaa kan namaaf dhiisu, taʼus, isa balleessaa qabu matumaa utuu hin adabin kan hin dhiisne, balleessaa abbootiin raawwataniif ilmaan isaanii, dhaloota sadaffaa fi dhaloota arfaffaa kan adabu.’+ 19  Akkuma biyya Gibxiitii jalqabee hamma ammaatti saba kanaaf dhiifama goote, maaloo ammas akkuma jaalala kee isa amanamaa isa guddaa taʼe sanaatti balleessaa saba kanaatiif dhiifama godhi.”+ 20  Achiis Yihowaan akkana jedhe: “Akkuma ati jettetti dhiifama isaaniif nan godha.+ 21  Haa taʼu malee, jiraataa taʼuu kootiin nan kakadha, guutummaan lafaa ulfina Yihowaatiin ni guutamti.+ 22  Haa taʼu malee, namoota ulfina koo fi mallattoowwan koo+ warra ani biyya Gibxii keessattii fi lafa onaa keessatti raawwadhe kan argan taʼus warra yeroo kudhan na qoranii+ fi sagalee koo hin dhageenye+ kana keessaa tokko illee 23  matumaa biyya ani abbootii isaaniitiif kennuuf kakadhe hin argan. Namoota na tuffatan kana keessaa tokkoon isaanii illee ishii hin argan.+ 24  Tajaajilaan koo Kaaleb+ garuu ilaalcha* adda taʼe waan qabuuf, akkasumas garaa guutuudhaan ana duukaa waan buʼeef, ani dhugumaan biyya inni dhaqee ture sanatti isa nan galcha; sanyiin isaas ishii ni dhaalu.+ 25  Amaaleqonnii fi Kanaʼaanonni+ sululicha* keessa waan jiraataniif, boru duubatti deebiʼaatii karaa Galaana Diimaatiin gara lafa onaa sanaa dhaqaa.”+ 26  Achiis Yihowaan Musee fi Aaroniin akkana jedhe: 27  “Yaaʼiin hamaan kun hamma yoomiitti ana irratti gungumuu isaa itti fufa?+ Israaʼelonni maal jedhanii ana irratti akka gunguman dhagaʼeera.+ 28  Akkana isaaniin jedhaa: ‘Yihowaan akkana jedha: “Jiraataa taʼuu kootiin nan kakadha, wantuma ani yeroo isin dubbattan dhagaʼe sana isin irratti nan raawwadha!+ 29  Warri umuriin keessan waggaa 20 fi isaa ol taʼee galmeeffamtan hundi, jechuunis warri ana irratti gungumtan hundi+ reeffi keessan lafa onaa kana keessatti ni kukkufa.+ 30  Kaaleb ilma Yofunee fi Iyyaasuu ilma Nuuniin alatti+ tokkoon keessan illee biyya akka keessa jiraattan isiniif kakadhetti* hin galtan.+ 31  “‘“Ani ijoollee keessan warra isin akka boojiʼaman dubbattan+ achitti nan galcha; isaanis biyya isin tuffattan sana ni beeku.+ 32  Reeffi keessan garuu lafa onaa kana keessatti ni kukkufa. 33  Ilmaan keessanis lafa onaa keessatti waggaa 40f tiksitoota ni taʼu;+ isaan isin keessaa hamma reeffi nama isa dhumaa lafa onaa keessatti kufutti+ amanamoo utuu hin taʼin hafuu* keessaniif deebii ni kennu. 34  Anaan mormuu* jechuun maal jechuu akka taʼe akka beektaniif, akkuma guyyoota 40mman biyyattii itti basaastan sanaatti,+ jechuunis guyyaan tokko akka waggaa tokkootti lakkaaʼamee waggaa 40f balleessaa keessaniif deebii ni kennitu.+ 35  “‘“Ani Yihowaan dubbadheera. Guutummaa yaaʼii hamaa taʼe isa anaan mormuudhaan walitti qabame kana irratti akkana nan godha: Isaan lafa onaa kana keessatti ni dhumu; asumattis ni duʼu.+ 36  Namoonni warri biyyattii akka basaasaniif Museen ergee turee fi waaʼee biyyattii oduu hamaa fiduudhaan guutummaan yaaʼichaa akka isa irratti gungumu godhan,+ 37  eeyyee, namoonni waaʼee biyyattii oduu hamaa fidan sun rukutamanii Yihowaa duratti ni duʼu.+ 38  Iyyaasuu ilmi Nuunii fi Kaaleb ilmi Yofunee warri namoota biyyattii basaasuuf deeman keessaa tokko turan sun garuu, dhugumaan lubbuudhaan ni jiraatu.”’”+ 39  Museen wantoota kana Israaʼelota hundumaatti yommuu himu, sabichi baayʼee ni gadde. 40  Kana malees isaan ganama bariidhaan kaʼanii, “Nuti cubbuu waan hojjenneef, kunoo gara bakka Yihowaan waaʼee isaa dubbate sanaatti ol baʼuuf qophoofneerra” jedhanii gara fiixee gaarichaatti ol baʼuuf yaalii godhan.+ 41  Museen garuu akkana isaaniin jedhe: “Isin ajaja Yihowaa irra darbitanii kan deemtan maaliifi? Isiniif hin milkaaʼu. 42  Yihowaan isinii wajjin waan hin jirreef achitti ol hin baʼinaa; diinonni keessan isin ni injifatu.+ 43  Sababiin isaas, Amaaleqonnii fi Kanaʼaanonni achitti isinitti ni dhufu;+ isinis goraadeedhaan ni kukkuftu. Yihowaa duukaa buʼuu irraa waan garagaltaniif, Yihowaan isinii wajjin hin taʼu.”+ 44  Haa taʼu malee, isaan of tuulummaadhaan gara fiixee gaarichaatti ol ni baʼan;+ taabonni kakuu Yihowaa fi Museen garuu buufaticha walakkaadhaa hin sochoone.+ 45  Achiis Amaaleqonnii fi Kanaʼaanonni warri gaaricha irra jiraachaa turan gad buʼanii isaan ni rukutan; hamma Hoormaattis akka bibittinnaaʼan ni godhan.+

Miiljaleewwan

Kal., “sababiin isaas, isaan buddeena keenya dha.”
Kal., “akka nama tokkootti.”
Kal., “hafuura.”
Ykn., “dirree gad jedhaa.”
Kal., “harka koo kaasetti.”
Kal., “ejja.”
Ykn., “diina na godhachuu.”