Wangeela Maarqos 12:1-44

  • Fakkeenya qonnaan bultoota nama ajjeesanii (1-12)

  • Waaqayyoo fi Qeesaar (13-17)

  • Gaaffii duʼaa kaʼuu ilaalchisee kaʼe (18-27)

  • Ajajawwan hunda irra caalan lamaan (28-34)

  • Kiristoos ilma Daawitii? (35-37a)

  • Barsiisota seeraa irraa of eegaa (37b-40)

  • Saantima lamaan dubartii hiyyeettii abbaan manaa irraa duʼee (41-44)

12  Achiis akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbachuu jalqabe: “Namni tokko wayinii dhaabee+ naannoo isaatti dallaa ijaare; achiis boolla wayinii itti cuunfan qote; siree irra taaʼanii eeganis ni ijaare;+ sana booda maasii isaa kana qonnaan bultootaaf kireessee gara biyya fagoo dhaqe.+  Waqtiin isaa yommuu gaʼus, firii wayinichaa keessaa muraasa akka isaan biraa fidu garbicha tokko gara qonnaan bultoota sanaatti erge.  Isaan garuu qabanii isa reeban,* harka duwwaas isa ariʼan.  Ammas garbicha kan biraa isaanitti erge, isaan garuu mataa isaa buruqsan, akkasumas isa salphisan.+  Ammas garbicha kan biraa erge, isaan garuu isa ajjeesan; kan biraa hedduus isaanitti erge, isaan garuu isaan keessaa tokko tokko ni reeban, tokko tokko immoo ni ajjeesan.  Amma kan isa hafe ilma isaa isa jaallatamaa+ dha. Dhuma irrattis, ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee gara isaaniitti isa erge.  Qonnaan bultoonni sun garuu, ‘Dhaaltichi+ isa kana. Kottaa, isa ajjeesna, dhaalli isaas kan keenya taʼa’ waliin jedhan.  Kanaafuu, qabanii isa ajjeesan; achiis maasii wayinichaatii alatti isa gatan.+  Maarree, abbaan maasii wayinichaa maal isaan godha? Dhufee qonnaan bultoota sana ajjeesa; maasii wayinii isaas namoota kan birootti kennata.+ 10  Isin Kitaaba Qulqulluu keessaa isa akkana jedhu matumaa hin dubbisnee? ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee isa hunda caalu* taʼe.+ 11  Kun Yihowaa* biraa dhufe, ija keenyaafis dinqii dha.’”+ 12  Yeroo kanatti fakkeenyicha kan dubbate isaaniin yaadatti qabatee akka taʼe waan hubataniif, isa qabuu barbaadanii kan turan taʼus namoota sana sodaatan. Kanaafuu, isa dhiisanii deeman.+ 13  Sana booda wanta inni dubbatuun kiyyootti isa galchuuf, Fariisota tokko tokkoo fi hordoftoota Heroodisiin gara isaatti ergan.+ 14  Isaanis yommuu achi gaʼan akkana isaan jedhan: “Barsiisaa, ati nama dhugaa akka taatee fi fudhatama argachuuf jettee homaa akka hin goone beekna; sababiin isaas, ati bifa namaa ilaaltee hin murteessitu; kanaa mannaa, daandii Waaqayyoo dhugaadhaan barsiista. Qeesaariif gibira kaffaluun sirrii dha moo sirrii miti? 15  Kaffallu moo dhiisnu?” Inni garuu fakkeessaa akka jiran beekee, “Maaliif na qortu? Mee dinaaree* tokko fidaa natti argisiisaa” isaaniin jedhe. 16  Isaanis dinaaree tokko isatti fidan; innis, “Fakkiin kunii fi barreeffamni kun kan eenyuu ti?” isaaniin jedhe. Isaanis, “Kan Qeesaar” isaan jedhan. 17  Achiis Yesuus, “Wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif,+ wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof deebisaa kennaa”+ isaaniin jedhe. Isaanis isa ajaaʼibsiifatan. 18  Saduuqonni warri duʼaa kaʼuun hin jiru jedhanis+ gara isaa dhufanii akkana jedhanii isa gaafatan:+ 19  “Barsiisaa, Museen obboleessi nama tokkoo utuu dhala hin godhatin haadha manaa isaa dhiisee yoo duʼe, obboleessi isaa ishii fuudhee inni sanyii akka qabaatu akka godhu nuu barreesseera.+ 20  Obbolaan torba jiru turan. Inni jalqabaa haadha manaa fuudhee utuu dhala hin godhatin duʼe. 21  Inni lammaffaanis ishii fuudhee utuu dhala hin godhatin duʼe; inni sadaffaanis akkasuma. 22  Torban isaanii iyyuu utuu dhala hin godhatin duʼan. Hunduma isaanii boodas dubartittiin ni duute. 23  Egaa torban isaanii ishii fuudhanii waan turaniif, yeroo duʼaa kaʼuutti haadha manaa isa kamii taati?” 24  Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Isin kan dogoggortan Kitaabota Qulqulluus taʼe humna Waaqayyoo waan hin beekneef mitii?+ 25  Sababiin isaas, yeroo duʼaa kaʼan dhiironni hin fuudhan, dubartoonnis hin heeruman; kanaa mannaa, akka maleekota samii taʼu.+ 26  Duʼaa kaʼuu warra duʼanii ilaalchisee garuu kitaaba Musee keessaa, seenaa waaʼee harangamaa bobaʼuu dubbatu irratti Waaqayyo, ‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoobi’+ akka isaan jedhe hin dubbisnee? 27  Inni Waaqa warra jiraatoo ti malee, Waaqa warra duʼanii miti. Isin baayʼee dogoggortaniittu.”+ 28  Barsiisaan seeraa yommuu isaan wal falman dhagaʼaa ture tokko akka gaariitti akka inni isaaniif deebise hubatee, “Ajaja hundumaa keessaa inni duraa* isa kami?”+ jedhee isa gaafate. 29  Yesuusis akkana jedhee deebise: “Inni duraa isa kana: ‘Yaa Israaʼel, dhagaʼi, Waaqni keenya Yihowaan,* Yihowaa* tokkicha dha; 30  atis Waaqa kee Yihowaa* garaa kee guutuudhaan, lubbuu* kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan, akkasumas humna kee guutuudhaan jaalladhu.’+ 31  Ajajni inni lammataas, ‘Nama* akka ofii keetti jaalladhu’+ kan jedhu dha. Ajajni ajajawwan kana irra caalu kan biraan hin jiru.” 32  Barsiisaan seeraa sunis akkana isaan jedhe: “Barsiisaa, wanti ati dubbatte dhugaa dha, ‘Inni Tokkicha, isa malees kan biraan hin jiru’;+ 33  garaa guutuudhaan, hubannaa guutuudhaan, humna guutuudhaan isa jaallachuun, akkasumas nama akka ofiitti jaallachuun aarsaawwan guutummaatti gubamanii fi aarsaawwan kaan hundumaa caalaa gatii guddaa qaba.”+ 34  Yeroo kanatti Yesuus namichi hubannaadhaan akka deebise beekee, “Ati Mootummaa Waaqayyoo irraa kan fagaatte miti” isaan jedhe. Sana booda garuu namni gaaffii isa gaafachuuf onnate hin turre.+ 35  Haa taʼu malee, Yesuus mana qulqullummaa keessatti utuu barsiisaa jiruu akkana jedhe: “Barsiisonni seeraa akkamitti Kiristoosiin ilma Daawit jedhu?+ 36  Daawit hafuura qulqulluudhaan+ geggeeffamee akkana jedheera: ‘Yihowaan* Gooftaa kootiin, “Diinota kee miila kee jala hamman siif godhutti mirga koo taaʼi” jedheera.’+ 37  Daawit Gooftaa jedhee erga isa waamee, inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?”+ Yeroo kanatti namoonni hedduun gammachuudhaan isa dhaggeeffachaa turan. 38  Inni akkana jedhee barsiisuu isaa itti fufe: “Barsiisota seeraa* irraa of eegaa; isaan uffata dheeraa uffatanii naannaʼuu jaallatu; iddoo gabaatti nagaa gaafatamuu barbaadu;+ 39  mana sagadaa keessatti fuuldura,* affeerraa irbaataa irrattis bakka filatamaa taaʼuu jaallatu.+ 40  Mana* dubartoota abbaan manaa irraa duʼee ni onsu; argisiifachuuf* jedhaniis kadhannaa isaanii dheeressu. Isaan warra kaan caalaa adabamu.” 41  Yesuus fuullee saanduqawwan buusii+ taaʼee, yommuu namoonni saanduqawwan buusii sana keessa maallaqa buusan ilaaluu jalqabe; namoonni sooreyyii taʼan hedduun saantima baayʼee keessa buusu turan.+ 42  Yeroo kanatti dubartii hiyyeettiin abbaan manaa irraa duʼe tokko dhuftee saantima xixinnoo gatii gad aanaa qaban lama* achi keessa buuste.+ 43  Yesuusis barattoota isaa waamee akkana isaaniin jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, dubartii hiyyeettiin abbaan manaa irraa duʼe tun warra saanduqa buusii keessa maallaqa buusan kaan hundumaa caalaa buusteetti.+ 44  Sababiin isaas, hundi isaanii wanta isaan irraa hafe buusan; ishiin garuu hiyyeettii taatus wanta qabdu hundumaa, jechuunis wanta ittiin jiraattu hundumaa buuste.”+

Miiljaleewwan

Jechuunis, ni dhaanan.
Kal., “mataa golee.”
Ykn., “baayʼee barbaachisaa taʼe.”
Kal., “Ollaa kee.”
Kal., “Barreessitoota.”
Ykn., “iddoo baʼeessa.”
Ykn., “Qabeenya.”
Ykn., “fakkeessuuf.”
Kal., “leptaa lama, jechuunis kuwaadraansii tokko.” Kutaa Dabalataa B14 ilaali.