Wangeela Maatewos 28:1-20

  • Yesuus duʼaa kaafame (1-10)

  • Loltoonni akka soban mattaʼaan ni kennameef (11-15)

  • Hojii barattoota akka godhan kenname (16-20)

28  Sanbanni erga darbee booda, guyyaa jalqabaa torban sanaatti, Maariyaam ishiin Magdalaa fi Maariyaam ishiin kan biraan awwaalicha ilaaluuf ganama barii dhufan.+  Kunoo, kirkirri lafaa guddaan ni taʼe; sababiin isaas, maleekaan Yihowaa* samii irraa gad buʼee dhagicha gangalche ture; innis dhagicha irra taaʼe.+  Maleekaan sun bifti isaa akka bakakkaa ni ifa ture; uffanni isaas akka cabbii adii ture.+  Eegdonni sunis baayʼee waan isa sodaataniif, hollatanii akka nama duʼee taʼan.  Maleekaan sun garuu dubartoota sanaan akkana jedhe: “Hin sodaatinaa, Yesuus isa muka irratti fannifamee ture sana barbaadaa akka jirtan ani beeka.+  Inni akkuma jedhee ture duʼaa waan kaafameef amma as hin jiru.+ Kottaa, bakka reeffi isaa kaaʼamee ture ilaalaa.  Egaa dafaa dhaqaatii, ‘Inni duʼaa kaʼeera, isin dursee gara Galiilaa ni dhaqa;+ isin achitti isa ni argitu’ jedhaatii barattoota isaatti himaa. Wantan isinitti hime hin irraanfatinaa.”+  Kanaafuu, dubartoonni sun yeruma sana awwaala yaadannoo sana biraa kaʼanii, sodaa fi gammachuu guddaadhaan barattoota isaatti himuuf fiigaa deeman.+  Yeroo kanatti Yesuus isaanitti dhufee, “Nagaan isiniif haa taʼu!” jedhe. Isaanis isatti dhihaatanii miila isaa qabatanii isaaf sagadan. 10  Achiis Yesuus, “Hin sodaatinaa! Dhaqaatii gara Galiilaa akka dhaqan obboloota kootti himaa; isaan achitti na argu” isaaniin jedhe. 11  Utuu isaan deemaa jiraniis, eegdonni+ tokko tokko gara magaalaa dhaqanii wanta taʼe hunda dura buutota lubootaatti himan. 12  Isaanis maanguddootaa wajjin walitti qabamanii erga mariʼatanii booda, loltoota sanaaf saantima meetii hedduu kennanii 13  akkana isaaniin jedhan: “‘Barattoonni isaa halkan dhufanii utuu nuti rafaa jirruu reeffa isaa hatan’ jedhaa.+ 14  Wanti kun gurra bulchaa sanaa yoo buʼe, nuti dhimmicha isaaf ni ibsina;* hin yaaddaʼinaa.” 15  Kanaafuu, isaan saantima meetii sana fudhatanii akkuma ajajaman godhan; oduun kunis hanga harʼaatti Yihudoota biratti balʼinaan odeeffama. 16  Barattoonni isaa 11 garuu, gara gaara Galiilaa+ keessatti argamuu fi Yesuus achitti akka wal argan isaanitti hime+ sanaa dhaqan. 17  Yommuu isa arganis isaaf sagadan; tokko tokko garuu isa taʼuu isaa shakkan. 18  Yesuus isaanitti dhihaatee akkana isaaniin jedhe: “Samii fi lafa irratti aangoon hundi anaaf kennameera.+ 19  Kanaafuu, dhaqaatii saboota hundumaa keessaa+ namoota barattoota koo godhaa; maqaa Abbaatiin, maqaa Ilmaa fi maqaa hafuura qulqulluutiin isaan cuuphaa;+ 20  wanta ani isin ajaje+ hunda akka eeganis isaan barsiisaa. Kunoo, ani hanga dhuma sirna* kanaatti+ guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira.”

Miiljaleewwan

Kal., “isa ni amansiisna.”
Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.