Warra Roomaatiif 7:1-25

  • Seericha jalaa bilisa baʼuun fakkeenyaan ibsame (1-6)

  • Seerichi maalummaa cubbuu beeksise (7-12)

  • Qabsoo cubbuu wajjin godhamu (13-25)

7  Yaa obbolootaa, (ani namoota seericha beekanitti dubbachaan jira) Seerichi nama tokko irratti aangoo kan qabaatu hanga namichi lubbuudhaan jirutti akka taʼe hin beektanii?  Fakkeenyaaf, dubartiin heerumte hanga abbaan manaa ishii lubbuudhaan jirutti seeraan isatti hidhamteetti; abbaan manaa ishii yoo duʼe garuu, seera abbaa manaa ishii irraa ni hiikamti.+  Kanaafuu, abbaan manaa ishii utuu lubbuudhaan jiruu kan nama biraa yoo taate ejjituu jedhamti.+ Abbaan manaa ishii yoo duʼe garuu seera isaa jalaa bilisa waan baatuuf, kan nama biraa yoo taate ejjituu hin jedhamtu.+  Kanaafuu, yaa obboloota koo, isinis kan nama biraa,+ jechuunis kan isa duʼaa kaafame sanaa akka taataniif,+ karaa qaama Kiristoos Seerichaaf duutaniittu; kunis kan taʼe Waaqayyoof firii akka godhannuufi.+  Sababiin isaas, yeroo akka fedhii fooniitti jiraachaa turre, hawwiiwwan cubbuu warri Seerichaan kakaafaman duʼaaf firii akka godhannuuf qaama* keenya keessatti hojjechaa turan.+  Amma garuu, isa nu dhowwu sanaaf waan duuneef, Seericha jalaa bilisa baaneerra;+ kunis akka seera moofaa isa barreeffame sanaatti utuu hin taʼin,+ akka haaraatti hafuurichaan garboota akka taanuufi.+  Egaa maal jechuu dandeenya ree? Seerichi hirʼina qaba* jechuu dhaa? Matumaa! Dhugaa dubbachuuf utuu Seerichi hin jiru taʼee, cubbuun maal akka taʼe hin beekun ture.+ Fakkeenyaaf, utuu Seerichi, “Hin gomjaʼin” hin jenne taʼee gomjaʼuun maal akka taʼe hin beekun ture.+  Haa taʼu malee, cubbuun carraa ajajni kun isaaf kennetti fayyadamee gomjaʼuun hundi akka na keessa jiraatu godhe; sababiin isaas, bakka seerri hin jirretti cubbuun duʼaa dha.+  Yeroo seerri hin jirretti ani jiraachaan ture. Haa taʼu malee, yeroo ajajichi dhufu, cubbuun deebiʼee jiraate, ani garuu nan duʼe.+ 10  Ajajni gara jireenyaatti akka geessu yaadames,+ duʼatti kan geessu taʼuu isaa nan hubadhe. 11  Cubbuun carraa ajajichi isaaf kennetti fayyadamee na gowwoomse, akkasumas karaa ajaja sanaa na ajjeese. 12  Kanaafuu, Seerichi qulqulluu dha, ajajichis qulqulluu, qajeelaa fi gaarii dha.+ 13  Egaa wanta gaarii taʼe kanatu duʼa natti fidee? Matumaa! Kanaa mannaa, kan na ajjeese cubbuu dha; Seerichi inni gaarii taʼe cubbuun duʼa akka fidu ifa godheera;+ akka kanaan ajajichi cubbuun hammam akka hammaatu ifa godheera.+ 14  Seerichi kan Waaqayyoo akka taʼe beekna; ani garuu nama foonii cubbuutti gurgurame dha.+ 15  Ani wantan gochaa jiru hin hubadhu. Sababiin isaas, wantan hojjechuu barbaadu hin hojjedhu; kanaa mannaa wantan jibbun hojjedha. 16  Haa taʼu malee, wantan hin barbaanne kanan hojjedhu yoo taʼe, Seerichi gaarii akka taʼe irrattan walii gala. 17  Amma garuu cubbuu na keessa jiraatutu kana hojjeta malee ana miti.+ 18  Na keessa, jechuunis foon koo keessa wanti gaariin tokko illee akka hin jirre ani beeka; wanta gaarii hojjechuu nan hawwa; haa taʼu malee, wantan hawwu hojjechuu hin dandaʼu.+ 19  Ani wanta gaarii isan barbaadu hin hojjedhu; kanaa mannaa, wanta gadhee isan hin barbaanne sanan irra deddeebiʼee hojjedha. 20  Wantan hin barbaanne kanan hojjedhu erga taʼee, kana kan hojjetu ana utuu hin taʼin, cubbuu isa na keessa jiraatu sana dha. 21  Kanaafuu, seerri kun na irratti yommuu hojjetu nan arga: Wanta sirrii taʼe hojjechuu yommuun barbaadu, wanta gadhee hojjechuuf fedhiin akka na keessa jiru nan hubadha.+ 22  Keessa namummaa kootti seera Waaqayyootti nan gammada;+ 23  qaama* koo keessa garuu seerri kan biraan, seera sammuu koo wajjin wal loluu+ fi seera cubbuu isa qaama* koo keessa jiruuf akkan boojiʼamu godhu+ akka jiru nan hubadha. 24  Ani nama gadadamaa dha! Qaama gara duʼa kanaatti na geessu kana irraa eenyutu na oolcha? 25  Karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos Waaqayyoof galanni haa taʼu! Kanaafuu, ani sammuu kootiin seera Waaqayyootiif garbicha dha; foon kootiin garuu seera cubbuutiif garbicha dha.+

Miiljaleewwan

Ykn., “kutaawwan qaamaa.”
Kal., “cubbuu dha.”
Kal., “kutaawwan qaamaa.”
Kal., “kutaawwan qaamaa.”