Uumama 1:1-31

  • Samii fi lafti ni uumaman (1, 2)

  • Guyyaa lafti itti qopheeffamte jaʼa (3-31)

    • Guyyaa 1: ifa; guyyaa fi halkan (3-5)

    • Guyyaa 2: hawaa (6-8)

    • Guyyaa 3: dachee gogaa fi biqiltoota (9-13)

    • Guyyaa 4: maddawwan ifaa samii (14-19)

    • Guyyaa 5: qurxummiiwwanii fi simbirroota (20-23)

    • Guyyaa 6: bineensota lafa irraa fi namoota (24-31)

1  Jalqaba irratti Waaqayyo samiiwwanii fi lafa uume.+  Yeroo kanatti lafti bifa kan hin qabnee fi ona* turte; dukkannis bishaan isa gad fagoo*+ irra jira ture; humni Waaqayyoo inni hojii irra jirus*+ bishaanicha irra+ asii fi achi sosochoʼa ture.  Waaqayyos, “Ifni haa taʼu” jedhe. Achiis ifni ni taʼe.+  Sana booda Waaqayyo ifichi gaarii akka taʼe arge; ifa sanas dukkanicha irraa addaan ni baase.  Waaqayyos ificha Guyyaa jedhee moggaase; dukkanicha immoo Halkan jedhee moggaase.+ Ni dhihe, ni bariʼes; kun guyyaa tokkoffaa dha.  Achiis Waaqayyo, “Bishaanota gidduutti hawaan haa taʼu;+ bishaanonnii fi bishaanonnis gargar haa baʼan”+ jedhe.  Sana booda Waaqayyo hawaa tolchee, bishaanota hawaadhaa gaditti argaman bishaanota hawaadhaa olitti argaman irraa gargar ni baase.+ Akkuma kanas ni taʼe.  Waaqayyos hawaa sana Samii jedhee moggaase. Ni dhihe, ni bariʼes; kun guyyaa lammaffaa dha.  Achiis Waaqayyo, “Bishaanonni samii jalatti argaman bakka tokkotti walitti haa qabaman; dachee gogaanis haa mulʼatu” jedhe.+ Akkuma kanas ni taʼe. 10  Waaqayyo dachee gogaa sana Lafa jedhee moggaase;+ bishaanota walitti qabaman sana immoo Galaanota jedhee moggaase.+ Waaqayyo kun gaarii taʼuu isaa ni arge.+ 11  Achiis Waaqayyo, “Lafti akkuma akaakuu isaaniitti marga, biqiltootaa fi mukeetii haa biqilchitu. Biqiltoonni sanyii haa godhatan; mukeetiinis firii fi sanyii haa godhatan” jedhe. Akkuma kanas ni taʼe. 12  Laftis akkuma akaakuu isaaniitti marga, biqiltootaa+ fi mukeetii biqilchuu jalqabde. Biqiltoonni sanyii ni godhatan; mukeetiinis firii fi sanyii ni godhatan. Waaqayyos kun gaarii taʼuu isaa ni arge. 13  Ni dhihe, ni bariʼes; kun guyyaa sadaffaa dha. 14  Achiis Waaqayyo akkana jedhe: “Maddawwan ifaa+ guyyaa fi halkan+ gargar baasan hawaa keessa haa jiraatan; isaanis waqtiilee, guyyootaa fi waggoota gargar baasuuf mallattoo taʼanii tajaajilu.+ 15  Isaan lafa irratti akka ibsaniif maddawwan ifaa hawaa keessa jiran taʼanii ni tajaajilu.” Akkuma kanas ni taʼe. 16  Waaqayyos maddawwan ifaa guguddaa lama ni tolche; maddi ifaa inni guddaan guyyaa irratti aangoo akka qabaatu,+ maddi ifaa inni xinnaan immoo halkan irratti aangoo akka qabaatu godhe; urjiilees ni tolche.+ 17  Akka kanaan Waaqayyo lafa irratti akka ibsaniif hawaa keessa isaan kaaʼe. 18  Inni isaan guyyaa fi halkan irratti aangoo akka qabaatan, akkasumas ifaa fi dukkana akka gargar baasaniif achi keessa isaan kaaʼe.+ Waaqayyos kun gaarii taʼuu isaa ni arge. 19  Ni dhihe, ni bariʼes; kun guyyaa arfaffaa dha. 20  Achiis Waaqayyo, “Bishaanonni uumamawwan jiraatoodhaan haa guutaman; uumamawwan barrisanis lafaa olitti samii keessa haa barrisan” jedhe.+ 21  Waaqayyos uumamawwan galaanaa guguddaa, akkasumas uumamawwan jiraatoo bishaan keessa sosochoʼanii fi yaaʼan hundumaa akka akaakuu isaaniitti, kana malees uumamawwan qoochoodhaan* barrisan hundumaa akka akaakuu isaaniitti ni uume. Waaqayyo kun gaarii taʼuu isaa ni arge. 22  Yeroo kanatti Waaqayyo, “Horaa, baayʼadhaa, galaana guutaa;+ uumamawwan barrisanis lafa irratti haa baayʼatan” jedhee isaan eebbise. 23  Ni dhihe, ni bariʼes; kun guyyaa shanaffaa dha. 24  Achiis Waaqayyo, “Lafti uumamawwan jiraatoo akka akaakuu isaaniitti, beeladoota, bineensota loʼanii* fi bineensota bosonaa akka akaakuu isaaniitti haa qabaattu”+ jedhe. Akkuma kanas ni taʼe. 25  Waaqayyo bineensota bosonaa akka akaakuu isaaniitti, beeladoota akka akaakuu isaaniitti, bineensota lafa irra loʼan hundumaas akka akaakuu isaaniitti ni uume. Waaqayyos kun gaarii taʼuu isaa ni arge. 26  Achiis Waaqayyo, “Akka bifa+ keenyaatti, akka fakkaattii+ keenyaattis nama haa tolchinu;+ isaanis qurxummii galaanaa, uumamawwan samii irra barrisan, beeladoota, guutummaa lafaa fi bineensota loʼan warra lafa irra sochoʼan hundumaa irratti aangoo haa qabaatan”+ jedhe. 27  Waaqayyos akka bifa isaatti nama ni uume; akka bifa Waaqayyootti isa ni uume; dhiiraa fi dubartii godhees isaan ni uume.+ 28  Kana malees Waaqayyo isaan ni eebbise; akkasumas, “Horaa, baayʼadhaa, lafa guutaa;+ isas toʼannaa keessan jala galfadhaa;+ qurxummii galaanaa, uumamawwan samii irra barrisanii fi uumamawwan jiraatoo lafa irra sochoʼan hundumaa irratti aangoo qabaadhaa”+ isaaniin jedhe. 29  Achiis Waaqayyo akkana jedhe: “Kunoo, ani biqiltuu sanyii godhatuu fi guutummaa lafaa irratti argamu hundumaa, akkasumas muka firii sanyii qabu godhatu hundumaa isiniif kenneera. Isaan nyaata isiniif haa taʼan.+ 30  Ani bineensa bosonaa hundumaatiif, uumamawwan samii irra barrisan hundumaatii fi uumamawwan jiraatoo lafa irra sochoʼan hundumaatiif soorata akka taʼuuf biqiltuu lalisaa taʼe hundumaa kenneera.”+ Akkuma kanas ni taʼe. 31  Sana booda Waaqayyo wanta tolche hundumaa ni arge; kunoo, inni baayʼee gaarii ture.+ Ni dhihe, ni bariʼes; kun guyyaa jaʼaffaa dha.

Miiljaleewwan

Ykn., “duwwaa.”
Ykn., “bishaan sochoʼu.”
Ykn., “hafuurri Waaqayyoos.”
Jechuunis, goflaadhaan.
Ykn., “bineensota sochoʼanii,” ibsi kun uumamawwan lafa irra loʼanii fi gosa bineensotaa warra kaan irraa adda taʼan kan dabalatu taʼuu hin oolu.