Xalayaa Yaaqoob 1:1-27

  • Nagaa dhaamuu (1)

  • Jabaatanii dhaabbachuun gammachuu argamsiisa (2-15)

    • Amantii qorame (3)

    • Amantiidhaan kadhachuu isaa itti haa fufu (5-8)

    • Hawwiin, cubbuu fi duʼatti geessa (14, 15)

  • Kennaan gaariin hundi ol gubbaadhaa gad buʼa (16-18)

  • Dubbicha dhagaʼuu fi hojii irra oolchuu (19-25)

    • Nama daawitii ilaalu (23, 24)

  • Waaqeffannaa qulqulluu fi xurii hin qabne (26, 27)

1  Yaaqoob+ isa garbicha Waaqayyoo fi garbicha Gooftaa Yesuus Kiristoos taʼe irraa, gosoota 12n warra bakka adda addaatti bittinnaaʼaniif: Nagaan isiniif haa taʼu!  Yaa obboloota koo, yommuu qorumsi adda addaa isin irra gaʼu akka gammachuu guddaatti lakkaaʼaa;+  kana yommuu gootan amantiin keessan inni qoramee ilaalame jabaatanii dhaabbachuu akka isiniif argamsiisu ni beektu.+  Haa taʼu malee, wanti tokko illee utuu isinitti hin hirʼatin, karaa hundumaatiin guutuu fi mudaa kan hin qabne akka taataniif, jabaatanii dhaabbachuun hojii isaa fiixaan akka baasu godhaa.+  Kanaafuu, isin keessaa namni kam iyyuu ogummaan yoo isatti hirʼate, Waaqa kadhachuu isaa itti haa fufu;+ sababiin isaas, inni utuu hin ceephaʼin* nama hundumaatiif arjummaadhaan ni kenna,+ isaafis ni kennama.+  Haa taʼu malee, matumaa utuu hin shakkin amantiidhaan kadhachuu isaa itti haa fufu;+ namni shakku akka dambalii galaanaa qilleensaan oofamuu fi asii fi achi darbatamuu ti.  Namni kun Yihowaa* biraa waan tokko illee nan argadha jedhee eeguu hin qabu;  inni yaada dhaabbataa kan hin qabne+ dha, wanta hojjetu hundumaa irrattis ejjennoo hin qabu.  Haa taʼu malee, obboleessi gad aanaa taʼe ol qabamuu isaatti haa gammadu;*+ 10  inni sooressis akka daraaraa dirree keessaa waan darbuuf, gad qabamuu isaatti haa gammadu.+ 11  Sababiin isaas, akkuma yommuu aduun baʼee hoʼa isaatiin waxalee biqiltuu coolligsutti abaaboon isaa harcaʼuu fi bifti isaa inni miidhagu badu, sooressis jireenya isaatiif utuu asii fi achi fiiguu bada.+ 12  Namni qorumsa keessatti jabaatee dhaabbachuu isaa itti fufu gammadaa dha;+ sababiin isaas, inni yeroo fudhatama argatu gonfoo jireenyaa+ isa Yihowaan* warra isa jaallachuu isaanii itti fufaniif waadaa gale+ ni argata. 13  Namni kam iyyuu yommuu qoramu, “Waaqayyotu na qoraa jira” hin jedhin. Sababiin isaas, Waaqayyo wanta hamaadhaan qoramuu hin dandaʼu; ofii isaatiis nama kam iyyuu hin qoru. 14  Haa taʼu malee, tokkoon tokkoon namaa yommuu hawwii ofii isaatiin harkifamuu fi gowwoomfamu qorama.+ 15  Achiis hawwiin erga guddatee* booda cubbuu dhala; cubbuun yommuu raawwatamu immoo duʼa geessisa.+ 16  Yaa obboloota koo jaallatamo, hin dogoggorinaa. 17  Kennaan gaariinii fi kennaan guutuun hundi ol gubbaadhaa,+ Abbaa ifawwan samii,+ isa akka gaaddidduu iddoo isaa jijijjiiruutti hin gegeddaramne+ biraa gad buʼa. 18  Kun fedhii isaa waan taʼeef, nuti uumamawwan isaa keessaa firiiwwan jalqabaa akka taanuuf,+ inni dubbii dhugaatiin+ gara jireenyaatti nu fide. 19  Yaa obboloota koo jaallatamo, kana beekaa: Namni hundi dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa,+ dheekkamuufis suuta jedhaa+ haa taʼu; 20  sababiin isaas, dheekkamsi namaa qajeelummaan Waaqayyoo akka raawwatamu hin godhu.+ 21  Kanaafuu, xuraaʼummaa hundumaa fi hammina akkamii iyyuu* of irraa fageessaatii,+ dubbicha isa isin keessa dhaabamee fi isin* fayyisuu dandaʼu sana garraamummaadhaan fudhadhaa. 22  Taʼus dubbicha hojii irra kan oolchitan taʼaa+ malee, sababii sobaa dhiheessuudhaan dhagaʼuu qofaan kan of gowwoomsitan hin taʼinaa. 23  Namni kam iyyuu dubbicha dhagaʼee hojii irra kan hin oolchine yoo taʼe,+ inni nama fuula isaa daawwitii keessatti ilaaluu wajjin wal fakkaata. 24  Inni erga of ilaalee booda ni deema, yeruma sanas maal akka fakkaatu ni irraanfata. 25  Haa taʼu malee, namni seera mudaa hin qabne+ isa bilisummaa argamsiisu sana xiyyeeffannaadhaan ilaaluu fi hordofuu isaa itti fufu, isa dhagaʼee irraanfatu utuu hin taʼin, isa hojii irra oolchu dha; inni wanta raawwatetti ni gammada.+ 26  Namni tokko Waaqa akka waaqeffatu kan yaadu taʼus, arraba isaa kan hin toʼanne* yoo taʼe,+ inni garaa isaa gowwoomsa, waaqeffannaan isaas gatii hin qabu. 27  Akka ilaalcha Waaqaa fi Abbaa keenyaatti waaqeffannaan* qulqulluunii fi xurii hin qabne, ijoollee warra hin qabnee+ fi dubartoota abbootiin manaa irraa duʼan+ rakkina isaanii irratti gargaaruu,+ akkasumas xurii addunyaa irraa of eeguu dha.+

Miiljaleewwan

Ykn., “utuu dogoggora hin funaanin.”
Kal., “boonu.”
Kal., “ulfa taʼee.”
Ykn., “lubbuu keessan.”
Ykn tarii, “hammina hedduu.”
Ykn., “arraba isaatti luugama kan hin goone.”
Ykn., “amantaan.”