Wangeela Yohaannis 12:1-50

  • Maariyaam miila Yesuus irratti zayitii dhangalaaste (1-11)

  • Yesuus injifannoodhaan seene (12-19)

  • Yesuus duʼa isaa ilaalchisee raajii dubbate (20-37)

  • Yihudoonni amantii dhabuun isaanii raajiin akka raawwatamu godhe (38-43)

  • Yesuus addunyaa fayyisuuf dhufe (44-50)

12  Ayyaanni Faasikaa gaʼuu isaa guyyaa jaʼa dura, Yesuus Bitaaniyaa bakka Alaazaar+ jiraatu gaʼe; Alaazaar kun isa Yesuus duʼaa kaase sana dha.  Kanaafuu, isaan achitti irbaata kan isaaf qopheessan yeroo taʼu, Maartaan isaan tajaajilaa turte;+ Alaazaar garuu warra isaa wajjin maaddiitti dhihaatan keessaa tokko ture.  Yeroo kanatti Maariyaam zayitii urgaaʼaa gara liitirii walakkaa* taʼu, gatiin isaa baayʼee guddaa taʼee fi naardosii qulqulluu irraa qophaaʼe fiddee miila Yesuus irratti erga dhangalaastee booda rifeensa ishiitiin haxooftee qoorsite. Manichis urgaa zayitii sanaatiin guutame.+  Haa taʼu malee, Yihudaa Asqorotichi+ inni barattoota isaa keessaa tokko taʼee fi dabarsee isa kennuuf jedhu akkana jedhe:  “Zayitiin urgaaʼaan kun dinaaree* 300tti gurguramee hiyyeeyyiidhaaf kan hin kennamne maaliifi?”  Taʼus kana kan dubbate hiyyeeyyiidhaaf waan yaadeef utuu hin taʼin, hattuu waan taʼee fi maallaqa saanduqa isa harka jiru keessa buufamu irraa hatuu waan amaleeffateef ture.  Yeroo kanatti Yesuus akkana jedhe: “Ishii dhiisaa, ishiin kana kan goote barsiifata kana raawwachuudhaan guyyaan itti awwaalamuuf na qopheessuufi.+  Hiyyeeyyiin yeroo hunda isinii wajjin jiru;+ anaan garuu yeroo hunda hin argattan.”+  Yeroo kanatti, Yihudoonni hedduun akka inni achi jiru beekanii dhufan; isaan kan dhufan Yesuusiin qofa utuu hin taʼin, Alaazaar isa inni duʼaa kaase sanas ilaaluuf ture.+ 10  Kanaafuu, dura buutonni lubootaa Alaazaariinis ajjeesuuf mariʼatan; 11  kanas kan godhan, Yihudoonni hedduun sababii isaatiin achi dhaqanii Yesuusitti waan amananiif ture.+ 12  Guyyaa itti aanutti namoonni gara ayyaanichaa dhufan hedduun, Yesuus gara Yerusaalem dhufaa akka jiru dhagaʼan. 13  Kanaafuu, damee muka meexxii qabatanii isa simachuuf baʼan; sagalee isaanii ol kaasaniis, “Akka isa oolchitu si kadhanna! Mootiin Israaʼel inni+ maqaa Yihowaatiin* dhufu eebbifamaa dha!”+ jechuu jalqaban. 14  Yesuus ilmoo harree argatee irra taaʼe;+ kunis akkuma akkana jedhamee barreeffametti dha: 15  “Yaa intala Xiyoon, hin sodaatin. Kunoo, mootiin kee ilmoo harree irra taaʼee dhufa.”+ 16  Barattoonni isaa jalqaba irratti wantoota kana hin hubanne turan; yommuu Yesuus ulfina argatu garuu,+ wantoonni kun waaʼee isaa akka barreeffamanii fi isaanis wantootuma kana akka isaaf godhan yaadatan.+ 17  Namoonni yommuu inni Alaazaariin awwaala* keessaa waamee+ duʼaa kaasu isaa wajjin turan hedduun, wanta argan ragaa baʼuu isaanii itti fufan.+ 18  Namoonni hedduun sunis isa simachuu kan dhaqan, dinqii kana hojjechuu isaa waan dhagaʼaniif ture. 19  Kanaafuu Fariisonni, “Nuti waan tokko illee gochuu akka hin dandeenye ni argituu? Kunoo, guutummaan addunyaa isa duukaa buʼeera” waliin jedhan.+ 20  Namoota bakka ayyaanichaatti waaqeffachuu dhufan keessaa Giriikonni tokko tokko jiru turan. 21  Isaan Filiphoos+ isa Beetasaayidaa ishii Galiilaatii dhufetti dhihaatanii, “Yaa gooftaa, Yesuusiin arguu barbaanna” jedhanii isa gaafatan. 22  Filiphoosis dhufee Indiriyaasitti hime. Indiriyaasii fi Filiphoos immoo dhufanii Yesuusitti himan. 23  Yesuus garuu akkana jedhee isaaniif deebise: “Saʼaatiin Ilmi namaa ulfina itti argatu gaʼeera.+ 24  Dhuguma dhuguman isiniin jedha, firiin qamadii tokko lafa buutee yoo duʼuu baatte, firii tokkittii taatee hafti; erga duutee booda garuu,+ firii hedduu godhatti. 25  Namni lubbuu isaa jaallatu kam iyyuu ni balleessa, namni addunyaa kana keessatti lubbuu isaa jibbu kam iyyuu+ garuu jireenya bara baraatiif ishii eeggata.+ 26  Namni na tajaajiluu barbaadu hundi ana duukaa haa buʼu, bakka ani jiru tajaajilaan koos achi ni taʼa.+ Nama na tajaajiluu barbaadu hundaaf, Abbaan ulfina ni kenna. 27  Amma ani dhiphadheera,*+ maal jechuun dandaʼa? Yaa Abbaa, saʼaatii kana irraa na oolchi.+ Haa taʼu malee, ani saʼaatii kanaafan dhufe. 28  Yaa Abbaa, maqaa keetiif ulfina kenni.” Achiis sagaleen,+ “Ani maqaa kootiif ulfina kenneera; ammas ulfina nan kennaaf”+ jedhu tokko samii irraa ni dhufe. 29  Namoonni achi dhaabbatanis sagalee kana yommuu dhagaʼan, “Kakawwee dha” jedhan. Kaan immoo, “Maleekaatu isatti dubbate” jedhan. 30  Yesuusis deebisee akkana jedhe: “Sagaleen kun kan dhagaʼame isiniif malee anaaf miti. 31  Yeroon addunyaa kanatti murteeffamu amma; yeroon bulchaan addunyaa kanaa+ alatti itti gatamu amma.+ 32  Ani garuu lafa irraa yoon ol kaafame,+ akaakuu namootaa hunda ofitti nan harkisa.” 33  Kana kan dubbate, duʼa akkamii duʼuuf akka jedhu argisiisuuf ture.+ 34  Achiis namoonni sun deebisanii, “Nuti Kiristoos bara baraaf akka jiraatu Seericha irraa dhageenyeerra.+ Maarree ati akkamitti Ilmi namaa ol kaafamuu qaba jetta?+ Ilmi namaa kun eenyu?” isaan jedhan. 35  Kanaafuu, Yesuus akkana isaaniin jedhe: “Ifni sun yeroo gabaabaadhaaf isin bira ni tura. Kanaafuu, dukkanni sun akka isin hin liqimsineef, yeroo ificha qabdanitti deemaa; namni dukkana keessa deemu hundi, eessa akka dhaqu hin beeku.+ 36  Isin ilmaan ifaa akka taataniif, yeroo ificha qabdan kanatti ifichatti amanaa.”+ Yesuus wantoota kana erga dubbatee booda achii deemee isaan jalaa dhokate. 37  Inni dinqii hedduu isaan duratti kan hojjete taʼus, isaan isatti hin amanne; 38  kunis kan taʼe, wanti Isaayyaas raajichi, “Yaa Yihowaa,* wanta nu irraa dhagaʼetti* kan amane eenyu?+ Irreen Yihowaa* hoo eenyutti mulʼifame?”+ jedhee dubbate akka raawwatamuuf ture. 39  Sababii isaan amanuu itti hin dandeenye ilaalchisee Isaayyaas ammas akkana jedheera: 40  “Isaan ija isaaniitiin arganii, garaa isaaniitiin hubatanii, akka hin deebinee fi akkan isaan hin fayyisnetti, inni ija isaanii jaamseera; garaan isaaniis didaa akka taʼu godheera.”+ 41  Isaayyaas akkana kan jedhe, ulfina isaa waan argeef ture; waaʼee isaas dubbateera.+ 42  Taʼus, bulchitoota keessaa illee hedduun isaanii isatti amananii turan;+ haa taʼu malee, Fariisonni mana sagadaa keessaa akka isaan hin ariineef+ waaʼee isaa ifatti hin dubbatan turan; 43  sababiin isaas, isaan ulfina Waaqayyo biraa argamu caalaa, ulfina namoota biraa argamu jaallataniiru.+ 44  Yesuus garuu sagalee isaa ol kaasee akkana jedhe: “Namni anatti amanu hundi, anatti qofa utuu hin taʼin isa na erge sanattis ni amana;+ 45  namni na argu hundi, isa na erge sanas ni arga.+ 46  Namni anatti amanu hundi dukkana keessa akka hin jiraanneef,+ ani ifa taʼee gara addunyaa dhufeera.+ 47  Haa taʼu malee, namni tokko dubbii koo dhagaʼee yoo eeguu baate ani isatti hin murteessu; sababiin isaas, ani addunyaatti murteessuuf utuu hin taʼin, addunyaa fayyisuufan dhufe.+ 48  Nama ana tuffatuu fi dubbii koo hin fudhannetti kan murteessu tokko jira. Dubbiin ani dubbadhe guyyaa dhumaatti isatti ni murteessa. 49  Sababiin isaas, wantan jedhuu fi wantan dubbadhu Abbaa isa na erge sanatu na ajaje malee, ani ofii kootiin kakaʼee hin dubbanne.+ 50  Ajajni isaa jireenya bara baraatti akka geessu ani beeka.+ Kanaafuu, ani wantan dubbadhu hunda akkuma Abbaan anatti himettan dubbadha.”+

Miiljaleewwan

Kal., “paawundii tokkoo.” Jechuunis, paawundii Roomaa gara 327 g taʼu. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “awwaala yaadannoo.”
Ykn., “lubbuun koo dhiphatteetti.”
Ykn., “gabaasa keenyatti.”