Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 44

Mana Qulqullummaa Yihowaa

Mana Qulqullummaa Yihowaa

Solomoon mootii Israaʼel erga taʼee booda, Yihowaan ‘Maal akkan siif kennu barbaadda?’ jedhee isa gaafate. Solomoonis, ‘Ani mucaa xinnoo waanan taʼeef, wantan gochuu qabu hin beeku. Maaloo saba kee bulchuu akkan dandaʼuuf ogummaa naaf kenni’ jedhe. Yihowaanis, ‘Ati ogummaa waan na gaafatteef, namoota lafa irra jiran hunda caalaa ogeessa akka taatu sin godha. Baayʼee sooressa akka taatus nan godha. Ati yoo anaaf ajajamte, umurii dheeraa akka jiraattu nan godha’ isaan jedhe.

Solomoon mana qulqullummaa ijaaruu jalqabe. Inni warqee, meetii, mukaa fi dhagaa baayʼee filatamaa taʼanitti fayyadame. Dhiironnii fi dubartoonni ogummaa qaban hedduunis hojicha irratti hirmaataniiru. Waggaa torba booda manni qulqullummaa sun Yihowaadhaaf murteeffamuuf qophaaʼaa taʼe. Iddoo aarsaa kan qabu siʼa taʼu, aarsaawwanis achi irratti dhihaatan. Solomoonis iddoo aarsaa sana fuulduratti jilbeenfatee, ‘Yaa Yihowaa iddoon aarsaa kun siif wanta baayʼee guddaa ykn bareedaa taʼe miti; taʼus maaloo waaqeffannaa keenya fudhadhu; kadhannaa keenyas nuuf dhagaʼi’ jedhee kadhate. Yihowaan waaʼee mana qulqullummaa sanaa fi kadhannaa Solomoon dhiheessee maaltu itti dhagaʼame? Akkuma Solomoon kadhannaa isaa xumureen, ibiddi samii irraa gadi buʼee aarsaawwan iddoo aarsaa sana irra jiran gube. Manni qulqullummaa sun Yihowaa biratti fudhatama argateera. Israaʼelonnis yommuu kana argan ni gammadan.

Solomoon Mootichi guutummaa Israaʼelii fi iddoowwan fagaatanii jiran keessatti illee ogummaa isaatiin beekamaa taʼe. Namoonni rakkina isaaniitiif furmaata argachuuf gara Solomoon ni dhufu turan. Mootuun biyya Sheebaa illee gaaffiiwwan ulfaatoo taʼaniin isa qoruuf dhuftee turte. Deebii inni kenne yommuu dhageessu, ‘Wanta namoonni waaʼee kee natti himan hin amannen ture; amma garuu kan isaan jedhan caalaa iyyuu ogeessa taʼuu kee hubadheera. Waaqni kee Yihowaan si eebbiseera’ jette. Haalli jireenyaa saba Israaʼeliif gaarii waan tureef, namoonni biyyichaa gammadoo turan. Garuu haalli isaa akka kanaan itti hin fufne.

“Kunoo Solomoon irra kan caalu as jira.”—Maatewos 12:42