Dhimma ijoo ta'etti seeni

Deebii Gaaffiiwwan Kitaaba Qulqulluu

Deebii Gaaffiiwwan Kitaaba Qulqulluu

Cubbuun keenya nuuf dhiifamuu dandaʼaa?

Waaqayyo duratti fudhatama argachuun baayʼee ulfaataa miti

Kitaabni Qulqulluun ilmaan namootaa hundi cubbamoota akka taʼan dubbata. Addaam isa nama jalqabaa taʼe irraa fedhii cubbuu raawwachuu dhaalleerra. Kanaaf yeroo wanta gadhee booda itti gaabbinu raawwannu qabna. Ilma Waaqayyoo kan taʼe Yesuus Kiristoos nuuf jedhee duʼuudhaan cubbuu keenyaaf gatii furii kaffaleera. Aarsaan furii isaa immoo dhiifama cubbuu nuuf argamsiisa. Furiin kennaa Waaqayyoo ti.—Roomaa 3:23, 24 dubbisi.

Namoonni tokko tokko cubbuu cimaa hojjechuu isaaniitiin kan kaʼe Waaqayyo dhiifama akka isaaniif hin goone shakku. Kan nama gammachiisu garuu Dubbiin Waaqayyoo, “Dhiigni Ilma isaa Yesuus cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa” jedha. (1 Yohaannis 1:7) Yihowaan cubbuu cimaa yoo hojjenne illee garaadha yaada yoo jijjiirranne dhiifama nuu gochuuf fedhii qaba.—Isaayyaas 1:18 dubbisi.

Cubbuun keenya akka nuuf dhiifamuuf maal gochuu qabna?

Yihowaan cubbuu keenya akka nuuf dhiisu yoo barbaanne karaawwan isaa, gorsa isaa fi ulaagaalee isaa beekuuf waaʼee isaa barachuu qabna. (Yohaannis 17:3) Yihowaan gocha hamaa raawwatanii dhiisanii fi jijjiiramuuf carraaqqii godhan gaarummaadhaan dhiifama isaaniif godha.—Hojii Ergamootaa 3:19 dubbisi.

Waaqayyo duratti fudhatama argachuun baayʼee ulfaataa miti. Yihowaan dadhabina keenya ni hubata. Inni gara laafessaa fi arjaa dha. Maarree gaarummaa guddaa Waaqayyo qabu akkamitti isa gammachiisuu akka dandeessu beekuuf waaʼee isaa caalaatti barachuuf si hin kakaasnee?—Faarfannaa 103:13, 14 dubbisi.