Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi


Barumsawwan Kitaaba Qulqulluu kanneen irraa caalaatti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?

Barumsawwan Kitaaba Qulqulluu kanneen irraa caalaatti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?

Namni tokko akka si barsiisu gaafadhu: Namni birooshura kana sii kenne Kitaaba Qulqulluu akka si qoʼachiisu gaafadhu ykn karaa weebsaayitii keenya, jw.org qoʼachuu akka barbaaddu gaafadhu.

KUTAA JALQABAA

Gaaffiiwwan qubee fufurdaadhaan barreeffamanii (A) fi caqasoota (B) qabxiiwwan ijoo ibsan dabalatee keeyyata hunda dubbisi. Caqasoonni “dubbisi” jedhan dubbifamuu akka qaban hubadhu.

KUTAA GIDDUU

Himni jalqabaa (C) Caalaatti Baradhu jedhu jala jiru wantoota itti aananii jiran ibsa. Mata dureewwan xixiqqaan (D) qabxiiwwan ijoo beeksisu. Caqasoota kennaman dubbisaa, gaaffiiwwan dhihaataniif deebii kennaa, akkasumas viidiyoowwan (E) ilaalaa.

Fakkiiwwanii fi ibsa fakkiiwwaniif kennaman (F) xiyyeeffannaadhaan ilaalaa, akkasumas yaada mata duree xiqqaa Namoonni Tokko Tokko Akkana Jedhu (G) jedhamu jala jiruuf deebii akkamii akka kennitu yaadi.

KUTAA XUMURAA

Mata dureewwan xixiqqaan Maal Barattee fi Irra Deebii (H) jedhan barumsicha gudunfu. Guyyaa itti barumsicha xumurte barreessi. Mata duree xiqqaan Galma (I) jedhu wanta irratti hojjechuu qabdu ibsa. Mata duree xiqqaan Qorannoo Dabalataa Godhi (J) jedhu immoo odeeffannoo dabalataa dubbisuu ykn ilaaluu dandeessu qabateera.

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu baafachuu kan dandeessu akkamitti?

Caqasoonni maqaa kitaaba, Kitaaba Qulqulluu (A), boqonnaa (B) fi lakkoofsaan (C) kaaʼamu. Fakkeenyaaf, Yohaannis 17:3 kitaaba Yohaannis, boqonnaa 17, lakkoofsa 3 argisiisa.