Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 10

Waaqa Keenya Yihowaa Jajadhaa!

Waaqa Keenya Yihowaa Jajadhaa!

(Faarfannaa 145:12)

  1. 1. Yihowaa jajadhaa, faarsaa!

    Maqaasaa guddaa beeksisaa!

    Dubbadhaa, gaʼe guyyaansaa,

    Kana himaa akeekkachiisaa.

    Ilmisaa Mootummaa qabateera

    Yihowaan kana labseera.

    Oduu kana nama hundattʼ himaa,

    Eebba argamu hundumaa!

    (BUUSAA)

    Yihowaa jajadhaa, faarsaa!

    Hunda beeksisaa guddinasaa!

  2. 2. Jajadhaa, maqaasaa faarsaa!

    Sagalee keessan ol kaasaa!

    Garaadhaa galateeffachuun,

    Ulfinasaa himna jabinaan.

    Waaqa guddaa, hojiinsaa dinqii dha

    Taʼus kan gad of qabu dha.

    Abbaa gaarii fedha keenya beeku;

    Waammannaan kan nuu dhaqqabu.

    (BUUSAA)

    Yihowaa jajadhaa, faarsaa!

    Hunda beeksisaa guddinasaa!

(Dabalataan, Far. 89:27; 105:1; Er. 33:11 ilaali.)