Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 135

Affeerrii Yihowaa: ‘Yaa Ilma Koo, Ogeessa Ta’i’

Affeerrii Yihowaa: ‘Yaa Ilma Koo, Ogeessa Ta’i’

(Fakkeenya 27:11)

  1. 1. Dardaroonnii fi shamarran

    anaaf bulaa.

    Diinni koo na mormu

    kana ni ilaala.

    Dargaggummaa keessan

    anaaf kennaa tolaan;

    Addunyaan haa beeku

    akka naaf jiraattan.

    (BUUSAA)

    Yaa ilma koo, yaa intala too,

    Ogeessa taʼii jiraadhu,

    Garaan kiyya akka gammadu,

    Fedhii keetiin na jajadhu.

  2. 2. Gammadaa waan qabdan

    naa kennuu keessaniin,

    Natu isin kaasa

    gufattanii kufnaan.

    Eenyuyyuu yoo isin gane

    na abdadhaa,

    Bakka guddaan ʼsinii kennaa

    jajjabaadhaa.

    (BUUSAA)

    Yaa ilma koo, yaa intala too,

    Ogeessa taʼii jiraadhu,

    Garaan kiyya akka gammadu,

    Fedhii keetiin na jajadhu.

(Dabalataan, Kes. 6:5; Lal. 11:9; Isa. 41:13 ilaali.)