Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 17

“Nan Fedha”

“Nan Fedha”

(Luqaas 5:13)

  1. 1. Gaarummaa, obsa, jaalalas

    Ni qaba ture Kiristoos.

    Fedha keenya guute

    Dubbii fi gochaan;

    Jaalalaa fi yeroo laate.

    Dhibee hundarraa fayyise,

    Hin daganne kan rakkate.

    Gaʼumsa akka qabu mulʼate.

    “Nan fedha” jedhe jaallatee.

  2. 2. Nuyis akkumasaa taana

    Guyyaa guyyaan duukaa buuna.

    Namoota hundumaaf

    Jaalala qabna;

    Ajajamuu ʼsaan barsiisna.

    Kan rakkateef ni kennina;

    Dubbii fi gochaan jaallanna.

    Dubartootaaf ijoollee rakkatoof,

    Dafaatii jedhaa, “Nan fedha.”

(Dabalataan, Yoh. 18:37; Efe. 3:19; Filp. 2:7 ilaali.)