Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 19

Irbaata Gooftaa

Irbaata Gooftaa

(Maatewos 26:26-30)

  1. 1. Yihowaa Abbaa ʼsa waaqarraa,

    Hunda caala galgallʼ harʼaa!

    Yeroo dheeraa dura galgala kanatti

    Jaalalʼ argisiiste ati.

    Hoolaan Faasikaa ni qophaaʼe,

    Sabni kee bilisa baʼe.

    Booddeemmoo Yesuus dhiigasaa dhangalaasee

    Raajii kana fiixaan ni baase.

  2. 2. Nu yaadachiisa waan kaffalte

    Wayniif maxinoon dhihaate,

    Ni yaanna

    Buʼaa duʼa ʼlma keen argame;

    Hamma duʼaattʼ ajajame.

    Ayyaana kana ni kabajna;

    Galata keenya ibsina.

    Duʼarraa nu fure

    Duuti Ilma keetii

    Kana yaanna guyyaa kanatti.

  3. 3. Jaalalaan kaatee waan ergiteef

    Ilma kee fi siin kabajuuf,

    Affeerrii kee fudhannee

    Asittʼ argamne

    Si duratti sassaabamne.

    Irbaanni gooftaa siif ulfina,

    Nuuf argamsiisa jabina.

    Kanaafuu fakkeenya Kiristoos hordofna

    Jireenya bara baraa ʼrganna.

(Dabalataan, Luq. 22:14-20; 1 Qor. 11:23-26 ilaali.)