Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 6

Samiin Ulfina Waaqayyoo Hima

Samiin Ulfina Waaqayyoo Hima

(Faarfannaa 19)

  1. 1. Samiin ulfina Yihowaa ni hima.

    Bantii waaqaarratti

    hojiisaa argina.

    Guyyaa haaraan ulfinasaa labsa;

    Ifni halkaniis ogummaa,

    Jaalalaaf humnasaa.

  2. 2. Seerrisaa guutuu dha, lubbuu deebisa,

    Maanguddootas taʼe,

    dargaggoo geggeessa.

    Bulchiinsisaa haqa qabeessa dha.

    Dubbiinsaa amanamaa dha,

    Damma damma jedha.

  3. 3. Sodaan Waaqaa jiraataa fi taliila.

    Gatiin ajajasaa,

    gatii warqii caala.

    Ittiin bulla, lubbuudhaan jiraanna.

    Ulfina, beekamummaa fi

    Maqaasaaf dhaabbanna.

(Dabalataan, Far. 111:9; 145:5; Mul. 4:11 ilaali.)