Dhimma ijoo ta'etti seeni

(Bitaa) Maatiin tokko waraqaa jechoonnii fi caqasawwan nama jajjabeessan irratti barreeffaman qabatanii obbolootaa fi obboleettota gumii isaaniitiif yeroo argisiisan. (Karaa mirgaa ol) Obboleettii qajeelchituun takka viidiyookonfiraansiidhaan qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessaa jirti. (Karaa mirgaa gadi) Maatiin tokko viidiyookonfiraansiidhaan walgaʼii gumii hirmaachaa jira.

EBLA 9, 2020
XAALIYAANII

Obboloonnii fi Obboleettonni Xaaliyaanii Dhibee Daddarbaan Jiraatus Karaa Hafuuraa Cimanii Itti Fufaniiru

Obboloonnii fi Obboleettonni Xaaliyaanii Dhibee Daddarbaan Jiraatus Karaa Hafuuraa Cimanii Itti Fufaniiru

Xaaliyaaniin biyyoota dhukkuba daddarbaa COVID-19n garmalee miidhaman keessaa tokko dha. Qajeelfama Qaama Olaanaatiin, Waajjirri Damee Xaaliyaanii obbolootaa fi obboleettotaaf karaa qaamaas taʼee karaa hafuuraa gargaarsa gochaa jira.

Koreen Gargaarsaa sadii (DRCs) obboloota kaaba, kibbaa fi giddu gala Xaaliyaanii jiraniif kunuunsa gochaa jira. Jaarsoliin gumii babalʼistoonni gumii isaanii wantoota isaan barbaachisu ilaalchisee yeroo yeroodhaan ilaaltoota ol aanaa aanaadhaaf gabaasa godhu. Ilaaltonni ol aanaa aanaa immoo odeeffannoo kana obboloota Koree Gargaarsaatiif dabarsu.

Gargaarsa karaa qaamaa dabalatee jaarsoliin gumii babalʼistoonni karaa hafuuraa dammaqoo taʼanii akka itti fufan gargaaraa jiru. Obboleessi Viliyaam Boseellii inni ilaaltuu ol aanaa aanaa taʼee fi naannoo Miilaan ishii magaalaawwan dhukkubni kun itti babalʼate keessaa tokko taatetti tajaajilu akkana jedheera: “Obboloonnii fi obboleettonni mana isaaniitii kan hin baane taʼus, wal gaafachuu isaanii itti fufaniiru. Kana malees, viidiyookonfiraansiitiin walgaʼii gochuudhaan wal jajjabeessuu fi amantii isaanii ibsuu dandaʼaniiru. Obboloonnii fi obboleettonni maanguddoon illee walgaʼii gumii viidiyookonfiraansiidhaan godhamu irraa fayyadamaa jiru. Gumiiwwan isa kanaan duraa caalaa amma tokkummaan isaanii akka cime natti dhagaʼama.”

Dabalataanis, namoonni Dhugaa Baatota hin taane hedduun firoota isaanii Dhugaa Baatota taʼan wajjin walgaʼii hirmaachaa jiru. Obboleettiin takka akkana jettetti: “Abbaan manaa koo matumaa walgaʼii gumii irratti hirmaachuu hin barbaadu ture, amma garuu walgaʼicha manuma taaʼee kan hirmaatu yeroo taʼu baayʼees itti gammadaa jira.”

Obboloonnii fi Obboleettonni dhugaa baʼuuf carraa argatan kamitti iyyuu fayyadamaa jiru. Fakkeenyaaf, obboleettiin takka Obboleettii maanguddoo tokkoof wiilcharii geessuuf konkolaataadhaan utuu deemaa jirtuu poolisoonni sadii sakattaʼuuf ishii dhaabsisanii turan. Obboleettiin kun dubartii maanguddoo taʼaniif gargaarsa gochaa akka jirtu isaanitti himuudhaan waraqaa heyyamaa deemuuf qabdu isaanitti argisiiste. Sana booda tiraaktiiwwan Yeroo Gara Fuulduraatiif Ilaalcha Akkamii Qabda? jedhuu fi Rakkinni ni Badaa? jedhu tokkon tokkon isaaniitiif kennite. Poolisoonni kunis tiraaktiiwwan kana ni fudhatan. Obboleettiin kun wiilcharii geessitee yeroo deebituttis, poolisoonni kun ammas ishii dhaabsisan. Yeroo kanatti ishii galateeffatan akkasumas, abdii Kitaabni Qulqulluun kennu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa ishii gaafatan. Isaan poolisoonni kan biroo lama marii godhan irratti akka hirmaatan illee afeeraniiru. Obboleettiin keenya weebsaayitii jw.org isaanitti argisiisuu ishiitti gammaddeetti. Poolisiin inni tokko, “Galatoomi, harʼa akka gammannu gootetta!” ishiidhaan jedhee ture.

Obboleessi Boseelliin akkana jedheera: “Itti gaafatamummaa ani qabu keessaa inni tokko warra kaan jajjabeessuu taʼus, obboloonni koo karaa hafuuraa cimanii itti fufuun isaanii fi duubatti jechuu dhiisuuf murteessuu isaanii arguun koo anaafuu jajjabina naaf taʼeera. Jaalalli isaan Yihowaadhaaf qaban garaadhaa kan maddee fi kan nama dinqisiisuu waan tureef ijji koo imimmaaniin akka guutamu godheera. Isaan kennaa dinqisiisaa Yihowaa biraa argamanii fi baayʼee nu barbaachisani dha.”

Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, obboloonni keenya haalli rakkisaan isaan mudatus, karaa hafuuraa cimanii kan itti fufan yoo taʼu ‘rakkoowwan kanaanis hin raafamne.’—1 Tasalonqee 3:2, 3.