Dhimma ijoo ta'etti seeni

WAXABAJJII 12, 2020
ODUU ADDUNYAA MARAA

Yeroo Weerara Vaayirasii Koronaa Kanatti Obboloonni Ruwaandaa fi Zimbaabuwee Gargaarsa Midhaan Nyaataa Argachaa Jiru

Yeroo Weerara Vaayirasii Koronaa Kanatti Obboloonni Ruwaandaa fi Zimbaabuwee Gargaarsa Midhaan Nyaataa Argachaa Jiru

Waajjirri damee Ruwaandaa fi Zimbaabuwee, jaarsolii gumii naannichaa wajjin taʼuudhaan obboloonnii fi obboleettonni weerara vaayirasii koronaatiin kan kaʼe maallaqa gaʼaa hin qabne wantoota buʼuuraa isaan barbaachisu akka argatan gochuuf waliin hojjechaa jiru.

Ruwaandaa

Ebla 2, 2020 Koreen Waajjira Damee Ruwaandaa xalayaa obbolootaa fi obboleettota weerara vaayirasii koronaatiin kan kaʼe karaa maallaqaa rakkachaa jiran akka adda baasanii fi akka gargaaran gaafatu jaarsolii gumiitiif ergee ture. Kanaafuu, jaarsoliin guutummaa biyyattiitti argaman obbolootaa fi obboleettota kanaaf nyaataa fi wantoota buʼuuraa kan biroo dhiheessuu jalqaban.

Gara torbee lamaa booda waajjirri damee Ruwaandaa Koree Gargaarsaa (DRC) 31 hundeesse. Koreen gargaarsaa kun maatiiwwan gargaarsi isaan barbaachisuuf wantoota akka daakuu boqqoolloo, ruuzii, baaqelaa, ashaboo, sukkaaraa fi zayitii nyaataa raabseera. Hanga ammaatti, maatiiwwan 7,000 ol taʼaniif gargaarsi godhameera.

Obboleettiin teenya Niizeyimaanaa Chaarlootii fi ijoolleen ishii sadan nyaata erga fudhatanii booda akkana jedhaniiru: “Yeroo rakkisaa weerara vaayirasii koronaa kanatti gargaarsa karaa hafuuraa fi karaa foonii nuu gootaniif baayʼee galatoomaa. Miira keenya jechaan ibsuu hin dandeenyu.”

Obboleessi tokko guyyaa itti nyaanni akka isaaniif kennamu itti himametti wanta taʼe dubbatee ture. Akkana jedheera: “Guyyaa sana haati manaa tiyya hanqina nyaataatiin kan kaʼe of wallaaltee turte. Akkuma tasaa obboleessi tokko bilbilee maatii kootiif nyaata akkan fidu qophiin godhamuu isaa natti hime. Anis baayʼeen dinqisiifame. Halkan guutuu Yihowaa galateeffachaan bule.”

Zimbaabuwee

Weerarri dhukkubaa kun hanqinni nyaataa duruma iyyuu biyyattii keessa ture caalaatti akka hammaatu godheera.

Waajjirri damee Zimbaabuwee hojii gargaarsaa kana akka toʼatuuf Koree Gargaarsaa shan hundeesseera. Kana malees babalʼistoonni nyaataa fi wantoota dabalataa kaan obbolootaa fi obboleettota gargaarsi barbaachisuuf akka kennan waajjirri damee qophii godheera. Koreen gargaarsaa kun wantoota buusii godhaman kana raabsaa jira.

Hanga ammaatti koreen gargaarsaa kun babalʼistoota 7,319f boqqoolloo kiilogiraama 62,669, zayitii nyaataa liitira 6,269, kappeentaa (qurxummii gogfame) kiilogiraama 3,337 fi baaqelaa kiilogiraama 5,139 raabseera.

Abbaan manaa fi haati manaa Kitaaba Qulqulluu qoʼatanii fi yeroo hunda walgaʼii irratti argaman tokko nyaanni isaan barbaachisa ture. Obboleessi isaan qoʼachiisu midhaan nyaataa yommuu isaaniif kennu baayʼee gammadan. Guyyaa midhaan nyaataa itti kennamu sana dura turetti paastariin waldaa isaan kanaan dura keessa turan tokkoo isaan wajjin wal argee ture. Paastariin kun innii fi haati manaa isaa nyaata akka ittiin bitataniif buusii akka godhan isaan gaafatee ture. Abbaan manaa fi haati manaa kun garaa garummaa guddaa Dhugaa Baatota Yihowaa fi paasatarii kana gidduu jiru arguun isaanii ifatti waldaa sana keessaa baʼuuf akka murteessan isaan taasiseera.

Yihowaan tajaajila gargaarsaa kana eebbisuu isaa akka itti fufuu fi obboloota keenya Ruwaandaa fi Zimbaabuwee keessa jiraniif wanta isaan barbaachisu akka isaaniif guutu hin shakkinu.—Hojii Ergamootaa 11:29.