Dhimma ijoo ta'etti seeni

ERTIRAA

Sababii Amantii Isaaniitiin Hidhamaniiru—Ertiraa

Sababii Amantii Isaaniitiin Hidhamaniiru—Ertiraa

Waggoota hedduudhaaf mootummaan Ertiraa dubartootaa fi maanguddoota dabalatee Dhugaa Baatota Yihowaa mana murtiitti utuu hin dhiheessin ykn sochii amantaa wajjin wal qabatee godhamuun ykn sababii ifa hin taaneen qabee hidhaa tureera. Pireezidaanti Isaayyaas Afawarqiin murtoo uummataa ofiin of bulchuu bara 1993​tti geggeeffame irratti hirmaachuu waan didanii fi tajaajila loltummaa irratti hirmaachuuf qalbiin isaanii waan isaanii hin heyyamneef labsii mootummaa Onkoloolessa 25, 1994 baʼeen mirga lammummaa isaanii isaan dhabsiisaniiru. Dirqamaan gara bakka itti galmeeffaman geessuu isaanii dura, abbootiin taayitaa Ertiraa tajaajila uummataa bakka tajaajila loltummaa raawwatamu ni heyyamu turan. Dhugaa Baatonni hedduun yeroo adda addaatti bulchitoota gara garaa jalatti tajaajila kana irratti hirmaataniiru. Abbootiin taayitaa “Waraqaa Ragaa Xumura Tajaajila Biyyaalessaa” seera qabeessa taʼe qopheessaniiru; akkasumas yeroo baayʼee hojii isaan raawwataniif isaan galateeffatu turan. Haa taʼu malee, labsii pireezidaantiin baase irratti hundaaʼuudhaan, humnoonni nageenyaa Dhugaa Baatonni Yihowaa amantii isaanii akka ganan dirqisiisuuf mana hidhaa isaan galchaniiru, isaan dararaniiru, akkasumas isaan doorsisaniiru.

Yeroo ammaatti Dhugaa Baatonni Yihowaa 38 (dhiirota 27 fi dubartoota 11) mana hidhaa jiru. Dhugaa Baatonni Yihowaa 28 (dhiirota 26 fi dubartoota 2) sababii amantii isaaniitiin waggaa 5 hanga waggaa 26​tti hidhamanii turan, Muddee 4, 2020 mana hidhaatii gadhiifamaniiru. Amajjii 29, 2021 Dhugaa Baatuun Yihowaa waggaa 12 hidhamee ture tokko gadhiifameera; Guraandhala 1, 2021 immoo Dhugaa Baatonni dabalataa sadi (dhiira tokkoo fi dubartii lama) gadhiifamaniiru. Waggaa afurii hanga waggaa sagalii mana hidhaatti dabarsaniiru.

Dhugaa Baatota Haala Rakkisaa Mana Hidhaa Keessa Tureen Duʼaan Boqotan

Dhugaa Baatonni afur utuu mana hidhaa Ertiraa keessa jiranii duʼaan boqotaniiru, maanguddoonni Dhugaa Baatota taʼan sadii immoo haala rakkisaa mana hidhaa keessatti dabarsaniin kan kaʼe erga gadhiifamanii booda duʼaan boqotaniiru.

Bara 2018​tti, Dhugaa Baatonni lama Mana Hidhaa Maayi Serwaa jedhamutti erga dabarfamanii booda duʼaan boqotaniiru. Haabtamikaaʼel Tasfaamaariyaam Amajjii 3 umurii isaa waggaa 76​tti duʼaan boqoteera, Haabtamikaaʼel Makonnin immoo Bitootessa 6 umurii isaa waggaa 77​tti duʼaan boqoteera. Abbootiin taayitaa Ertiraa bara 2008​tti namoota lamaan kana mana murtiitti utuu hin dhihaatin mana hidhaa keessa akka turan isaan taasisaniiru.

Bara 2011 fi 2012​tti, Dhugaa Baatonni lama immoo Mana Hidhaa Meeyitir keessatti gocha suukanneessaa namummaadhaa ala isaan irratti raawwatameen duʼaan boqotaniiru. Misginnaa Gabratinsaaʼeen immoo umurii isaa waggaa 62​tti Adoolessa 2011​tti mana lafa keessaa hoʼa cimaa qabu keessatti hidhaadhaan adabamuu isaatiin kan kaʼe duʼaan boqoteera. Yohaannis Hayileen immoo, haaluma wal fakkaataa keessatti gara waggaa afurii erga hidhamee booda umurii isaa waggaa 68​tti, Hagayya 16, 2012​tti duʼaan boqoteera. Dhugaa Baatonni maanguddoon sadii Kaahaasaayi Makonnin, Gooyitom Gabrakiristoosii fi Tsahaayee Tasfaamaariyaam jedhaman haala rakkisaa Mana Hidhaa Meeyitir jedhamu keessatti isaan irra gaʼeen mana hidhaatii erga gadhiifamanii booda duʼaan boqotaniiru.

Yaada Furmaataa Qaamonni Mirga Namummaa Beekamoo Taʼan Kennan Fudhachuu Didde

Ertiraan mirga namummaa biyyoolessaa tuffachuu ishii itti fufteetti. Qaamonni mirga namummaa guguddaan mirga buʼuuraa sarbuu balaaleffataniiru, akkasumas Ertiraan haala isaa fooyyessuuf tarkaanfii akka fudhattu gaafachuu isaanii itti fufaniiru.

Bara 2014​tti, Mana Maree Mirgoota Namummaa (HRC) gabaasa addaa haala mirga namummaa Ertiraa keessatti argamuu dhihaate dhagaʼeera; kunis abbootiin taayitaa nama tajaajila loltummaa kennuuf qalbiin isaa isaaf hin heyyamne akka kabajan kanas, “seera mirga namummaa biyyoolessaa wajjin haala wal simuunii” fi “mirga fayyaa qaamaa namoota hidhaman eegsisuu, warra yaaliin fayyaa barbaachisu yaalii akka argatan gochuu . . . fi haalli mana hidhaa keessa jiru sadarkaa isaa kan eege akka taʼu gochuudhaan fooyyessuudha.” Bara 2015​tti, murtoo Manni Maree Mirga Namummaa dabarse irratti mootummaan Ertiraa mirga namoota “tajaajila loltummaa kennuuf qalbiin isaanii isaaniif hin heyyamnee” akka kabaju gaafateera.

Bara 2016​tti Koomishiniin Mirga Namummaa Ertiraa keessa jiru qoru tokko abbootiin taayitaa Ertiraa Dhugaa Baatota Yihowaa fi namoota kaan irratti “amantaa fi sanyii buʼuura godhatanii ariʼatama waan geessisaniif” “ilmaan namootaa irratti yakka” akka raawwatan mirkaneesseera.

Bara 2017​tti, Koreen Hayyoota Mirgaa fi Nageenya Daaʼimmanii Afrikaa eegsisu (ACERWC) eegumsa seeraa isaaniif godhamuu malees, “ijoolleen Dhugaa Baatota Yihowaa” mirgi isaanii hin eegsifamneef, akkasumas hacuuccaan ykn cunqursaan isaan irra gaʼuu dandaʼu akka isa yaaddesse dubbateera. Kanaafuu dhaabbanni kun Ertiraan “loogii tokko malee mirga daaʼimmanii yaada ofii ibsuu, qalbii fi amantiitiif beekamtii kennuu fi guutummaatti hojii irra akka oolu gochuu” akka qabdu yaada dhiheesseera.

Bara 2018, Koomishiniin Mirgoota Namummaa fi Namootaa Afriikaa, Ertiraan “miseensota amantaa Dhugaa Baatota Yihowaa dabalatee . . . mirga buʼuuraa namoota mana hidhaa keessa jiran dhowwachuu ishiitiin sirreessuuf saffisaan tarkaanfii hatattamaa fudhachuu akka qabdu,” akkasumas Dhugaa Baatota mana hidhaa keessatti duʼan ilaalchisee qorannoo gochuu akka qabdu gabaaseera. Koomishiniin kun Ertiraan Dhugaa Baatota Yihowaatiif “mirga lammummaa isaanii isaaniif deebisuu” akka qabdu ibseera.

Caamsaa 2019​tti, Koreen Mirga Namummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (CCPR) Ertiraan mirga bilisummaadhaan amantaa ofii ibsuu kennuudhaan “Dhugaa Baatota Yihowaa dabalate namoota sababii amantaa isaaniitiin qabaman ykn hidhaman hunda akka gadhiistu” gaafateera. Kana malees, koreen kun Ertiraan “namoota tajaajila loltummaa kennuuf qalbiin isaanii isaaniif hin heyyamneef beekamtii akka kennituu fi tajaajila kan biraa bakka tajaajila loltummaa kennamu akka qopheessitu” gaafateera.

Gabaasa Caamsaa 12, 2021​tti Rippoortarri Addaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii baase tokkorratti mootummaan Ertiraa “Dhugaa Baatota Yihowaa 20 dabalatee namoota sababa amantii isaaniitiin himanni utuu irratti hin dhihaatin ykn murtii malee hidhamanii jiran hunda hatattamaan haalduree tokko malee akka gadhiisu” gaafateera; kana malees, “murtoo sababii amantii isaaniitiin Dhugaa Baatota Yihowaarraa lammummaa isaanii haquuf dabarse irra deebiʼee akka ilaalu, yaada Koomishiniin Mirga Namummaa fi Uummataa Afrikaa Dhugaa Baatonni Yihowaa mirgi lammummaa isaanii akka eegamuuf dhiheesse akka kabajuu fi gabaasa Dhugaa Baatota Yihowaa mana hidhaatti duʼan ilaalchisee baʼe akka qoru” gaafateera.

Yeroo hin Murteeffamneef Hidhamuu

Dhiironni Dhugaa Baatota taʼan hedduun isaanii hamma duʼanitti ykn hamma duʼuu jala gaʼanitti yeroo hin murteeffamneef hidhamaniiru. Biyyattii keessa adeemsi seeraa ykn qophiin gama kanaan hojii irra ooluu dandaʼu waan hin jirreef hidhaan isaanii umurii guutuu taʼa.

Chaartii Yeroo

  1. Ebla 16, 2024

    Walumaa galatti Dhugaa Baatonni 38 hidhamanii jiru.

  2. Guraandhala 1, 2021

    Dhugaa Baatonni sadi mana hidhaatii gadhiifamaniiru.

  3. Amajjii 29, 2021

    Dhugaa Baatuun tokko mana hidhaatii gadhiifameera.

  4. Muddee 4, 2020

    Dhugaa Baatonni 28 mana hidhaatii gadhiifamaniiru.

  5. Bitootessa 6, 2018

    Haabtamikaaʼel Makonnin Mana Hidhaa Maayi Serwaa jedhamutti erga dabarfamee booda umurii isaa waggaa 77​tti duʼaan boqoteera.

  6. Amajjii 3, 2018

    Haabtamikaaʼel Tasfaamaariyaam Mana Hidhaa Maayi Serwaa jedhamutti erga dabarfamee booda umurii isaa waggaa 76​tti duʼaan boqoteera.

  7. Adoolessa 2017

    Dhugaa Baatonni Mana Hidhaa Meeyitir jedhamutti hidhamanii turan hundi Mana Hidhaa Maayi Serwaa isa magaalaa Asmaraadhaa ala jirutti dabarfamaniiru.

  8. Adoolessa 25, 2014

    Namoota Ebla 14 qaban keessaa hedduun isaanii gadhiifamaniiru, warri Ebla 27 qabaman garuu amma iyyuu mana hidhaa jiru.

  9. Ebla 27, 2014

    Dhugaa Baatonni 31 walgaʼii qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu utuu godhanii qabaman.

  10. Ebla 14, 2014

    Dhugaa Baatonni 90 ol taʼan Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoos utuu kabajaa jiranii qabamaniiru.

  11. Hagayya 16, 2012

    Haala rakkisaa mana hidhaa keessatti mudateen kan kaʼe, Yohaannis Haayileen umurii isaa waggaa 68​tti duʼaan boqoteera.

  12. Adoolessa 2011

    Haala rakkisaa mana hidhaa keessatti mudateen kan kaʼe, Misginnaa Gabratinsaaʼeen umurii isaa waggaa 62​tti duʼaan boqoteera.

  13. Waxabajjii 28, 2009

    Abbootiin taayitaa Dhugaa Baatonni walgaʼii amantii isaanii utuu geggeeffatanii mana isaanii weeraruudhaan, Dhugaa Baatota 23 umurii waggaa 2 kaasee hanga umurii waggaa 80 jiran hunda qabaniiru.

  14. Ebla 28, 2009

    Abbootiin taayitaa Dhugaa Baatota tokko waajjira poolisiitti hambisuudhaan warra kaan hunda gara Mana Hidhaa Meeyitir jedhamutti dabarsaniiru.

  15. Adoolessa 8, 2008

    Abbootiin taayitaa Dhugaa Baatota 24 qabanii hidhuuf manaa fi bakka hojii sakattaʼuu jalqaban; baayʼeen isaanii jireenyi maatii isaanii isaan irratti kan hundaaʼedha.

  16. Caamsaa 2002

    Mootummaan dhaabbilee amantaa afur mootummaa biratti fudhatama qaban irraa kan hafe dhaabbilee amantaa hunda ni dhorke.

  17. Onkoloolessa 25, 1994

    Labsiin pireezidaantii mirga lammummaa fi mirga namummaa buʼuuraa dhabsiisu ni baʼe.

  18. Fulbaana 17, 1994

    Phaawulos Iyyaasuu, Nagada Taklamaariyaamii fi Yisihaaq Mogas himata malee ykn mana murtiitti utuu hin dhihaatin hidhaman.

  19. Bara 1940mman

    Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo jalqabaatiif gara Ertiraa kan deeman yeroo kanattidha.