Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaa: Galma Walgaʼii Taayifuuniidhaan jige. Mirga: Kaartaa naannoo Taayifuuniidhaan miidhame argisiisu

CAAMSAA 28, 2020
FILIPPIINSI

Filippiinsitti Waqtiin Obomboleettii, Badiisa Taayifuun Voongfoongi Geessiseen Jalqabe

Filippiinsitti Waqtiin Obomboleettii, Badiisa Taayifuun Voongfoongi Geessiseen Jalqabe

Taayifuun Voongfoongi (inni naannoo sanatti Amboo jedhamu) Caamsaa 14, 2020 odoola Samaar rukuteera. Taayifuun gosti 3⁠ffaan, jechuunis obomboleettiin trooppikaalii inni 2020⁠tti Dhiha Garba Paasifiik irraa kaʼee bubbee saʼaatiitti gara kiilomeetira 185 bubbisuun Samaariin rukuteera. Namoonni kuma dhibbaan lakkaaʼaman naannoo sanaa kan baafaman siʼa taʼu, kana gochuunis sababa dhorkaa mootummaan qaamaan wal irraa fagaachuu ilaalchisee baaseen kan kaʼe wal xaxaa ture.

Obbolootaa fi obboleettota keenya tokko irra iyyuu miidhaan kan hin geenye taʼus, 59 kan taʼan mana isaanii keessaa baafamaniiru. Obboloonni kun mana barumsaa isa akka buufataatti gargaaru ykn manneen Dhugaa Baatota kaanitti buufataniiru. Dabalataanis manni obboloota keenya 82 guutummaatti diigameera ykn miidhaan irra gaʼeera. Galma Walgaʼii shan irras miidhaan gaʼeera, tokko immoo guutummaatti diigameera. Waajjirri Damee Filippiinsi obbolootaa fi obboleettota keenya miidhamaniif wanta karaa qaamaa fi hafuuraa barbaachisu dhiheessuuf, Koreewwan Gargaarsaa lama hundeesseera.

Obboloota keenya Filippiinsi warra balaa Taayifuunii fi dhibee daddarbaa dandamachaa jiraniif kadhachuu keenya itti fufna. Yihowaa inni “kattaa yeroo hundumaa” taʼe isaan kunuunsuu isaa akka itti fufu guutummaatti ni amanamna.—Isaayyaas 26:4.