Dhimma ijoo ta'etti seeni

WAXABAJJII 29, 2021
MOOZAAMBIIK

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii Afaan Niiyaanguweetiin Baʼe

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii Afaan Niiyaanguweetiin Baʼe

Waxabajjii 27, 2021, Obboleessi Addoo Koostaa inni miseensa Koree Waajjira Damee Moozaambiik taʼe Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii, afaan Niiyaanguweetiin baaseera. Kitaabni kun kan baʼe bifa dijitaalaatiin yoo taʼu, baʼuun isaa kan beeksifame sagantaa dursee waraabamee fi babalʼistoonni 2,600 ol hirmaatan irratti dha. Dabalataanis, sagantaan kun televijinii biyyoolessaa fi buufatawwan raadiyoo gara garaatiin darbeera.

Yaadawwan Ijoo Waaʼee Pirojektii kanaa ibsan

  • Niiyaanguween adda durummaan kan dubbatamu kaaba dhiha Moozaambiik Koonyaa Teeteetti dha

  • Tilmaamaan namoonni gara 400,000 taʼan afaan niiyaanguwee ni dubbatu

  • Hiikkaa kana xumuruuf hiiktonni 6 waggaa 2 itti fudhateera

Obboleessi Koostaan akkas jedheera: “Waggoota dheeraaf Kitaabni Qulqulluun afaan Niiyaanguweetiin hin jiru ture. Kanaafuu obboloonnii fi obboleettonni keenya afaan Niiyaanguwee dubbatan hiikkaa Kitaaba Qulqulluu afaan Chiichewaa fayyadamu turan. Kun rakkina guddaa uumaa tureera, sababiin isaas, jechoonnii fi gaaleewwan afaan Chiichewaa dogogoraan hubatamu turan.”

Kitaabni kun baaʼuu isaa dura tiimii hiikkaa kana keessaa namni tokko akkas jedheera: “Babalʼistoonni Kitaaba Qulqulluu kana yommuu argatan gammachuudhaan utaalu. Kun abjuu isaanitti fakkaata, dinqii Yihowaan raawwate akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Yihowaa baayʼee galateeffatu.”

Namoonni dabalataa hedduun ergaa isaa irraa fayyadaamuu akka dandaʼaniif, Kitaabni Qulqulluun kun akka isaan gargaaru ni kadhanna.—Mulʼata 22:17.