Dhimma ijoo ta'etti seeni

WAXABAJJII 24, 2022
MOOZAAMBIIK

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Maatewosii-Mulʼataa Afaan Loomweetiin ni Baʼe

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Maatewosii-Mulʼataa Afaan Loomweetiin ni Baʼe

Waxabajjii 19, 2022, obboleessi keenya Paatriik Heeker inni miseensa Koree Waajjira Damee Moozaambik taʼe, Kitaabni Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Maatewosii-Mulʼataa Afaan Loomweetiin baʼuu isaa beeksise. Kitaabni Qulqulluun kun sagantaa dursee waraabameen bifa dijitaalaatiin baʼuun isaa beeksifameera. Babalʼistoonni gumii Afaan Loomweetiin geggeefaman sagantaa isaa Galmawwan Walgaʼii isaaniitti hordofaniiru, namoonni walgaʼii kana irratti argaman hundi Kitaaba Qulqulluu isa maxxanfame argataniiru.

Kitaaboonni Qulqulluun Afaan Lomweetiin baʼuu kan jalqaban bara 1930 eegalee taʼus, gatiin isaanii miʼaa fi jechoota yeroon itti darbe kan fayydaman turan. Sirrii kan taʼanis yeroo hunda hin turre. Fakkeenyaaf, hiikkaawwan jiran irratti, Luqaas 23:43, “Harʼa sittan hima, anaa wajjin samiiwwan irra ni taata” jedha. Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa irratti, “Ani dhuguman sitti hima harʼa, anaa wajjin Jannata keessa ni taata” jedhamee karaa sirrii taʼeen hiikameera.

Babalʼistoonni Gumii Muuzeebaa Kitaabota Qulqulluu isaanii yommuu argisiisan

Namoota hojii hiikkaa irratti hirmaatan keessaa inni tokko hiikkaa Kitaaba Qulqulluu haara kana ilaalchisee akkana jedheera: “Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Maatewosii-Mulʼataa Afaan Loomweetiin qophaaʼe ifaa fi dubbisuuf salphaa kan taʼe dha. Obboloonni hiikawwan caqasootaa salphaatti akka hubatanii fi wanta baratan hojii irra oolchuuf akka kakaʼaan homaa hin shakkisiisu.”

Hiikkaan Kitaaba Qulqulluu haaraan kun obboloonni fi obboleettoonni caalaatti Yihowaatti akka dhihaatanii fi namoota tajaajila irratti argatan gargaaruuf akka isaan fayyadu amanannaa guutuu qabna.—Maatewos 5:3.