Dhimma ijoo ta'etti seeni

Suuraa Ibidda Diiksii halkaniin Kaalifoorniyaa Yuunaayitid Isteetisitti gaʼe argisiisu

HAGAYYA 16, 2021
YUNAAYITID ISTEETIS

Ibiddi Bosonaa Kaʼe Kaalifoorniyaa Irratti Miidhaa Guddaa Dhaqqabsiisaa Jira

Ibiddi Bosonaa Kaʼe Kaalifoorniyaa Irratti Miidhaa Guddaa Dhaqqabsiisaa Jira

Bakka adda addaatti ibiddi bosonaa kaʼe Kaalifoorniyaa Yuunaayitid Isteetis irratti miidhaa guddaa dhaqqabsiisaa jira. Yeroo ammaatti Ibiddi Diiksii inni guddaan balʼina hektaara 187,562 ol taʼeen babalʼachaa jira. Ibiddi kun balʼina isaatiin seenaa Kaalifoorniyaa keessatti isa lammaffaa dha.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Keenya Irra Gaʼe

  • babalʼistoonni 415 qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru ykn gadhiisanii baʼaniiru

  • manneen 17 jijjiganiiru

  • manneen 2 irra miidhaa cimaan gaʼeera

Gargaarsa Taasifame

  • Ilaaltonni Ol Aanaa Aanaa naannoo balaan kun gaʼe jiran jaarsolii gumii wajjin taʼuudhaan obboloota sababii ibidda kanaan miidhaan isaan irra gaʼe Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii isaan jajjabeessaa jiru. Kana malees obboloota qeʼee isaanii irraa buqqaʼanii fi gadhiisanii baʼan bakka buufatan akka argatan gargaaraa jiru

  • Hojiin gargaarsaa kun hundi kan kenname qajeelfama KOOVIID 19 irraa of eeguu ilaalchisee kenname eeguudhaani

Sabni Yihowaa yeroo rakkinni isaan irra gaʼu illee michuu dhugaa obbolootaa fi obboleettota isaanii gargaaruuf qophaaʼan taʼuu isaanii ni argisiisu.—Fakkeenya 17:17.