Dhimma ijoo ta'etti seeni

MUDDEE 14, 2021
YUNAAYITID ISTEETIS

Yuunaayitid Isteetis Keessatti Obomboleettii Hedduun Balaa Cimaa Geessise

Yuunaayitid Isteetis Keessatti Obomboleettii Hedduun Balaa Cimaa Geessise

Muddee 10, 2021 irraa eegalee obomboleettiin Yuunaayitid Isteetis keessatti walitti aansee uumame saddeet kutaawwan biyyattii hedduu miidheera; obomboleettiiwwan kun yeroo furguggifamanitti kiilomeetira gara 402 darbatamuudhaan miidhaa guddaa geessisaniiru. Balaa kanaan lubbuun namootaa badeera; qabeenyi hedduunis barbadaaʼeera. Keessumaa kutaan biyyaa Keentuukii jedhamu baayʼee miidhameera.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Keenya Irra Gaʼe

  • Kan miidhames taʼe kan duʼe hin jiru

  • Babalʼistoonni 31 qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru

  • Manneen 10 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Manneen 3 irra miidhaa cimaan gaʼeera

  • Manneen 9 guutummaatti barbadaaʼaniiru

Hojii Gargaarsaa

  • Ilaaltonni Ol Aanaa Aanaa fi jaarsoliin gumii obboloota miidhaan irra gaʼe Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii jajjabeessaa jiru

  • Gargaarsi hundi godhamaa kan jiru qajeelfama KOOVIID-19 irraa of eeguu ilaalchisee kenname eeguudhaani

Yihowaan obboloota balaa uumamaa kanaan kan kaʼe rakkinni irra gaʼaa jiruuf garaadhaa akka yaadu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Isaayyaas 63:9.